[1] Daawit bara baay'ee jiraatee yommuu dulloome, ilma isaa Solomoonin Israa'el irratti in moosise.
[2] Yeroodhuma sana gurguddoota Israa'el hundumaa, lubootaa fi Lewwoota walitti qabee,
[3] Lewwoota waggaa soddoma yookiis isaa ol ta'an in lakkoobsise; baay'inni isaaniis kuma soddomii saddeet ture.
[4] Isaan kana keessaa namoonni kumni digdamii afur, hojii mana qulqullummaa keessaa akka hojjechiisan, namoonni kumni ja'a, kutaa hojii garaa garaa irratti akka abboomaniif, firdii akka kennan,
[5] namoonni kumni afur karra akka eegan, namoonni kumni afur immoo mi'a faarfannaa inni qopheesseen Waaqayyoof galata akka dhi'eessan in abboome.
[6] Daawit isaan kana akka balbala Gershoon, Qehaatii fi Meraarii ilmaan Lewwii sadaniitti gargar in hire.
[7] Gershoon ilmaan lama qaba ture; isaanis, La'adaanii fi Shime'ii jedhamu.
[8] Ilmaan La'adaan sadan immoo Yehii'el isa angafa, Zetaamii fi Yo'el turan.
[9] Ilmaan Shime'ii sadan immoo Shilomoot, Hazii'elii fi Kaaraan; isaan kun dura-buutota qomoo La'adaan turan.
[10] Ilmaan Shiimii arfan immoo Yaahaat, Ziinaa, Ye'ushii fi Beriyaa dha.
[11] Yaahaat balbala angafaa, Ziinaan immoo balbala quxisuu yommuu ta'an, Ye'ushii fi Beriyaan garuu ijoollee baay'ee waan hin godhatiniif akka balbala tokkootti in lakkaa'aman.
[12] Qehaat ilmaan afur qaba ture; isaanis, Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el jedhamu.
[13] Ilmaan Amraam immoo Aaronii fi Musee dha; Aaronii fi sanyiin isaa, wanta hundumaa irra qullaa'aa ta'e qulqullinatti eeguuf, Waaqayyoof aarsaa dhi'eessuuf, isaaf hojjechuuf, maqaa isaatiinis namoota eebbisuuf bara baraan addaan in baafaman.
[14] Ilmaan Musee nama Waaqayyoo, ilmaan Lewwii gidduutti in lakkaa'aman.
[15] Museen ilmaan lama qaba ture; isaanis, Gershoomii fi Elii'ezer jedhamu.
[16] Ilmaan Gershoom keessaa Shebu'el angafa ture.
[17] Ijoollee Elii'ezer keessaa Rehaabiyaan angafa ture; Elii'ezer ilma kan biraa hin qabu; Rehaabiyaan garuu ilmaan baay'ee godhate.
[18] Ilmaan Yizhaar keessaa Shilomiit angafa ture.
[19] Kebroon ilmaan afur qaba ture; isaanis, Yeriiyaan isa duraa ti, Amaariyaan isa lammaffaa ti, Yaahazii'el isa sadaffaa ti, Yeqaamii'aam isa afuraffaa ti.
[20] Ilmaan Uzii'el, Miikaa isa angafaa fi Yishiiyaa isa quxisuu dha.
[21] Meraariin ilmaan lama qaba ture; isaanis, Maahilii fi Mushii jedhamu; Maahiliinis ilmaan lama qaba ture; maqaan isaaniis, Ele'azaarii fi Qiish jedhama.
[22] Ele'azaar ijoollee dhiiraa utuu hin godhatin in du'e; inni durba duwwaa qaba ture; isaan kana immoo ilmaan Qiish obboleessa isaatiitu fuudhe.
[23] Mushiin ilmaan sadii qaba ture; isaanis Maahilii, Ederii fi Yeremoot turan.
[24] Isaan kun gosa Lewwii warra akka qomoo qomoo isaaniitti, akka balbala balbala abbaa isaaniitti dura-buutota ta'anii adda addaan caafamanii dha; qomoo Lewwii hundumaa keessaa namni waggaa digdamaa yookiis waggaa digdamaa olii adduma addaan hojii mana qulqullummaa keessaa hojjetamu keessaa qooda qaba ture.
[25] Daawit yommus,“Waaqayyo gooftaan Israa'el saba isaatiif boqonnaa kenneera, ofii isaatii immoo bara baraan Yerusaalem keessa in jiraata;
[26] egaa Lewwoonni si'achi godoo qulqullaa'aa, mi'a godicha keessaa ittiin hojjetan hundumaas baatanii asii fi achi adeemuu isaan hin barbaachisu” jedhe.
[27] Akka dubbii Daawit isa gara dhumaa sanaatti, Lewwoonni waggaa digdamaa yookiis waggaa digdamaa olii in lakkaa'aman.
[28] Hojiin isaan kanaas dallaa mana qulqullummaa keessa, kutaawwan garaa garaa manichatti dabalamanii ijaaraman eeguudhaan, hojii kan biraa achi keessaa hojjetamuu barbaachisus hojjechuudhaan, ilmaan Aaron warra luboota warra mana qulqullummaa keessaa hojjetan gargaaruu dha.
[29] Akkasumas buddeena ilaalchaa qopheessanii gabatee irra kaa'uutti, safara daakuu kennaa midhaaniitiif kennamu, baay'inaa fi gurguddina maxinoo hahaphii fi bixxillee safaramee dhadhaa ejersaatiin sukkuumamee tolfamu hundumaatti gaafatamoo dha.
[30] Kana malees guyyaa hundumaa ganamaa fi galgala dhaabatanii Waaqayyoon galateeffachuunii fi faarfachuun,
[31] guyyaa Sanbataatti, guyyaa ayyaana baatiitti, guyyaa ayyaana beekamoottis, yeroodhuma qalmi gubamu dhi'aatutti, akka abboommii isaaniif kennametti lakkoobsi isaanii utuu hin hir'atin fuula Waaqayyoo duratti argamanii hojjechuun isaan irraa kan barbaadamuu dha.
[32] Akkasitti warri Lewwootaa dunkaana itti wal ga'anii fi iddoo qulqullaa'aa sana keessaa wanta hojjechuuf itti gaafataman in raawwatu; kana malees hojii obboloonni isaanii ilmaan Aaron mana qulqullummaa keessaa hojjetan isaan in gargaaru turan.