[1] Kana booddee Israa'eloonni guutummaatti Kebroonitti Daawit biratti walitti qabamanii,“Kunoo, nuyi dhiiga kee ti, foon kee tis.
[2] Yeroo darbetti, utuma Saa'ol mootii ta'ee jiruu iyyuu, Israa'eloota gara duulaatti bobbaasee kan galchu si ture; Waaqayyo gooftaan kees,“Saba koo Israa'elin situ geggeessa, situ isaan bulchas” siin jedheera” ittiin jedhan.
[3] Jaarsoliin Israa'el hundinuu Kebroonitti Daawit mooticha bira yommuu dhufan, Daawit isaanii wajjin fuula Waaqayyoo duratti kakaadhaan walii gale; akkuma Waaqayyo karaa Saamu'el dubbatee turettis, isaan Israa'el irratti mootii akka inni ta'uuf isa in diban.
[4] Yommus Daawitii fi Israa'eloonni hundinuu gara mandara Yerusaalem isa “Yibus” jedhamaa turetti in duulan; innis biyya warri Yibusootaa keessa jiraatan ture.
[5] Namoonni Yibusis Daawitiin,“Ati asitti hin galtu!” jedhan; Daawit garuu masaraa Xiyoon in qabate; isheenis ishee“Mandara Daawit” jedhamtee beekamtee dha.
[6] Daawit yommus,“Namni duraan dursee Yibusoota rukutu angafa ajajaa waraanaa in ta'a” jedhe; kana irratti Yo'aab inni Zeruyaan deesse duraan dursee dhaqee isaan rukutee, ajajaa in ta'e.
[7] Yommus Daawit masaraa sana qabatee keessa in jiraate; kanaaf“Mandara Daawit” jedhamtee waamamte.
[8] Inni lafa “Miiloo” jedhamuu kaasee masarichatti naannessee mandara in ijaare; Yo'aab immoo mandara isa hin haareffamin hafe deebisee in haaresse.
[9] Waaqayyo gooftaan maccaa isaa wajjin waan tureef, Daawit ittuma fufee jabaachaa in adeeme.
[10] Loltoota Daawit keessaa warri angafoota loltoota jajjaboo ta'an, warri Israa'eloota hundumaa wajjin akkuma Waaqayyo dubbatetti, Daawit guutummaa biyyichaa irratti akka mo'uuf mootummaa isaa jabeessaa turan kanatti fufanii kan jiranii dha.
[11] Lakkoobsi gootota Daawit kanatti aanee kan jiruu dha; Yaashobi'aam Hakmontichi dura-buutuu warra soddommanii ti; inni eeboo isaa butatee ala tokkotti namoota dhibba sadii in fixe.
[12] Isatti aanee immoo Ele'azaar ilma Dodoo isa Ahohichaa ti; inni loltoota jajjaboo sadan keessaa isa tokko.
[13] Inni yeroo warri Filisxeem lolaaf Phasdamiimitti walitti qabamanitti Daawitii wajjin achi ture; yommuu namoonni Israa'el warra Filisxeem duraa baqachuu jalqabanitti inni maasii garbuu baay'een irra jiru keessa ture.
[14] Innii fi namoonni isaa maasii sana keessa iddoo qabatanii warra Filisxeem in rukutan; yommus Waaqayyo mo'icha guddaa isaaniif in kenne.
[15] Kutanni loltuu warra Filisxeem dachaa Refaa'iim keessa buufatee utuu jiruu, dura-buutota soddomman keessaa sadii Daawit bira gara kattaa isa holqa Adulaamitti dhi'oo jiru in dhaqan.
[16] Yommus Daawit masaraa keessa ture, loltoonni Filisxeem immoo Betlihem keessa buufatanii turan.
[17] Daawit bishaan kajeelee,“Eenyutu boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru keessaa bishaan dhugaatii buduqsee anaaf fida laata!” jedhe.
[18] Loltoonni beekamoonni sun sadan buufata loltoota Filisxeemotaa gidduu ba'anii, boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru sana keessaa bishaan buduqsanii, Daawitiif in fidan; Daawit garuu bishaanicha akka kennaatti Waaqayyoof dhangalaase malee, dhuguu hin barbaanne.
[19] Kanaafis,“Waaqayyoon koo kana gochuu ana irraa haa fageessu! Jarri kun lubbuu isaanii gurguranii waan fidaniif, ani immoo dhiiga namoota lubbuu isaanii gurguranii bishaan kana fidanii dhuguu ree?” jedhe; isaan lubbuu isaanii qubaan of keessatti gad qabaa waan fidaniif Daawit bishaanicha dhuguu hin barbaanne; wanti loltoonni jajjaboonni sadan kun godhan kana ture.
[20] Abiishaayi obboleessi Yo'aab immoo dura-buutuu warra sadan sanaa ture; innis eeboo isaa butatee namoota dhibba sadii in fixe, warra sadan keessattis maqaa in godhate.
[21] Inni warra hafan sadan keessaa caalaatti ulfina guddaa waan qabuuf, ajajjuu isaanii in ta'e; haa ta'u iyyuu malee, akka warra kaanii beekama hin turre.
[22] Benaayaan ilmi Yihoyaadaa namni biyya Kabzii'el, loltuu jabaadhaa fi nama hojii gurguddaa hojjete ture; inni namoota Mo'aab warra akka leencaa lama in ajjeese; gaaf tokkos cabbii keessa boolla tokko keessa lixee leenca tokko ajjeeseera.
[23] Nama biyya Gibxii hojjaan isaa dhundhuma shan dheeratu tokkos ajjeeseera; namichi Gibxii kun eeboo somaan isaa hamma muka wayya-dhooftuun wayyaa isa dha'e itti maru furdatuu in qabata ture; Benaayaan immoo ulee qabatee bira ga'ee eeboo isaa harka isaa keessaa butee, isumaan namicha Gibxii sana in ajjeese.
[24] Benaayaan ilmi Yihoyaadaa kana gochuu isaatiin loltoota jajjaboo sana sadan biratti beekamaa in ta'e.
[25] Kanaanis inni warra soddomman sana keessatti baay'ee ulfina in argate, garuu akka warra kaan sadanii beekamaa hin turre; Daawit immoo warra isa eegan irratti gaafatamaa isa in godhate.
[26] Loltoota keessaa jagnoonni jajjaboonni kanatti aananii kan jiranii dha; isaanis Asaahel obboleessa Yo'aab, Elhaanaa ilma Dodoo Betlihemichaa,
[27] Shaamoot Haroricha, Helez Phelonicha,
[28] Iiraa ilma Iiqish Teqo'ichaa, Abii'ezer Anaatoticha,
[29] Siibekaayi Hushicha, Iilaayi Ahohicha,
[30] Maharaayi Netofaaticha, Heled ilma Ba'anaa Netofaatichaa;
[31] sanyii Benyaamiin keessaa Iitaayi ilma Riibaayi Giibe'aahichaa, Benaayaa Phiiraatonicha.
[32] Dachaa Ga'aash keessaa Huraayi, Abii'el Aarbataahicha,
[33] Azmaawet Baharumicha, Eliyaabaa Sha'albonicha;
[34] ilmaan Haashem Giizonichaa, Yonaataan ilma Shaagee Haraarichaa,
[35] Ahii'aam ilma Saakaar Haraarichaa, Eliifaal ilma Ur,
[36] Hefer Mekeraaticha, Ahiiyaa Phelonicha,
[37] Hezroo Qarmelosicha, Na'araayi ilma Ezbaayi,
[38] Yo'el obboleessa Naataan, Miibhaar ilma Hagrii,
[39] Zeleq Amoonicha, Naharaayi Berooticha isa mi'a lolaa Yo'aab baatu, Yo'aab kana Zeruyaatu da'e;
[40] Iiraa Yaatiricha, Gaareb Yaatiricha,
[41] Uriiyaa Heeticha, Zaabaad ilma Ahilaayi,
[42] Adiinaa ilma Shiizaa Ruubenichaa isa gosa Ruubeniif, loltoota soddomman isaa wajjin turaniifis dura-buutuu turee dha.
[43] Haanaan ilma Ma'akaa, Yoshaafaax Miitaanicha,
[44] Uziiyaa Ashteraaticha, Shaamaa'ii fi Yei'el ilmaan Hotaam Aro'erichaa,
[45] Yediyaa'elii fi obboleessa isaa Yohaa ilmaan Shiimrii Tiizaahichaa,
[46] Elii'el Mahawaaticha, Yeriibaayii fi Yoshaabiyaa ilmaan Elnaa'aam, Iitmaa Mo'aabicha,
[47] Elii'el, Obedii fi Yaa'aasii'el Mezoobicha turan.