Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:45

[1] Jarri sanduuqa kakuu Waaqayyoo fidanii, dunkaana isa Daawit dhaabeef keessa in kaa'an; kana booddees, qalma gubamuu fi qalma araaraa Waaqayyoof in dhi'eessan.

[2] Daawitis qalma gubamuu fi qalma araaraa sana dhi'eessuu erga raawwatee, maqaa Waaqayyootiin jara in eebbise.

[3] Dhiira, dubartii dha utuu hin jedhin, tokkon tokkon namoota Israa'eliif buddeena tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoof bixxillee ija waynii tokko tokko in hirsiise.

[4] Daawit warra Lewwootaa keessaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti, gaarummaa Waaqayyo gooftaa Israa'el kan yaadachiisan, kan isa galateeffatanii fi kan isa jajatan hojii hojii isaanii irra in dhaabe.

[5] Dura-buutuun jara kanaa Asaaf, itti aanaan dura-buutuu immoo Zakaariyaas ture; warri maseenqoodhaa fi kiraaraan faarfatan, Yei'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Obed-Edoomii fi Yei'el turan; Asaaf sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasu in dhageessisa ture.

[6] Benaayaanii fi Yaahazii'el luboonni warri fiingee afuufan yeroo hundumaa fiingee baadhatanii sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti in argamu.

[7] Faarfannaan galata Waaqayyoo inni Daawit gaafas Asaafii fi Lewwoota akka isaatiitti kenne, kanatti fufee kan jiruu dha;

[8] Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa! Gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa!

[9] Isa faarfadhaa, sagalee mi'a faarfannaatiin isa jajadhaa! Waa'ee hojii isaa isa dinqisiisaa hundumaas himaa!

[10] Maqaa isaa isa qulqulluudhaan of jajaa, garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu!

[11] Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa! Yeroo hundumaas fuula isaa barbaaddadhaa!

[12] Hojii dinqisiisaa inni hojjete, milikkita inni argisiise, firdii inni kennes yaadadhaa!

[13] Isin sanyiin Yaaqoob hojjetaa Waaqayyoo, isin sanyiin Israa'el, warri Waaqayyoof fo'amtan kana yaadadhaa!

[14] Inni Waaqayyo gooftaa keenya, firdiin isaa lafa hundumaa in qaqqaba.

[15] Inni kakuu isaa bara baraan, dubbii abboommii isaas hamma dhaloota kumaatti in yaadata;

[16] kakuu Abrahaamiif kakate, isa Yisihaqin abdachiises in yaadata.

[17] Kun Yaaqoobiif seerrata, Israa'eliif kakuu bara baraa akka ta'uuf cimsee in dhaabe.

[18] Waaqayyo,“Ga'aa dhaala sanyii keetii akka ta'uuf, biyya Kana'aan siif nan kenna” jedhe.

[19] Yeroo sana lakkoobsi namoota isaanii hin baay'anne, isaan muraasa, orma biyya sanatti galanii dhas.

[20] Saba tokko keessaa gara saba warra kaaniitti, mootummaa tokko keessaas gara warra kaaniitti in daddarbu turan.

[21] Waaqayyo, namni tokko illee akka isaan cunqursu hin goone, inni isaaniif jedhee mootota iyyuu ifate,

[22] “Warra ani dibee moosise hin tuqinaa, raajota koo irrattis hamaa hin hojjetinaa!” jedhe.

[23] Guutummaan biyya lafaa Waaqayyoon faarfadhaa, fayyisuu isaas guyyuma guyyaatti himaa!

[24] Saba lafa irraa keessatti guddina isaa, saba hundumaa keessattis gocha isaa isa dinqisiisaa labsaa!

[25] Waaqayyo guddaa dha, guddisee jajamuun in ta'aaf; waaqayyolii hundumaa gara irraattis sodaatamuun isaa in ta'a.

[26] Waaqayyoliin saba warra kaanii hundinuu, kan dhimma hin baafnee dha, Waaqayyo garuu bantiiwwan waaqaa in uume.

[27] Surraanii fi simboon fuula isaa dura, aangoonii fi gammachuun iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessa jiru.

[28] Isin qomoon saba hundaa Waaqayyoof ulfina dhi'eessaa! Aangoo Waaqayyoos beeksisaa!

[29] Ulfina maqaa isaatiif ta'u Waaqayyoof dhi'eessaa! Kennaa fidaatii isa duratti dhi'aadhaa! Qulqullummaa akka mi'a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa!

[30] Yaa guutummaa biyya lafaa, isa jabeessee si dhaabee, akka ati iddoo keetii hin butanne si godhe duratti rom'i!

[31] Bantiiwwan waaqaa haa gammadan, laftis gammachuu haa qabaatu! Isaan saba lafa irraa keessatti, “Waaqayyo mootii dha!” haa jedhan!

[32] Galaanni, wanti isa keessa guutes haa huursu, bakkeen, wanti isa keessa jiru hundinuus, gammaduu isaanii haa argisiisan!

[33] Waaqayyo biyya lafaaf firdii kennuuf yommuu dhufu, mukkeetiin caakkaa gammachuudhaan isa duratti in faarfatu.

[34] Waaqayyo gaarii waan ta'eef, araarri isaas bara baraan waan jiraatuuf, isa galateeffadhaa!

[35] Isin,“Nuyi maqaa kee isa qulqulluu akka galateeffannuuf, warra si jajatan ta'uu keenyaafis akka of himnuuf, yaa Waaqayyo fayyisaa keenyaa, ati nu oolchi, saba lafa irraa harkaa nu baasi, walittis nu sassaabi!” jedhaatii isa kadhadhaa!

[36] Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el, bara baraa hamma bara baraatti haa galateeffamu! Yommus namoonni hundinuu,“Ameen! Waaqayyoof galanni haa ta'u!” jedhan.

[37] Asaafii fi Lewwoonni akka isaatii yeroo hundumaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti argamanii wanta guyyaa guyyaatti hojjechuun isaaniif ta'u akka hojjetaniif, Daawit achitti isaan in dhiise.

[38] Akkasuma immoo Obed-Edoomii fi hiriyoota isaa warra isaa wajjin hojjetan namoota jaatamii saddeet, Obed-Edoom ilmi Yedutuunii fi Hosaan balbala akka eeganiif achitti isaan in dhiise;

[39] Zaadoq lubichaa fi luboota akka isaatii immoo godoo qulqullaa'aa isa kan Waaqayyoo isa Giibe'on keessaa iddoo ol ka'aa irra jiru duratti,

[40] guyyaa hundumaa ganamaa fi galgala akkuma seera isa Waaqayyo Israa'elootaaf kenne keessatti caafametti iddoo aarsaa qalma gubamu irratti gooftichaaf qalma gubamu akka dhi'eessaniif Daawit achitti isaan in dhiise.

[41] Isaanii wajjin immoo Hemaan, Yedutuun, namoota kan biraa warra Waaqayyoon isa araarri isaa bara baraan jiraatuuf galata galchuudhaaf fo'amanii waamamanis achitti in dhiise.

[42] Hemaanii fi Yedutuun mi'a ittiin qooqa qajeelchanii Waaqayyoon faarfatan, fiingee fi sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasu qabu turan; ilmaan Yedutuun immoo balbala eegduu turan.

[43] Kana booddee namoonni hundinuu gara mana mana isaaniitti in galan; Daawitis qe'ee isaa ilaaluudhaaf gara mana isaa in dhaqe.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa — Chapters