Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:38

[1] Baras Filisxeemonni Israa'eloota in lolan; namoonni Israa'elis fuula isaanii duraa utuu baqatanii baay'een tulluu Giilbo'aa irratti waraanamanii in dhuman.

[2] Filisxeemonni Saa'olii fi ilmaan isaa duukaa ba'anii ari'anii ilmaan isaa sadan, Yonaataanin, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa billaadhaan in ajjeesan.

[3] Lolli kun Saa'ol irratti in cime; warri iddaadhaan xiyya darbatan yommuu isa argatanitti isa in madeessan.

[4] Saa'ol yommus namicha isa mi'a lolaa baatuuf sanaan,“Warri dhagna hin qabatin kun dhufanii akka anatti hin taphannetti, ati billaa kee luqqifadhuutii na ajjeesi!” jedhe; namichi mi'a lolaa baatuuf sun garuu baay'ee waan sodaateef, kana gochuu hin barbaanne; yommus Saa'ol billaa ofii isaatii fudhatee itti of in dire.

[5] Namichi mi'a lolaa isaaf baatu sun immoo, du'uu Saa'ol yommuu arge ofii isaatii billaa isaatti of diree in du'e.

[6] Akkasitti Saa'olii fi ilmaan isaa sadan wal duukaa in dhuman, qe'een isaas in bade.

[7] Israa'eloonni dachaa sana keessa jiran, loltoonni isaanii akka baqatan, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhuman yommuu argan, isaanis mandaroota isaanii dhiisanii in baqatan; Filisxeemonni immoo dhufanii mandaroota sana in qabatan.

[8] Borumtaa isaa Filisxeemonni warra ajjeesan sana irraa mi'a yaafachuu dhaqanii, reeffa Saa'olii fi reeffa ilmaan isaatii tulluu Giilbo'aa irratti in argan.

[9] Yommus uffata Saa'ol irraa yaafatanii, mataa isaa irraa muranii, mi'a lolaa isaa wajjin fudhatanii waaqayyolii tolfamoo isaanii fi saba isaaniitti oduu gaarii kana himuudhaaf biyya isaanii keessa in naannessan.

[10] Mi'a lolaa isaa galma waaqayyolii isaanii keessa in kaa'an; mataa isaa immoo galma Daagon Waaqayyo tolfamaa isaanii keessa in rarraasan.

[11] Namoonni mandara Yaabesh-Giil'aad keessaa, wanta Filisxeemonni Saa'ol irratti hojjetan hundumaa yommuu dhaga'an,

[12] loltoonni isaanii warri jajjaboonni dhaqanii, reeffa Saa'olii fi reeffa ilmaan isaa fuudhanii, gara Yaabesh fidanii qilxuu jalatti awwaalanii guyyaa torbaaf in sooman.

[13] Saa'ol Waaqayyoof amanamuu waan dideef in du'e; inni eker-dubbiftuu barbaadee gaafatate malee, dubbii Waaqayyoof hin abboomamne.

[14] Inni Waaqayyoon gaafatachuu hin barbaanne; kanaaf Waaqayyo isa ajjeesee, mootummaa isaa Daawit ilma Iseyitti in dabarse.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa — Chapters