Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:02

[1] Daawit mana mootummaa isaa keessa erga takka jiraatee, gaaf tokko Naataan raajicha waamsisee,“Kunoo, ani mana muka gaattiraatiin ijaarame keessan jiraadha, sanduuqi kakuu Waaqayyoo garuu golgaa akka dunkaanaa jala jira” jedhe.

[2] Naataan immoo,“Waaqayyo sii wajjin waan jiruuf, ati wanta garaa keetti yaadde hundumaa godhi!” jedhee Daawitiif deebii in kenne.

[3] Dubbiin Waaqayyoo gaafasuma halkan gara Naataan dhufee,

[4] “Dhaqiitii garbicha koo Daawitiin,“Waaqayyo akkana jedha:- Mana ani keessa jiraadhu kan anaaf ijaaru si miti!

[5] Erga bara ani Israa'elin biyya Gibxii baasee jalqabee hamma ammaatti dunkaanuma keessa jiraachaa, iddoo buufataatii gara iddoo buufataatti darbaan ture malee, mana keessa hin jiraanne.

[6] Israa'eloota hundumaa wajjin lafan dhaqe hundumaatti, abboota firdii Israa'el warra ani saba koo akka eeganiif abboome keessaa isa tokkoon illee:- Muka gaattiraatiin maaliif mana anaaf ijaaruu didde” jedhee beekaa ree”

[7] “ ‘Amma immoo wanta ani Waaqayyo gooftaan maccaa jedhu garbicha koo Daawititti dubbadhu:- Ati saba koo Israa'elin akka geggeessituuf utuu ati hoolaa eegduun lafa tikaatii si fudhadhe.

[8] Lafa ati dhaqxe hundumaatti sii wajjinan ture, diinota kee hundumaas fuula kee duraa balleesseera; ammas gurguddoota biyya lafaa keessaa akka isa tokkootti akka ati beekamtu nan godha.

[9] Saba koo Israa'eliif iddoo nan kenna, akka isaan biyya ofii isaanii keessa jiraataniif deebi'aniis akka isaan hin goolamneef, isaan nan dhaaba; si'achi namoonni jal'oonni akka yeroo duraa sana isaan hin cunqursan.

[10] Yeroo ani abboota firdii saba koo Israa'eliif kaasee jalqabanii kan hojjechaa turan deebi'anii isaan irratti hin hojjetan; ani diinota kee gad nan deebisa; mootummaa sanyii keetii jabeessee akkan dhaabu sitti nan beeksisa!

[11] Barri kee ga'ee yommuu duutu, abboota kee birattis yommuu awwaalamtu sanyii kee keessaa tokko iddoo kee mootii nan godha, innis ilmaan kee keessaa tokko in ta'a; mootummaa isaas nan jabeessa.

[12] Inni mana qulqullummaa anaaf in ijaara, ani immoo teessoon isaa bara baraan jabaatee akka dhaabatu nan godha.

[13] Ani abbaa isaaf nan ta'a, inni immoo ilma koo in ta'a; mootii isa si dura ture irraa gaarummaa koo akkan deebise, ilma kee sana irraa garuu gaarummaa koo hin deebisu;

[14] inni saba koo irratti, mootummaa koo irrattis bara baraan jabaatee akka dhaabatu nan godha, teessoon isaas bara baraan jabaatee in jiraata” jedhi!” jedhe.

[15] Naataan immoo dubbii mul'ata kanaa guutummaatti Daawititti in hime.

[16] Yommus Daawit mootichi dunkaana sanduuqi kakuu Waaqayyoo keessa jirutti ol lixee taa'ee, “Yaa Waaqayyo gooftaa, ani, eenyu” Sanyiin koo eenyu iyyuu ati iddoo kanaan na geesse”

[17] Yaa Waaqayyo kunumti iyyuu si duratti kan ga'u ta'ee mul'achuu dinnaan sanyiin garbicha keetii gara fuula duraatti maal ta'uuf akka jiru ati dubbatteetta; yaa Waaqayyo gooftaa, akka waan ani nama hundumaa caalaatti ulfina qabuutti na ilaalteetta.

[18] “Atoo ana garbicha kee beekta, waa'ee ulfina ati ana garbicha keef laatteef kana caalaa maal jechuun danda'a ree”

[19] Yaa Waaqayyo, garbicha keetiif jettee akka yaada keetiitti wanta guddaa kana gooteetta, abdii guddaa kanas beeksifteetta.

[20] “Yaa Waaqayyo, akkuma nuyi gurra keenyaan dhageenyetti iyyuu kan akka keetii tokko illee hin argamu, si malees Waaqayyo kan biraa hin jiru.

[21] Saba dhuunfaa kee godhachuuf kan ati furte saba Israa'el malee, sabni kan biraa hin jiru; saba kee warra biyya Gibxii baafte kana duraa saba warra kaan ariitee baaftee, hojii kee isa guddaa fi sodaachisaadhaan maqaan kee akka beekamu in goote.

[22] Yaa Waaqayyo, ati saba kee Israa'eliif Waaqayyo in taate, bara baraanis saba dhuunfaa kee isa in godhatte.

[23] “Ammas yaa Waaqayyo, waa'ee ana garbicha keetiitiif, waa'ee sanyii kootiitiifis abdiin ati kennite bara baraan jabaatee haa dhaabatu! Wanta na abdachiiftes raawwadhu!

[24] Guddinni maqaa keetii bara baraan akka beekamutti dubbiin ati abdachiifte kun jabaatee haa dhaabatu! Yommus namoonni,“Gooftaan maccaa, gooftichi Israa'el, inni Waaqayyo isa kan Israa'el!” in jedhu; mootummaan sanyii ana Daawit garbicha keetii jabaatee si dura haa dhaabatu!

[25] “Yaa Waaqayyo koo, mootummaan sanyii ana garbicha keetii bara baraan jabaatee akka dhaabatu mul'ataan waan anatti dubbatteef, si kadhachuudhaaf ija-jabina argadheera.

[26] Yaa Waaqayyo, ati gooftaa dha! Abdii dinqisiisaa kanas ana garbicha keetiif kenniteetta.

[27] Sanyiin ana garbicha keetii bara baraan itti fufee fuula kee dura akka jiraatuuf, ati isa eebbisuu jaallatteetta; yaa Waaqayyo, ati waan isa eebbifteef, inni bara baraan eebbifamaa in ta'a” jedhe.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa — Chapters