Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:57

[1] Kana irratti Daawit mootichi ajajjuuwwan loltootaa wajjin, qomoo Lewwootaa keessaa ilmaan Asaaf, ilmaan Hemaanii fi ilmaan Yedutuun keessaa namoota kiraaraan, maseenqoodhaa fi sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuun gargaaramanii wanta Waaqayyo isaanitti mul'isu faarfannaadhaan dhageessisan fo'ee addaan in baase; maqaan namoota hojii kanaaf fo'amanii kanatti fufee jira.

[2] Ilmaan Asaaf keessaa, Zakur, Yoseef, Nataaniyaa fi Asari'elaa dha; isaan kun geggeessaa Asaaf jalatti yommuu hojjetan, Asaaf immoo geggeessaa Daawit mootichaa jalatti in hojjeta ture.

[3] Ilmaan Yedutuun keessaa, Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaa'iyaa, Shime'ii, Hashabiiyaa fi Matiitiyaa dha; isaan kun ja'an geggeessaa abbaa isaanii Yedutuun jalatti in hojjetu; abbaan isaanii immoo kiraaraan Waaqayyoon galateeffachuu fi faarfachuudhaan wanta inni isatti mul'isu in dhageessisa ture.

[4] Ilmaan Hemaan keessaa, Bukiiyaa, Mataaniyaa, Uzii'el, Shebu'el, Yeriimoot, Hanaaniyaa, Hanaanii, Elii'aataa, Gidaaltii, Romamtii-Ezer, Yoshbaqaashaa, Malootii, Hotiirii fi Mahaazi'oot.

[5] Isaan kun hundinuu ilmaan Hemaan isa mootichaaf mul'ata arguu ti; Waaqayyo ulfina guddaa isaa Hemaaniif kennuuf akkuma abdachiisetti ilmaan kudha afurii fi durboota sadii in kenneef.

[6] Namoonni kun hundinuu geggeessaa abbootii isaaniitiin mana qulqullummaa keessatti yeroo sagadaa sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuun, kiraaraa fi maseenqoodhaan in faarfatu; abboonni isaanii Asaaf, Yedutuunii fi Hemaan immoo geggeessaa mootichaatiin in hojjetu turan.

[7] Namoonni aantiidhuma isaanii wajjin Waaqayyoon faarfachuu mi'a faarfannaatiin barsiifamanii qopheeffaman walumatti dhibba lamaa fi saddeettamii saddeet turan.

[8] Isaan adduma addaan hojii hojii isaanii baruudhaaf jaarsa yookiis ijoollee, barsiisaa yookiis bartuu utuu hin jedhin, hundumti isaanii waluma qixxeetti buufata mukaa in fudhatan.

[9] Buufanni mukaa inni duraa qomoo Asaaf keessaa, Yoseefiif, [ilmaan isaatiif antii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf], inni lammaffaan Gidaaliyaadhaaf, aantii isaatiif, ilmaan isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[10] inni sadaffaan Zakuriif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[11] inni afuraffaan Izriidhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[12] inni shanaffaan Nataaniyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[13] inni ja'affaan Bukiiyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[14] inni torbaffaan Yeshari'elaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[15] inni saddeettaffaan Yeshaa'iyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[16] inni salgaffaan Mataniyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[17] inni kurnaffaan Shime'iif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[18] inni kudha tokkoffaan Azaari'eliif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[19] inni kudha lammaffaan Hashabiiyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[20] inni kudha sadaffaan Shubaa'eliif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[21] inni kudha afuraffaan Matiitiyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[22] inni kudha shanaffaan Yeriimootiif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[23] inni kudha ja'affaan Hanaaniyaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[24] inni kudha torbaffaan Yoshbaqaashaadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[25] inni kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[26] inni kudha salgaffaan Malootiif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[27] inni digdammaffaan Eliyaataadhaaf, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[28] inni digdamii tokkoffaan Hotiiriif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[29] inni digdamii lammaffaan Gidaaltiif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[30] inni digdamii sadaffaan Mahaazi'ootiif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf,

[31] inni digdamii afuraffaan Romamtii-Ezeriif, ilmaan isaatiif, aantii isaatiif walumatti namoota kudha lamaaf in ba'e.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa — Chapters