[1] Daawit mootichaaf mana mootummaa akka ijaaraniif Hiiraam mootiin Xiiros dhaabaa muka gaatiraa akkasumas namoota dhagaadhaan mana ijaaran, warra muka soofuu beekanis namoota isaatii wajjin in ergeef.
[2] Daawit saba Israa'el irratti mootii akka ta'uuf Waaqayyo isa cimsee, saba isaa Israa'el kanaaf jedhees mootummaa isaa baay'isee akka guddise Daawit in hubate.
[3] Daawit Yerusaalemittis immoo niitota baay'ee in fuudhe, ilmaanii fi intaloota baay'ee in godhate.
[4] Maqaan ijoollee inni Yerusaalemitti godhatees kanatti aanee kan jiruu dha; maqaan isaaniis Shamu'aa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
[5] Yiibhaar, Eliishuwaa, Elphaalex,
[6] Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa,
[7] Eliishaamaa, Ba'aal-Yaadaa fi Eliifelex.
[8] Daawit guutummaa Israa'el irratti dibamee moosifamuu isaa warri Filisxeem yommuu dhaga'an, hundumti isaanii isa qabachuudhaaf ol in ba'an; Daawit immoo kana dhaga'ee, isaan loluudhaaf itti in adeeme.
[9] Filisxeemonni dhufanii dachaa Refaa'iim keessa buufatanii rukuttaa in jalqaban.
[10] Yommus Daawit,“Warra Filisxeem kanatti duuluu” Ati harka koo keessa isaan in buuftaa?” jedhee Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo immoo,“Ani harka kee keessa isaan buuseeraatii, itti duuli!” jedheen.
[11] Daawit namoota isaa wajjin gara Ba'aal-Pheraaziimitti ol ba'ee, achitti Filisxeemota rukutee in mo'e; kanaafis Daawit,“Akkuma bishaan manii isaa cabsee yaa'uu akkasuma Waaqayyo harka kootiin diinota koo in caccabse” jedhe; kana irratti maqaan iddoo sanaa “Ba'aal-Pheraaziim” jedhamee moggaafame.
[12] Warri Filisxeem yommus waaqayyolii tolfamoo isaanii achitti dhiisanii in baqatan; abboommii Daawitiinis waaqayyoliin tolfamoon sun ibidda keessa buufamanii in gubaman.
[13] Filisxeemonni ammas deebi'anii dachaa sana keessa buufatanii rukutuu in jalqaban.
[14] Yommus Daawit ammoo Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo immoo deebiseefii,“Kallattiidhaan isaanitti ol hin ba'iniitii, karaa fuullee mukkeetii qilinxoo, dugda isaanii duubaan isaanitti dhaqi!
[15] Sagalee faana duulaa bantii qilxuuwwan sana irraan yommuu dhageessu, ani Waaqayyo loltoota Filisxeem rukutuudhaaf fuula kee dura bu'uu koo waan ta'eef, isaan loluudhaaf itti dhaqi!” jedhe.
[16] Daawit akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe; Daawitii fi namoonni isaa Giibe'onii kaasanii hamma Gezeritti loltoota Filisxeem duukaa bu'anii in waraanan.
[17] Kana irratti maqaan Daawit biyya hundumaatti in beekame; akkasitti Waaqayyo sabni lafa irraa hundinuu isa akka sodaatan in godhe.