[1] Ilmaan Yihudaa, Faares, Hezron, Karmii, Huurii fi Shobaal turan.
[2] Re'aayaan ilmi Shobaal, Yaahaatin dhalche; Yaahaat immoo Ahumaayii fi Lahadin dhalche; isaan kun qomoo Zoraatotaa ti.
[3] Ilmaan Etaam, Yizre'el, Yishmaa fi Yidbaash; maqaan obboleettii isaanii immoo Hazelelphonii ture.
[4] Phenu'el abbaa Gidoor; Ezer abbaa Hushaa ti; isaan kun warra mandara Betlihem ijaare sanyii Huur ilma Efraataa isa angafaa ti.
[5] Ashuur abbaan biyya Teqo'aa dubartoota lama qaba ture; isaanis “Helaa fi Na'araa” jedhamu.
[6] Na'araan Ahuzaamin, Heferin, Teyimenii fi Haa'ashtaarin in deesseef; isaan kun ilmaan Na'araa ti.
[7] Ilmaan Helaa immoo Zeret, Yezohaarii fi Etnaan turan.
[8] Koz abbaa Anubii fi Zobebaa ti; akkasumas abbaa qomoo Aariihel ilma Harum.
[9] Yaabez obboloota isaa caalaatti ulfina-qabeessa ture; haati isaa,“Ani dhiphinaan isa da'eera” jechuudhaan,“Yaabez” jettee in moggaafte.
[10] Yaabez,“Maaloo, ati na eebbisi, lafa bal'aas anaaf kenni! Harki kee anaa wajjin jiraatee hamaan akka ana hin dhiphifnetti ana haa eegu!” jedhee, Waaqayyo isa kan Israa'el in kadhate; kanaaf Waaqayyo wanta inni kadhate in kenneef.
[11] Keluub obboleessi Shukaa abbaa Maakiir isa Eshtoonin dhalchee ti.
[12] Eshtoon, Betraafaa, Phaasehaa fi Tehiinaa abbaa Irnaahaash in dhalche; isaan kun namoota warra mandara Rekaa ijaaree dha.
[13] Ilmaan Qenaz Otnii'elii fi Seraayaa dha; ilmi Otnii'el Katatii fi Me'onotaayi.
[14] Me'onotaayi, Ofraa dhalche; Seraayaan, Yo'aabin dhalche; Yo'aab kun abbaa dachaa warra waa qirixanii bifa itti baasanii ti; dachaan kun immoo namoonni achi keessa jiraatan warra waa qirixanii bifa itti baasan waan ta'aniif, maqaa kanaan moggaafame.
[15] Ilmaan Kaaleb ilma Yofunee immoo, Iiruu, Elaa fi Naa'aam; ilmi Elaa, Qenaz.
[16] Ilmaan Yihaleli'el, Ziifii, Ziifaa, Tiiriiyaa fi Asaare'el.
[17] Ilmaan Izraa, Yeter, Mered, Eferii fi Yaalon; dubartoota Mered keessaa isheen tokko Miiryaamin, Shamaayii fi Iishbaa isa mandara Eshtemo'aa ijaare in deesseef.
[18] Haati manaa isaa isheen Yihudittiin immoo Yered isa mandara Gedoor ijaare, Heber isa mandara Sokoo ijaare, Yekutii'el isa mandara Zaankaa ijaare in deesseef; Miiryaam, Shamaayii fi Iishbaa immoo intala mootii Gibxii Biitiyaatu da'eef.
[19] Hodiiyaan obboleettii Nahaam fuudhe; ilmaan ishee abbootii qomoo Gaarim isa mandara Qeyilaa keessa jiraatuu fi abbootii qomoo Ma'akaat isa mandara Eshtemo'aa keessa jiraatuu ti.
[20] Ilmaan Shimoon, Amnoon, Riinaa, Benhaanaanii fi Tiilon; ilmaan Yishii immoo Zoheetii fi Ben-Zoheet.
[21] Ilmaan Shelaa ilma Yihudaa, Eer isa mandara Lekaa ijaaree fi La'aadaa isa mandara Mareshaa ijaare akkasumas maatiiwwan qomoo warra uffannaa quncee talbaa ba'eessaa Bet-Ashbe'aat hojjetanii dha.
[22] Yoqiim, namoonni mandara Kozebaa keessa jiraatan, Yo'aash akkasumas Saaraaf inni Mo'aab irratti mo'e gara Lehemitti in deebi'an; [caaffanni kun kan durii ti.]
[23] Isaan kun suphe-dhooftuu warra mandara Nexaayimii fi Gederaa keessa jiraatanii dha; isaan achi taa'anii mootiidhaaf in hojjetu turan.
[24] Ilmaan Shimi'oon, Nemu'el, Yaamiin, Yaariib, Zeraa, Shaawul.
[25] Ilmi Shaawul immoo, Shaalum; ilmi Shaalum, Miibsaam; ilmi Miibsaam, Miishmaa.
[26] Ilmi Miishmaa Hamu'el; ilmi Hamu'el Zaakur; ilmi Zaakur Shime'ii dha.
[27] Shime'iin ilmaan kudha ja'aa fi intaloota ja'a qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee baay'ee hin qaban turan; qomoon isaanii hundinuus akka namoota Yihudaa hin baay'anne.
[28] Isaan mandaroota Bersheebaa, Molaadaa, Hazarshuwaal,
[29] Bilhaa, Ezem, Tolaad,
[30] Betu'el, Hormaa, Siiqlaag,
[31] Bet-Markabot, Hazaarsusiim, Bet-Bire'ii fi Sha'araayiim keessa in jiraatan; isaan kun hamma bara Daawit mootummaa fudhatetti mandaroota isaanii turan.
[32] Mandaroonni naannoo isaanii jiran immoo, Etaam, Aayin, Rimoon, Tokkeenii fi Ashaan; walumatti mandaroota shan turan.
[33] Gandeen naannoo mandaroota hamma Ba'aalaat jiran kana hundumaa keessas jiraataniiru; mandaroonni kun iddoo isaan keessa jiraatanii fi iddoo caaffanni hidda dhaloota isaanii keessatti argamuu dha.
[34] Dura-buutonni abbootii qomoo isaanii kanatti fufanii jiru; isaanis Meshobaab, Yaamlek, Yoshaa ilma Amaasiyaa,
[35] Yo'el, Yehuu ilma Yoshiibiyaa ilma Seraayaa ilma Asii'el,
[36] Elyo'enaayi, Ya'aqobaa, Yishohaayaa, Ashaayaa, Adii'el, Yesiimii'el, Benaayaa,
[37] Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aalon, ilma Yedaa'iyaa, ilma Shiimrii, ilma Shemaa'iyaa.
[38] Warri maqaan isaanii dha'ame kun qomoo qomoo isaanii keessatti geggeessitoota turan; maatiiwwan isaaniis guddaa in baay'atan.
[39] Isaan dachaa sana gara ba'a-biiftuutiin bushaayee isaaniitiif marga barbaacha hamma itti lixa Gedooritti in adeeman.
[40] Isaan horii isaaniitiif marga lalisaa fi ba'eessa in argatan; iddoon sun bal'aa, gabi-qabeessaa fi naga-qabeessa; duraan sanyii Kaamtu achi jiraachaa ture.
[41] Warri maqaan isaanii caafame kun bara Hisqiyaas mootii Yihudaatti dhufanii, sanyii Kaam rukutanii dunkaana isaanii fi Me'unoota warra achi turan rukutanii in barbadeessan; kunis hamma har'aatti beekamee jira; ofii isaaniitii immoo horii isaaniitiif achii marga waan argataniif, iddoo isaanii qabatanii in jiraatan.
[42] Sanyii Shimi'oon kana keessaa namoonni dhibbi shan, Phelaatiyaa, Ne'aariyaa, Refaayaa fi Uzii'el ilma Yishiitiin geggeeffamanii gara tulluu Se'iiritti ol ba'anii,
[43] Amaaleqoota warra hafanii jalaa ba'an in rukutan; ofii isaaniitii immoo hamma har'aatti achi in jiraatan.