Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:00

[1] Daawit mootichi gurguddoota biyyaa, angafoota kumaa fi angafoota dhibbaa hundumaa wajjin in mari'ate.

[2] Kana booddee guutummaa wal ga'ii Israa'eliin,“Dubbiin kun gaarii yoo isinitti fakkaate, jaalala Waaqayyo gooftaa keenyaas yoo ta'e, obboloonni keenya warri hafan, warri guutummaa kutaa biyya Israa'el keessa jiran, luboonnii fi Lewwoonni mandaroota isaanii, naannoo mandaroota isaanii keessa jiranis hundinuu, nu biratti akka walitti qabamaniif namoota isaanitti in ergina!

[3] Nuyi bara mootummaa Saa'ol keessa sanduuqa kakuu Waaqayyo keenyaa hin barbaaddanne; amma garuu dhaqnee isa in fudhanna” jedhe.

[4] Dubbichi hunduma isaaniitti qajeelaa ta'ee waan mul'ateef, wal ga'iin sun kana gochuudhaaf guutummaatti waliif in gale.

[5] Kana irratti Daawit, sanduuqa kakuu Waaqayyoo Kiriiyat-Ya'ariimii fiduudhaaf, Israa'eloota laga Shiihor isa Gibxi keessaatii jalqabee hamma itti lixa Haamaatitti jiran hundumaa walitti in sassaabe.

[6] Daawitis sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa isa maqaa Waaqayyootiin waamame, isa Kiruubel lamaan gidduu teessicha irra kaa'ame sana fiduudhaaf, Israa'eloota hundumaa wajjin gara mandara Ba'alaa, Kiriiyat-Ya'ariim ishee Yihudaa keessaatti ol in ba'e.

[7] Isaan sanduuqa kakuu Waaqayyoo mana Abinaadaabii fuudhanii konkolaataa haaraa tokko irra in kaa'an; Uzaanii fi Ahiiyon immoo horii konkolaaticha harkisan in oofu turan.

[8] Daawitii fi Israa'eloonni hundinuu immoo Waaqayyo duratti humna isaanii guutuudhaan, weedduudhaan, sagalee kiraaraatiin, maseenqoodhaan, dibbeedhaan, sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuun, fiingeedhaanis of irraa bu'anii in taphatu turan.

[9] Oobdii midhaanii Kiidon yommuu ga'an immoo, qotiyyooliin konkolaataa sana harkisan waan gufataniif, Uzaan sanduuqa kakuu sana qabuudhaaf itti in hiixate;

[10] Uzaan sanduuqa kakuu sanatti harka isaa waan buuseef, Waaqayyo baay'ee isatti aaree isa in dha'e; innis achuma fuula Waaqayyoo duratti in du'e.

[11] Maqaan iddoo sanaas hamma har'aatti iyyuu“Pherez-Uzaa” jedhama; [“Pherez-Uzaa” jechuun “Caba Uzaa” jechuu dha;] Daawit immoo sababii Waaqayyo caba kana Uzaatti fideef in aare.

[12] Daawit garuu gaafasii jalqabee Waaqayyoon sodaatee,“Attamittan sanduuqa kakuu Waaqayyoo kana fudhadhee galuu danda'a ree?” jedhe.

[13] Kanaaf Daawit sanduuqa kakuu sana gara mandara isaatiitti fudhatee galuu dhiisee, mana Obed-Edoom nama Gaat sanatti in jal'ise.

[14] Sanduuqi kakuu Waaqayyoo, ji'a sadiif maatii Obed-Edoomii wajjin manuma isaa keessa ture; kanaafis Waaqayyo maatii Obed-Edoomiif wanta inni qabu hundumaa in eebbise.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa — Chapters