Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:21

[1] Ilmaan Yaaqoob isa “Israa'el” jedhamee, kanatti aananii kan jiranii dha; Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon,

[2] Daan, Yoseef, Benyaamiin, Niftaalem, Gaadi, Asheer.

[3] Ilmaan Yihudaa, Eer, Onaanii fi Shelaa; isaan kana sadan “Baat-Shuwaa” kan jedhamtu durba Kana'aantu da'eef; Eer ilmi Yihudaa inni angafni Waaqayyo duratti nama jal'aa ture; kanaaf Waaqayyo isa in ajjeese.

[4] Taamaar haati manaa ilma isaatii immoo Faaresii fi Zaaraa in deesseef; akkasitti Yihudaan walumatti ilmaan shan in godhate.

[5] Ilmaan Faares, Hezronii fi Hamul.

[6] Ilmaan Zaaraa, Ziimrii, Etaan, Hemaan, Kalkoolii fi Dardaa; isaan walumatti shan turan.

[7] Ilmi Karmii, Akaan isa wanta raawwatee balleeffamuun irra ture fudhachuudhaan Israa'el irratti rakkina fidee dha.

[8] Ilmi Etaan, Azaariyaa ture.

[9] Ilmaan Hezron, Yeraami'el, Raamii fi Kaaleb turan.

[10] Raam, Aminaadaabin dhalche; Aminaadaab, Nahishoonin isa geggeessituu gosa Yihudaa dhalche.

[11] Nahishoon, Salmooniin dhalche; Salmoon, Boazin dhalche;

[12] Boaz, Obedin dhalche; Obed, Iseyin dhalche;

[13] Isey immoo ilmaan torba dhalche; inni angafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abinaadaab, inni sadaffaan Shimi'aa,

[14] inni afuraffaan Naataani'el, inni shanaffaan Raadaayi,

[15] inni ja'affaan Ozeem, inni torbaffaan Daawit.

[16] Obboleettonni isaanii immoo Zeruyaa fi Abigaayil; ilmaan Zeruyaa sadan Abiishaayi, Yo'aabii fi Asaa'el turan.

[17] Abigaayil immoo Amaasaa in deesse; abbaan isaa “Yeter” kan jedhamu nama sanyii Ishmaa'el.

[18] Kaaleb ilmi Hezron haadha manaa isaa Azubaa fi Yerii'ot irraa ilmaan in godhate; ilmaan ishees Yesher, Shobaabii fi Ardoon.

[19] Azubaan erga duutee immoo Kaaleb dubartii“Efraat” jedhamtu tokko in fuudhe; isheenis ilma in deesseef; maqaa isaas Huuritti in moggaasan.

[20] Huur Urin dhalche; Ur immoo Bazaali'elin in dhalche.

[21] Kana booddee Hezron intala Maakiir abbaa Giil'aad in fuudhe; inni yeroo ishee fuudhe nama waggaa jaatamaa ture; isheen Seguubin in deesseef.

[22] Seguubis, Yaa'iirin in dhalche; Yaa'iir kun isa biyya Giil'aad keessaa mandaroota digdamii sadii qaba turee dha.

[23] Geshuurii fi Aaram garuu Hawoot-Yaa'iirin, Qenaatiinis gandeewwan naannoo ishee jiranii wajjin mandaroota jaatama irraa in fudhatan; isaan kun hundinuu kan sanyii Maakiir abbaa Giil'aad turan.

[24] Hezron, Kaaleb-Efraataatti erga du'ee booddee, Abiyaan haati manaa isaa Ashuurin abbaa biyya Teqo'aa in deesseef.

[25] Yeraami'el ilmi Hezron inni angafni ilmaan ja'a qaba; ilmi isaa inni angafni Raam, warri kaan immoo Bunaa, Oreen, Ozeemii fi Ahiiyaa dha.

[26] Yeraami'el kun haadha manaa “Ataaraa” jedhamtu tokkos qaba ture; isheen immoo Onaamin deesse.

[27] Raam ilmi Yeraami'el inni angafni ilmaan sadii qaba; isaanis, Maa'aaz, Yaamiinii fi Eker.

[28] Ilmaan Onaam, Shaamaayii fi Yaadaa dha; ilmaan Shaamaayi, Naadaabii fi Abiishur.

[29] Maqaan haadha manaa Abiishur immoo Abiihaayil ture; isheen Ahibaanii fi Moliidin in deesseef.

[30] Ilmaan Naadaab immoo Seleedii fi Aphaayim; Seleed dhala utuu hin godhatin in du'e.

[31] Aphaayim, Yishii dhalche; Yishiin, Sheshaanin dhalche; Sheshaan immoo Ahilaayin dhalche.

[32] Ilmaan Yaadaa obboleessa Shaamaayi, Yeterii fi Yonaataan; Yeter dhala utuu hin godhatin in du'e.

[33] Ilmaan Yonaataan, Pheletii fi Zaazaa dha; isaan kun sanyii Yeraami'el turan.

[34] Sheshaan ijoollee durbaa malee, ijoollee dhiiraa hin qabu ture; nama biyya Gibxii“Yarhaa” kan jedhamu hojjetaa tokko immoo qaba ture.

[35] Inni Yarhaa hojjetaa isaa kanatti intala isaa in heerumsiise; isheenis Ataayin in deesseef.

[36] Ataayi, Naataanin dhalche; Naataan immoo Zaabaadin dhalche.

[37] Zaabaad, Eflaalin dhalche; Eflaal, Obedin dhalche;

[38] Obed, Yehuu dhalche; Yehuun, Azaariyaa dhalche;

[39] Azaariyaan, Helezin dhalche; Helez, El'aasaa dhalche;

[40] El'aasaan, Siismaayin dhalche; Siismaayi, Shaalumin dhalche;

[41] Shaalum, Yeqaamiyaa dhalche; Yeqaamiyaan, Eliishaamaa dhalche.

[42] Ilmaan Kaaleb obboleessa Yeraami'el kanatti aananii kan jiranii dha; Meshaa isa angafa isa mandara Ziif ijaaree fi Mareshaa isa mandara Kebroon ijaare turan.

[43] Ilmaan Kebroon, Qoraahi, Taaphuwaa, Reqemii fi Shemaa dha.

[44] Shemaan, Raahamin dhalche; Raaham, Yorqe'aamin dhalche; Reqem, Shaamaayin dhalche.

[45] Shaamaayi abbaa Maa'on; Maa'on immoo abbaa Betzuur;

[46] Kaaleb saajjatoo “Efaa” jedhamtu tokko qaba ture; isheen Haaraanin, Mozaa fi Gaazezin in deesseef; Haaraanis immoo ilma godhatee, maqaa isaa Gaazezitti in moggaase.

[47] Ilmaan Yaahidaayi, Regem, Yotaam, Geshaan, Phelet, Efaa fi Sha'aaf turan.

[48] Ma'akaan saajjatoon Kaaleb isheen kaan, Sheberii fi Tirhaanaa in deesseef.

[49] Akkasumas Sha'aaf abbaa Madmaanaa fi Shewaa, abbaa Makbenaa fi Giibe'aa isheetu da'e; intalli Kaaleb immoo Aksaa turte.

[50] Sanyiin Kaaleb warra kanatti aananii jiranii dha; Kaaleb haadha manaa isaa Efraataa irraa jalqaba kan inni godhate Huur; ilmaan Huur Shobaal isa mandara Kiriiyat-Ya'ariimin ijaare,

[51] Salmoon isa mandara Betlihem ijaaree fi, Haareef isa mandara Betgaader ijaare turan.

[52] Shobaal inni Kiriiyat-Ya'ariimin ijaare ilmaan kan biraas qaba ture; isaanis Haro'ehii fi walakkaa Menuhoototaa turan.

[53] Qomoon Kiriiyat-Ya'ariim immoo Yetroota, Phutoota, Shumaatotaa fi Miishrota; Zoraatonnii fi Eshtaalonni qomoo warra kanaa ti.

[54] Salmoon inni mandara Betlihem ijaare abbaa qomoo Netofaatotaa, abbaa qomoo Atrot-Bet-Yo'aab akkasumas abbaa qomoo Zoraatota warra walakkaa Maanaheetotaa ti.

[55] Qomoon caaftotaa warri biyya Yaabez keessa jiraatan immoo Traasitoota Shime'aatota, Sukaatota; isaan kun Qenoota warra Hemaat abbaa qomoo Rekaab.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa — Chapters