[1] Birraa yeroo itti mootonni lolaaf ba'anitti, Yo'aab loltoota fudhatee ba'ee, biyya Amoon balleessee, darbee mandara Raabaatti immoo marsee, rukutees lafatti ishee in dabale; Daawit garuu mandara Yerusaalem keessatti in hafe.
[2] Daawit yommus dhaqee gonfoo Miilkom Waaqayyo tolfamaa isaanii isa warqee dhagaa gati-jabeessa of keessaa qabu irraa hojjetamee, kiilo graamii soddomii afur kan miijanu fudhatee mataa isaa irra in kaa'ate; akkasumas mandarattii keessaa wanta sonaan baay'ee in booji'e.
[3] Namoota mandarattii sana keessa turan immoo gad yaasee, haamtuu mukaatiin, billaa fi qottoodhaan in kukkuchiise; Daawit wanta akkasii kana warra mandaroota Amoonotaa keessa jiraatan hundumaa irratti erga hojjechiisee booddee, guutummaa loltoota isaa wajjin gara Yerusaalemitti in deebi'e.
[4] Takka turanii immoo sabni Israa'el Filisxeemotaa wajjin Gezer iddoo jedhamutti ammas wal rukutuu in jalqaban; yommus Siibekaayi Hushaatichi namicha “Siiphaayi” jedhamu isa sanyii warra Refaa'otaa keessaa ture tokko in ajjeese; sanyiin isaas in yeellaasifaman.
[5] Ammas immoo lola warra Filisxeemotaa wajjin wal lolan kan biraa keessatti, Elhaanaan ilmi Yaa'iir namicha “Laahimii” jedhamu obboleessa Goliyaad Gaatichaa isa eeboo somaan isaa hamma muka wayya-dhooftuun wayyaa itti maratu ga'uu qabu in ajjeese.
[6] Ammas lola kan biraa Gaatitti ta'e keessa nama baay'ee guddaa, harki isaa lamaanii fi miilli isaa lamaan quba ja'a ja'a, walumatti quba digdamii afur qaban tokkotu ture; innis immoo sanyii warra Refaa'otaa keessaa ture.
[7] Namichi kun saba Israa'elitti waan ga'iseef, Yonaataan ilmi Shime'aa obbolleessi Daawit isa in ajjeese.
[8] Jarreen sadan Daawitii fi loltoota isaatiin Gaatitti ajjeefaman kun sanyii Refaa'otaa keessaa turan.