[1] Israa'eloonni mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'an, angafoonni kumaa, angafoonni dhibbaa, warri isaan gamteessanis kutata waraanaa keessatti mootummaa kanaaf in hojjetu; kutanni waraanaa tokkon tokkon isaa namoota kuma digdamii afur of keessaa qabu kun waggaa keessatti ji'a tokko tokko hojjechuudhaaf, kutanni inni haaraan yommuu dhufu inni hojjete immoo in gala ture; tarreen geggeessitoota isaaniis kanatti fufee jira.
[2] Yaashobi'aam ilmi Zabdii'el, kutata waraanaa isa jalqabaa isa ji'a duraatti hojjetu irratti ajajaa ture; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[3] Inni sanyii Faares keessaa dhalate; angafoota loltuu kutata waraanaa isa ji'a duraatti hojjetu irratti immoo ajajaa ture.
[4] Dodaayi Ahohichi, kutata waraanaa isa ji'a lammaffaatti hojjetu irratti ajajaa ture; Miiklot immoo itti aanaa geggeessaa kutata waraanichaa isa namoota kuma digdamii afur of keessaa qabu ture.
[5] Benaayaan ilmi Yehoyaadaa luba isa angafaa, kutata waraanaa isa sadaffaa isa ji'a sadaffaatti hojjetu irratti ajajaa ture; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[6] Benaayaan kun gootota soddomman keessaa dura-buutuu jabaa dha; ilmi isaa Amiizaabaad immoo kutata waraanaa isa kan abbaa isaatiitti ajajaa ture.
[7] Kan isa afuraffaa isa ji'a afuraffaatti hojjetuu immoo Asaahel obboleessa Yo'aab; ilmi isaa Zebaadiyaan iddoo isaa in bu'e; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[8] Shaamhut Yizraahichi, kutata shanaffaa isa ji'a shanaffaatti hojjetu irratti ajajaa dha; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[9] Kan isa ja'affaa isa ji'a ja'affaatti hojjetuu, Iiraa ilma Iqesh nama Teqo'aa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[10] Kan isa torbaffaa isa ji'a torbaffaatti hojjetuu, Helez sanyii Efreem nama Phelon; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[11] Kan isa saddeettaffaa isa ji'a saddeettaffaatti hojjetuu, Siibekaayi Zaraa'icha nama Hushaa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[12] Kan isa salgaffaa isa ji'a salgaffaatti hojjetuu, Abii'ezer nama Anaatot sanyii Benyaamiin; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[13] Kan isa kurnaffaa isa ji'a kurnaffaatti hojjetuu, Maharaayi Zaraa'icha nama Netofaa ti; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[14] Kan isa kudha tokkoffaa isa ji'a kudha tokkoffaatti hojjetuu, Benaayaa nama Phiiraaton sanyii Efreem; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[15] Kan kutata isa kudha lammaffaa isa ji'a kudha lammaffaatti hojjetuu, Heldaayi nama Netofaa ti sanyii Otnii'el; kutata isaa keessa namoota kuma digdamii afurtu ture.
[16] Geggeessitoonni gosoota Israa'el kanatti fufanii jiru; gosa Ruuben kan geggeessu, Elii'ezer ilma Ziikrii ti; gosa Shimi'oon kan geggeessu, Shefaaxiyaa ilma Ma'akaa ti.
[17] Gosa Lewwii kan geggeessu, Hashabiiyaa ilma Qemu'el; qomoo Aaron kan geggeessu, Zaadoq.
[18] Gosa Yihudaa kan geggeessu, Eliihuu obboleessa Daawit; gosa Yisaakor kan geggeessu, Omrii ilma Mikaa'el.
[19] Gosa Zebuloon kan geggeessu, Yishmaa'iyaa ilma Obadiyaa ti; gosa Niftaalem kan geggeessu, Yeriimoot ilma Azrii'el.
[20] Gosa Efreem kan geggeessu, Hoshe'aa ilma Azaziyaa ti; walakkaa gosa Minaasee kan geggeessu, Yo'el ilma Phedaayaa ti.
[21] Walakkaa gosa Minaasee isa Giil'aad keessaa kan geggeessu, Iddoo ilma Zakaariyaas; gosa Benyaamiin kan geggeessu, Ya'asii'el ilma Abneer.
[22] Gosa Daan kan geggeessu, Azaarel ilma Yerohaam; isaan kun geggeessitoota gosoota Israa'el turan.
[23] Waaqayyo,“Saba Israa'el akka urjoota waaqa keessaa nan baay'isa” jedhee waan abdachiiseef, Daawit namoota waggaa digdamaa fi digdamaa gadii hin lakkoofsifne.
[24] Yo'aab inni Zeruyaan deesse namoota lakkaa'uu jalqabee ture, garuu hin raawwanne; sababii namoota lakkoobsisuu isaa kanaaf dheekkamsi saba Israa'el irratti dhufee ture; lakkoobsi namootaas macaafa seenaa Daawit mootichaa keessatti hin caafamne.
[25] Azmaawet ilmi Adii'el, itti gaafatamaa qabeenya mana mootummaa ti; Yonaataan ilmi Uziiyaa immoo itti gaafatamaa qabeenya biyya keessaa, qabeenya mandaroota keessaa, qabeenya gandeen keessaa fi masaraa keessaa ture.
[26] Ezriin ilmi Keluub itti gaafatamaa namoota warra maasii qopheessanii qotiisa qotanii ti.
[27] Shime'iin Raamaatichi itti gaafatamaa dhaabaa waynii ti; Zabdiin namni Shiifmii immoo itti gaafatamaa cuunfaa waynii dhaabaa waynii keessatti kuufamuu ti.
[28] Ba'aal-Hanaan Gederichi, itti gaafatamaa muka ejersaa fi muka harbuu dachaa keessaa ture; Yo'aash immoo itti gafatamaa dhadhaa ejersaa walitti kuufamuu ti.
[29] Shiitraayi namni Shaaron, itti gaafatamaa saawwan Shaaron keessa dheedanii ti; Shaafaax ilmi Adlaayim itti gaafatamaa saawwan warra dachaawwan keessa dheedanii ti.
[30] Obiil Ishmaa'elichi, eegduu gaalotaa ti; Yehidiyaan namni Meronoot, itti gaafatamaa warra harroota horsiisanii ture.
[31] Yaaziiz Hagirichi, itti gaafatamaa warra bushaayee horsiisanii ti; isaan kun hundinuu, itti gaafatamoo qabeenya Daawit mootichaa turan.
[32] Yonaataan wasiilli Daawit mootichaa, gorsaa dha, hubataa dha, nama beekaa dhas ture; Yehii'el ilmi Hakmonii immoo ilmaan mootichaa in guddisa ture.
[33] Ahiitofel, gorsaa mootichaa ti; Hushaayi namni Arkii immoo mootichatti kan dhi'aatu ture.
[34] Ahiitofel booddeedhaan Yehoyaadaa ilma Benaayaatu, isatti aane Abiyaataartu iddoo isaa fudhate; Yo'aab immoo ajajaa humna waraanaa mootummichaa ture.