Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:27

[1] Sanbati dabareen duuba, Dilbata barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala’aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane.

[2] Ergamaan Gootta’aa ol-gubbaa irraa gad bu’ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee’eef, dedhuma tacho’i lafaa guddaan te’e.

[3] Bifi isaa akka balaqqeetti’ii, wayaan isaa akka dhakaa roobaa ti.

[4] Worri eegu ergamaa Gootta’aa waan sodaateef hollatanee akka nama du’ee te’ane.

[5] Ergamaan Gootta’aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina’a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka.

[6] Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du’aa ka’eera. Addee reeffi isaa keyame koya’aa ilaala’a.

[7] Amma ariifadha’aatii deema’aatii, ‹Inni du’aa ka’eera, amma isiniin dura gara Galiila’aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan› jedha’aatii barattoota isaatitti hima’a. Kunoo, ani isinitti himeera» jedhe.

[8] Maarre dubartooti soda’aa fi gammada gudda’aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane.

[9] Dedhuma Yesuus isaaniin wolde’ee, «Nageenni isiniif te’u!» isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane.

[10] Achiin duuba Yesuus, «Hin sodaatina’a; gara Galiila’aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa’aa hima’a; isaan achitti na dhaggan» isaaniin jedhe.

[11] Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha’aa dhaqanee waan te’e mara mootota hayyootaatitti himane.

[12] Moototi hayyootaa jaarsolee kolba’aa woliin wolitti dacha’anee mari’atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee,

[13] «Isin, ‹Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane› jedha’aa kolba’atti hima’a.

[14] Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage’e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona» jedhaneen.

[15] Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu’utti odeeffanti.

[16] Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane.

[17] isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane.

[18] Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubba’aa fi lafa irratti anaaf kennanteerti.

[19] Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema’aatii maqaa Abba’aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha’a.

[20] Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa’a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.

Matewoos — Chapters