[1] Bara san Yohaannisiin cuuphaan goomolee biyya Yihuda’aa keessa lallabaa dhufee,
[2] «Mootummaan ol-gubba’aa waan dhikaatteeef cubbuu irraa deebi’aa!» jedhe.
[3] Isaayaasiin raagichi, «Nami tokko goomolee keessaa iyyaa, ‹Karaa Gootta’aaf qopheessa’a; daandii inni irra deemu qajeelcha’a!›» yennaa jedhe inni marroo Yohaannisii dubbate.
[4] Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti.
[5] Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, biyya cinaa laga Yordaanosii mara irraa kolbaan gara isaa dhutte.
[6] Isaan cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiitiitti harka Yohaannisiititti cuuphamane.
[7] Yohaannis Fariisaayotaa fi Saduqoota hedduu cuphamiisaaf gara isaa dhufiisatti jirtu yennaa dhagge, «Isin ilmaan buuti’ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?
[8] Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha’a.
[9] Abbaan keenna Abrahaam jedhiisi isin hin baasa hin seyina’a. Waaqi dhakoota kana fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande’u ani isinitti hima.
[10] Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera; muki midhaan dansaa hin buunne muramee ibiddatti hin gatama.
[11] Akka isin cubbuu irraa deebitane mudhisiisaaf ani bisaaniin isin cuupha, ka ana duubaan dhufaaru ammoo Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddoo ana caala; ani kophee isaatuu ba’atiisaafille nama te’uu moti.
[12] Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf horooroo harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara’atti hin galcha; hicaacee ammoo ibiddaa hin dhaanneen guba››» isaaniin jedhe.
[13] Yesuus yennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordaanosii dhufe.
[14] Yohaannis ammoo, «Ani si’iin cuuphamu’uu male, ati maaf gara kiyya dhutta?» jedhee isa dhoogge.
[15] Yesuus ammoo deebisee, «Karaa kanaan balchummaa mara muummessu’uu waan malleef, amma ana dhoogguu lakkisi» jedheen; achiin duuba Yohaannis lakkise.
[16] Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, ol-gubbaan banantee Ayyaanni Waaqaa saphaliisa fakkaatee gad dhufee isa irra bu’uun dhagge.
[17] Ol-gubbaa irraa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya jaallatama’a, ka ani guddoo isatti gammadeeru» jette.