Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:13

[1] Achiin duuba Fariisaayotaa fi barsiisoti Seera Muuse’ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhufanee,

[2] «Barattooti teeti maaf aadaa maanguddo’oo ulfeessuu dhaban? Isaan nyaatiisaan dura harka ifii hin dhiqatanu!» jedhaneen.

[3] Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan?

[4] Waaqi, ‹Abbaa keetii fi hadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du’uu qaba› jedhee ajajeera.

[5] Isin ammoo nami tokko abba’aan yookiin haadhaan, ‹Gargaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera› yoo jedheen,

[6] inni abba’aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu› jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan.

[7] Isin kijiboole’e! Isaayaas marroo tessaniif raagee,

[8] ‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti, gadhaan isi’ii narraa fago’o;

[9] kolbaan tun ajaja namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, akkasumaan na waaqonsiti› ta jedhe dhuga’a» jedhe.

[10] Achiin duuba Yesuus gumii gara ifii waamee, «Caqasa’aatii hubadha’a:

[11] wonni nama batteessu waan afaan namaa keessaa bawu malee, waan gara afaan namaa seenuu moti» jedheen.

[12] Achiin duuba barattooti itti dhikaattee, «Worri Fariisaayotaa waan ati jette yennaa dhage’ane akka gufatane beettaa?» jedhaneen.

[13] Yesuus deebisee, «Wonni Abbaan kiyya ka ol-gubba’aa hin dhaabin marti hin buqqaati» jedheen.

[14] Waan isaanii lakkisa’a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu’an» jedhe.

[15] Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaassa kana nuuf hiiki» jedheen.

[16] Achiin duuba inni, «Isinille haga ammaa hin hubatin jirtanii?

[17] Wonni afaaniin seenu martinuu, gadha’atti dabaree, nafa namaa keessaa akka bawu isin hin hubattanuu?

[18] Wonni afaan namatii bawu ammoo gadhaa irraa dhufa, wonni nama batteessulle kana.

[19] Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya.

[20] Wonni nama batteessu kana malee, harka hin dhiqatiniin nyaatiisi nama hin batteessu» jedheen.

[21] Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiroosiitii fi Sidoonii dhaqe.

[22] Achiin duuba dubartiin biyya Kana’aanii takka adaala sanii dhuttee, «Ilma Daawwitii, Gootta’a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marar» jedhaa iyyite.

[23] Inni ammoo womaa isi’iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, «Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!» jedhaa isa kadhatane.

[24] Yesuus deebisee, «Ani worra akka hoole’ee bade kolbaa Israa’elii qofaaf ergame» jedheen.

[25] Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, «Gootta’a, na gargaar» jetteen.

[26] Yesuus deebisee, «Sagalee ijoolle’ee fuudhanee sare’eef qolaansuun sirri’ii moti» jedheen.

[27] Isiin deebittee, «Ee, Gootta’a, te’uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca’u nyaatti» jette.

[28] Achiin duuba Yesuus deebisee, «Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo’o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu» jedheen. Intalti isi’iille yoosuma fayyite.

[29] Yesuus achii deemeen duuba, cinaa abbaayaa Galiila’aatiin dabaree, gaaratti ol bayee achi tee’e.

[30] Gumiin guddoon worra fafoye, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise.

[31] Maarre gumiin worri dubbatee hin dandeenne dubbatuun, fafooti fayyanuun, naafoti ideemanuun, ballooti dhagganuun yennaa dhaggite baaseffatte. Waaqa Israa’eliille galateeffatte.

[32] Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef gaddeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu» jedheen.

[33] Barattooti, «Lafa goomole’ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen.

[34] Yesuus, «Xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafate. Isaan, «Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna» jedhaneen.

[35] Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje.

[36] Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba’aaf kennaane.

[37] Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane.

[38] Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur.

[39] Yesuus gumii san geegesseen duuba, hoboloo yaabee gara lafa Magadaan jedhantu dhaqe.

Matewoos — Chapters