[1] Yesuus yennaa gaara irraa gad bu’e, gumiin hedduun isa hordotte.
[2] Namichi dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Gootta’a, yoo fedha keeti te’e ana fayyisuu dandeetta» jedhe.
[3] Yesuus harka ifii diriissee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye.
[4] Achiin duuba Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle’etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te’u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!» isaan jedhe.
[5] Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahomii seene, ajajaan dhibbaa tokko dhufee isa kadhatee,
[6] «Gootta’a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira» jedhe.
[7] Yesuus, «Ani dhufee isa hin fayyisa» jedhe.
[8] Ajajaan dhibbaa ammoo, «Gootta’a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla’aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya.
[9] Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‹Deemi!› yoo jedheen, innille hin deema; kaanille’een, ‹Koy!› yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‹Kana huji!› yoo jedheen, innille hin huja» jedhe.
[10] Yesuus yennaa tana dhage’e, baaseffatee worra isa hordofuun, «Ani isinitti hima, Israa’el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine.
[11] Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaaq woliin hin nyaatan;
[12] worri sila mootummaa Waaqaa keessa te’uu male ammoo addee itti booyanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman» jedhe.
[13] Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si’iif teetuu» jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle sa’aatuma san fayye.
[14] Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda’aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o’isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge.
[15] Inni harka isi’ii qabee, o’i nafaa isii lakkinnaan, isiille ol kaatee isaaf areerte.
[16] Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise.
[17] Wonni Isaayaasiin raagichi, «Inni dhibee teenna fudhate, dhukkuba keennalle ba’ate» jedhe akka muummottuuf inni tana godhe.
[18] Yesuus adaala ifiititti gumii hedduu yennaa dhagge, gara abbaaya’aan gamaa akka bu’anu barattoota ifii ajaje.
[19] Barsiisaan Seera Muuse’ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisa’a! Addee ati dhaxxu mara si hordofa» jedheen.
[20] Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; simbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedheen.
[21] Baratoota isaa keessaa ka dhibiin, Yesuusiin, «Gootta’a, dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaaladhu naa eeyyam» jedheen.
[22] Yesuus ammoo, «Ati na hordofi! Du’aan du’aa ifii awwaalatuu ti» isaan jedhe.
[23] Yennaa Yesuus hoboloo takka yaabe, barattooti isaalle isa woliin deemane.
[24] Dedhuma bubbeen hantuun abbaayaa gubbaa kaatee, hoboloolle danbali’iin lixiisa geette; Yesuus ammoo rafeeraayyu.
[25] Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Gootta’a, nu fayyisi! Dhumataarraa!» jedhaneen.
[26] Yesuus deebisee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo, maaf sodaattan?» jedheen. Achiin duuba inni ol ka’ee bubbe’ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te’e.
[27] Isaan baaseffatanee, «Kun nama attamii ti? Bubbe’ee fi danbaliille hin ajajamaniif!» jedhane.
[28] Yesuus abbaaya’aan gamatti bu’ee biyya Gadara’aa yennaa dhufe, namooti durriis keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane.
[29] Isaan dedhuma, «Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhutee?» jedhaa iyyane.
[30] Diqquma isaan irraa fago’otti booyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu.
[31] Maarre durriisoti, «Ati yoo gad nu baache, booyota sanitti nu ergi» jedhanee Yesuus kadhatane.
[32] Yesuus, «Dhaqa’a!» isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyotatti galane. Booyoti sun martinuu roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante.
[33] Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te’e maraa fi waan namoota durriis qabeeru irratti te’e achitti odeessane.
[34] Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.