[1] Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubba’aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti.
[2] Durroota san keessaa shanan gowwoole’e, shanan qaroole’e.
[3] Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa’atti naqatanu hin qabanne.
[4] Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote’etti qabatane.
[5] Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.
[6] Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo’oon, ‹Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya’a!› waamichi jedhu dhage’ame.
[7] Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimiidhaaffatte.
[8] Durri gowwooleen sun worra qaroole’een, ‹Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna’a› jedhaneen.
[9] Durri qarooleen deebisanee, ‹Waawwo’o! Nu’uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa’aatii bitadha’a› jedhaneen.
[10] Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophooteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.
[11] «Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‹Gootta’a, Gootta’a! Nuu bani!› jedhaneen.
[12] Inni ammoo deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku› jedheen.
[13] Tanaaf, guyyaa san yookiin sa’aatii waan hin beenneef dammaqa’aa eegadha’a!» jedhe.
[14] Yesuus itti dabalee, «Mootummaan ol-gubba’aa akka nama biyya fago’oo dhaqiisaaf ka’ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti;
[15] Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi’ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille’eef kuma tokko kennee gara biyya fago’oo deeme.
[16] Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi’ii kuma shan keessaa buufate.
[17] Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi’ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa buufate.
[18] Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta’aa san awwaale.
[19] «Yennaa dheertu’uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate.
[20] Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, ‹Gootta’a, ati beesee saantimii worqi’ii kuma shan anatti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseera› jedhe.
[21] Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen.
[22] Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma lama fudhatelle dhufee, ‹Gootta’a, ‹Ati beesee saantimii worqi’ii kuma lama anatti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseera› jedheen.
[23] Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha› jedhe; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen.
[24] Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi’ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‹Gootta’a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka;
[25] tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo ti› jedheen.
[26] «Goottaan isaa ammoo, ‹Ati tajaajilaa hama’aa fi booseya! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii?
[27] Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira anaaf kewu’uu malte; ani yennaa deebi’e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu.
[28] Maarre beesee san isa irraa fuudha’aatii, namicha beesee saantimii worqi’ii kuma kudhan qabuuf kenna’a.
[29] Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille’e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabanuuyyuu irraa hin fudhatanti.
[30] Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata’a, achitti booyaa ilkaan qara› jedhe» isaaniin jedhe.
[31] Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee’a.
[32] Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re’ee irraa gargar foyu, innille kolbaa san gargar foyee,
[33] hoolota midda ifiititti, re’oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa.
[34] Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‹Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, koya’a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala’a;
[35] sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te’ee na fudhattaneertan;
[36] daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe. jedhe.
[37] Yennaa san balchooleen, ‹Gootta’a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?
[38] «Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne?
[39] Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen.
[40] Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka goottane, anaaf gootane!› isaaniin jedhe. isaaniin jedhe.
[41] «Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadha’a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema’a;
[42] ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne;
[43] keessummaa te’eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne› hin jedha.
[44] Achiin duuba isaanille deebisanee, ‹Gootta’a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?› hin jedhaniin.
[45] Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle’eef hin goone› isaaniin hin jedha.
[46] Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman» jedhe.