[1] Yesuus dubbii tana mara dubbatee fixeen duuba, barattoota ifiitiin,
[2] «Guyyaa lamaan duuba Jilti Irra Dabaramaa akka dhuttu isin hin beettan, Ilmi Namaalle fannifamiisaaf dabarfamee hin kennama» jedhe.
[3] Achiin duuba moototi hayyootaatii fi jarsoti kolba’aa mana hayyicha gudda’aa ka Qayyaaffaa jedhamuutitti wolitti qabamanee,
[4] dhossa’aan Yesuus qabiisaa fi ijjeesisiisaaf mari’atane.
[5] Isaan ammoo, «Kolbaa oddu’utti raafam hin ka’a fa’aa, yennaa jilaa hin tolchinu» jedhane.
[6] Yesuus Bitaaniya’atti mana Simoonii dur dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeruu adoo jiruu,
[7] dubartiin takka fiqiree gatii guddo’oo, duloo dhakaa albaasaaxarii jedhamu irraa hojjatame tokkoon fiddee gara isaa dhuttee, isaa qorii bira tee’eeru, fiqiree san mataa isaatitti naxxe.
[8] Barattooti isaa yennaa dhaggane ammoo, aaranee, «Tun maaf lafatti baddi?
[9] Fiqireen tun karra guddo’otti gurgurantee, beeseen sun worra hiyyeeyyi’iif silaa hin kennamaayyu» jedhane.
[10] Yesuus ammoo waan kana beekee, «Dubartii tana maaf rakkittan? Isiin waan dansaa anaaf goote.
[11] Hiyyeeyyiin yennaa mara isin woliin jiran, ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu.
[12] Isiin fiqiree tana nafa kiyyatti naqiisaan awwalaaf na qopheessite.
[13] Ani dhugumaan isinitti hima, biyya lafaa duudii keessatti, addee wongeelli kun itti lallabame maratti, wonni isiin goote qaabbii isi’iitiif hin dubbatama» isaaniin jedhe.
[14] Yennaa san Yihudaan nami biyya keriyootii, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te’e, gara mootota hayyootaa dhaqee,
[15] «Ani yoo isa dabarsee isinitti kenne, isin maan anaaf kennitan?» isaaniin jedhe; isaan meetii soddoma isaaf kaffalane.
[16] Yihudaalle yennaa sanii jalqabee isa dabarsee kenniisaaf daguu barbaadate.
[17] Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo hin qanneetitti, barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaattuuf eessatti akka si’iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee isa gaafatane.
[18] Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa’aatii, namicha saniin, ‹Yennaan tiyya dhikaatteerti; ani Jila Irra Dabaramaa barattoota tiyya woliin mana keetitti jilfadha, jedha barsiisaan› jedha’aan» isaaniin jedhe.
[19] Barattooti akkuma Yesuus isaan ajaje, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
[20] Yennaa galgalootte, Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin nyaatiisaaf tee’e.
[21] Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, isin keessaa nami tokko dabarsee ana hin keenna» jedhe.
[22] Barattooti akka malee gaddanee, badoo bado’oon, «Gootta’a, dhugumaan ana te’inaa?» isaan jedhiisa jalqabane.
[23] Yesuus deebisee, «Ka ana woliin harka qorii keyetti dabarsee ana kenna.
[24] Ilmi Namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du’a, ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne’e! Nami sun silaa adoo dhalatuu dhabee isaaf woyya» jedhe.
[25] Yihudaan, ka isa dabarsee kennaaru, «Barsiisa’a, dhugumaan ana te’inaa?» jedhe. Yesuus deebisee, «Atuu jette» jedheen.
[26] Isaan adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo’oo fuudhee, Waaqaaf galata galchee, barattootaaf kennee, «Fudhadha’aa, nyaadha’a; kun foon kiyya» jedhe.
[27] Inni muduunuulle fuudhee, Waaqaaf galata galcheen duuba, isaaniif kennee, «Isin martinuu, itti una’a;
[28] kun dhiiga kiyya, ka Gondooroo haareyaa, ka araara cubbuu kolbaa heddu’uutiif dhangala’e.
[29] Ani isinitti hima, mootummaa Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin haga guyyaa daadhii woyni’ii haareya unutti, ijjumaa deebi’ee daadhii woyni’ii hin unu» isaaniin jedhe.
[30] Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane.
[31] Achiin duuba Yesuus, «Isin martinuu edana na lakkittanee hin baqattan; sababille, ‹Ani tissee hin ijjeesa, hoolotille hin xexeeraman› jedhantee barreeffanteerti.
[32] Du’aa ka’een duuba ammoo, isiniin dura gara Galiila’aa deema» isaaniin jedhe.
[33] Pheexroos, isaan, «Isaan martinuu si lakkisanee baqatanulle, ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu» jedheen.
[34] Yesuus, isaan, «Ani dhugumaan sitti hima, edanuma, iyya lukku’uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedheen.
[35] Pheexroos, isaan, «Si woliin du’uun yoo na barbaachiselle, ani ijjummaa si hin mormadhu» jedheen. Barattooti martinuu akkasuma jedhane.
[36] Achiin duuba Yesuus barattoota ifii woliin gara addee Getesemaanee jedhantuu dhaqe; inni barattoota ifiitiin, «Haga ani achi dhaqee daadimadhu, isin as tee’a’a!» jedheen.
[37] Inni Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaan fudhatee dhaqee, gaddaa fi laaleffata jalqabe.
[38] Achiin duuba inni, isaaniin, «Ani qixxee du’aatitti, guddoo gadde; isin as tura’aa, ana woliin dammaqa’aa tee’a’a!» jedheen.
[39] Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, «Abbaa kiyya, yoo dande’ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te’uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te’in» jedhe.
[40] Achiin duuba inni gara barattoota sadii deebi’ee dhufee, rafiisatti jiranuun dhagge; inni Pheexroosiin, «Maarre, isin sa’aatii tokkolle ana woliin dammaxxanee turuu hin dandeennee?
[41] Akka ataabe’etti hin gallelle daadimadha’a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba’a» jedheen.
[42] Yesuus ammalle yennaa lammeesso’oo isaan irraa hiiqee, «Abbaa kiyya, muduunuun rakko’oo tun adoo hin unin narra dabariisa ka hin dande’anne yoo teete, feedhiin teeti muummottuuti» jedhee daadimate.
[43] Yesuus ammalle dhufee ilti isaanii waan dunquuqotteef, rafiisatti jiranuun dhagge.
[44] Maare ammalle isaan lakkisee, irraa hiiqee yennaa sadeesso’oo, jechootuma duraan jedhe kaan jedhaa daadimate.
[45] Achiin duuba inni gara barattootaa deebi’ee dhufee, «Isin haga ammaa rafaa, foorfatiisatti jirtanii? Kunoo, sa’aatiin Ilmi Namaa harka cubbaaleyyi’iititti dabarfamee kennamu geetteerti.
[46] Ka’aa deennaa! Kunoo, ka dabarsee na kennu dhikaateera» isaaniin jedhe.
[47] Adoo Yesuus dubbatiisatti jiruu, barattoota kudhanii lama keessaa tokko ka te’e Yihudaan dhufe; gumiin guddoon ulee-jirmaa fi goraadee qabatteertu, mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba’aa biraa ta erganteertu isa woliin jirtiiyyu.
[48] Yihudaan Yesuus dabarsee kennu, «Nama ani sunqadhu, isa qaba’a» jedhee duraanuu beessisa isaaniif kenneera.
[49] Yihudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisa’a, attam nageeyaa!» jedhee sunqate.
[50] Yesuus deebisee, «Jaali, waan hujiisaaf dhutte huji» jedheen. Achiin duuba isaan dhufanee Yesuus jabeessanee qabane.
[51] Dedhuma, worra Yesuus woliin jiru keessaa tokkochi goraadee buqqifatee, garbicha hayyicha gudda’aa dhowee, gurra isaa irraa kute.
[52] Achiin duuba Yesuus, «Goraadee keeti gonofa’atti deebifadhu; worri goraadee buqqifatu martinuu goraade’een bada.
[53] Ani Abbaa kiyya yoo gaafadhe, Inni yoosuma ergantoota duula kudhanii lama caalu anaa erguu hin dande’u sitti fakkaataa?
[54] Ammoo Barreefam Woyyichi karaa kanaan te’uu qaddi ka jedhu, silaa attaamiin muummowa ree?» jedheen.
[55] Yennuma san Yesuus gumi’iin, «Akka ani yakkaamessaa, goraade’ee fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? Ani guyyuma guyya’aan Galma Waaqaa keessa tee’ee barsiisaa ture, isinille ana hin qanne.
[56] Ammoo wonni raagoti Barreeffama Woyyicha keessatti barreessite akka muummottuuf, tun marti teete» jedhe. Yennaa san barattooti isaa martinuu isa lakkisanee baqatane.
[57] Worri Yesuus qabane sun, mana barsiisoti Seera Muuse’eetii fi jaarsoti kolba’aa itti wolitti qabamaneeranutti, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda’aa isa geessane.
[58] Pheexroos ammoo irraa fagaatee haga moonaa hayyicha gudda’aa Yesuus hordofe; keessalle seenee, wonni kun attam akka teetu ilaaliisaaf, eeddota woliin tee’e.
[59] Moototi hayyootaatii fi korri mura’aa duudiin Yesuus ijjeesisiisaaf dhugaa baatota dharaa itti barbaadane.
[60] Dhugaa baatoti dharaa hedduun itti dhikaattulle, ammoo dhugaa baya du’a itti mursiisu tokkolle hin dhaggine; dhuma irratti namooti lamaan dhufanee,
[61] «Namichi kun, ‹Ani Galma Waaqaa diigee guyyaa saditti ijaaruu dande’a› jedheera» jedhane.
[62] Hayyichi guddaan ol ka’ee, «Waan isaan si irratti dhugaa bayanu kanaaf ati deebii tokkolle hin qadduu?» jedhe.
[63] Yesuus ammoo cadhise. Achiin duuba hayyichi guddaan, «Magannee Waaqa jiraata’aa, ati Masiihii, Ilma Waaqaa yoo teete nutti himi» jedheen.
[64] Yesuus deebisee, «Maarre atinuu jette. Ani ammoo isinitti hima, ammaa jalqabee Ilmi Namaa midda Waaqa hunnaammessaa tee’uun, duumensa ol-gubba’aatilleen dhufuun hin dhaggitan» isaan jedhe.
[65] Yennaa san hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Inni Waaqa faanshesseera! Dhugaa dhibii maaf barbaanna? Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane.
[66] Maan isinitti fakkaata?» jedhe. Isaan deebisanee, «Inni du’uu qaba» jedhane.
[67] Yennaa san isaan fuula isaatitti tufanee tuntuumane; worri gariin kabalanee,
[68] «Masiihii! Eentu si dhowe? Nuu raagi» jedhaneen.
[69] Adoo Pheexroos ala moonaa keessa tee’iisatti jiruu, durrittiin tajaajiltuun takka gara isaa dhuttee, «Atille Yesuusii worra Galiila’aa woliin jirtaayyu!» jetteen.
[70] Inni ammoo, «Waan ati dubbatiisatti jirtuuyyuu ani hin beeku» jedhee isaan mara duratti mormate.
[71] Yennaa inni gara seensuma karraa dhaqe, durrittiin tajaajiltuun dhibiin isa dhaggitee, worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun Yesuusii nama Naaziretii woliin jiraayyu» jette.
[72] Pheexroos ammalle, «Ani namicha hin beeku» jedhee kakatee mormate.
[73] Yennaa diqqo’oon duuba worri achi dhaabbataneeranu dhufanee, Pheexroosiin, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, dhugumaan atille isaan keessaa nama tokko» jedhaneen.
[74] Yennaa san inni, «Ani namicha hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka’e. Yennuma san lukkuun iyyite.
[75] Achiin duuba Pheexroos waan Yesuus, «Iyya lukku’uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedhe qaabatee, gad bayee laaleffatee booye.