[1] «Mootummaan ol-gubba’aa nama fichaa woyni’ii qabu, ka barii halkaniin addee woynii ifiitiif hojjattoota qaxaru’uuf baye tokko fakkaatti.
[2] Beesee mindaa guyyaa tokkootiin hojjattootaan wolii galeen duuba, gara fichaa woynii ifiititti isaan erge.
[3] Gara sa’aatii sadiititti inni yennaa gad bawu, worra dhibii addee dikko’oo hujii malee dhaabbatiisatti jiranu dhagge;
[4] innille isaaniin, ‹Isinille gara fichaa woyni’ii dhaqa’aa huja’a; anille kaffaltii malte isinii kaffala› jedheen.
[5] Maarre isaanille dhaqane. Gara sa’aatii jaatii fi gara sa’aatii sagaliille’etti inni bayee akkasuma godhe.
[6] Gara sa’aatii kudhanii tokkoolle’etti inni bayee worra dhibii adaala san dhaabbateeruun dhaggee, ‹Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabbattan?› jedheen.
[7] Isaanille, ‹Nama nu qaxaru waan dhanneef as dhaabbanna› jedhaneen. Inni, ‹Isinille gara fichaa woyni’ii dhaqa’aa huja’a› jedheen.
[8] Yennaa galgalootte, abbaan fichaa woyni’ii towataa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra duubarra qaxarameen jalqabii haga worra dursee qaxarameetitti, kaffaltii isaanii kenniif› jedheen.
[9] Worri gara sa’aatii kudhanii tokkootitti qaxaramane dhufanee, tokko tokkoon isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatane.
[10] Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane.
[11] Isaan yennaa beesee fudhatanelle, abbaa fichaa woyni’ii irratti gungumanee,
[12] ‹Hojjattooti duubarra qaxaramane sa’aatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu’utti woxalamaa guyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite› jedhane.
[13] Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan, ‹Jaali, ani womaa si hin balleessine; ati guyya’atti mindaa guyyaa tokkootiin motii ka anaan wolii galte?
[14] Kaffaltii teeti fudhadhuu deemi; haguma si’iif kenne namicha duubarra qaxarame kanaafille kenniisa fedha.
[15] Beesee tiyyaan waan fedhe godhuu hin dande’uu? Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaattaa?› jedhe.
[16] «Worri duubaa dura, worri duraa duuba hin te’an» jedhe.
[17] Yesuus gara Yerusaalemii ol deemisatti jiruun, barattoota kudhanii lamaa qofiitti fudhee,
[18] «Kunoo, nuuti gara Yerusaalemii ol bayiisatti jirra, Ilmi Namaa mootota hayyootaatii fi barsiisota Seeraatitti dabarfamee hin kennama; isaanille yakkaa du’aa isatti murane.
[19] Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te’initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso’ootitti du’aa hin ka’a» isaaniin jedhe.
[20] Achiin duuba haati ilmaan Zabdewoosii ilmaan ifii woliin gara Yesuusii dhuttee, isa duratti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa kadhatte.
[21] Innille isi’iin, «Ati maan barbaadda?» jedhe. Isiille isaan, «Ilmaan tiyya lamaan tun mootummaa teeti keessatti tokkochi midda keetitti, tokkochi bitaa keetitti, akka tee’anu naa godhi» jetteen.
[22] Yesuus ammoo deebisee, «Isin waan kadhatanu hin beettanu. Isin muduunuu rakko’oo ta ani uniisa geyeeru unuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe. Isaanille, «Nuuti hin dandeenna» isaan jedhane.
[23] Innille, «Isin dhugumaan muduunuu rakko’oo ta ani unu hin untan, ammoo ka namoota midda kiyyaa fi bitaa kiyyatti teessiisu anaa moti; addeen tun worra Abbaan kiyya isaaniif qopheesseeruuf kennanti.
[24] Barattooti kudhan marroo waan kanaa yennaa dhage’ane, obboleeyyan lamaan sanitti aarane.
[25] Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Bulchitooti worra Yihudoota hin te’inii kolbaa ifii irratti akka goottomanu, qondaaltoti isaaniille isaan irratti baallii guutuu akka qabanu isin hin beettan.
[26] Odduu teessanitti akkas hin teetu; eennulle isin keessaa nami guddaa te’uu fedhu tajaajilaa keessan te’uu ti;
[27] akkasuma eennulle isin keessaa nami nama namaan duraa te’uu fedhu garbicha keessan te’uu ti;
[28] Ilmi Namaalle tajaajiliisaa fi kolbaa heddu’uuf jiruu ifii wodoo godhee kenniisaaf dhufe malee, akka isa tajaajilanuuf hin dhunne» jedhe.
[29] Yesuusii fi barattooti isaa Yeriko’oo bayanee deemanuun, gumiin guddoon Yesuus hordotte.
[30] Namooti ballaan lamaan achi karaa cinaa tetee’anee jiraniiyyu. Akka Yesuus karaa san dabariisatti jiru yennaa dhage’ane, iyyanee, «Gootta’a, Ilma Daawwitii, nuu marar!» jedhaa iyyane.
[31] Gumiin akka isaan cadhisanu xixxe; isaan ammoo ittumaa caalchisanee qoonqoo guddo’oon, «Gootta’a, Ilma Daawwitii, nuu marar!» jedhaa iyyane.
[32] Yesuus dhaabbatee isaan waamee, «Maan akka ani isiniif godhu barbaaddan?» jedheen.
[33] Isaan deebisanee, «Gootta’a, ilti teenna akka banantu barbaanna» jedhaneen.
[34] Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane.