[1] Yesuus ammalle mammaassaan isaanitti dubbatee,
[2] «Mootummaan Waaqaa mooticha tokko ka ilma ifiitiif jila fuudhaa fi heerumaa jilise fakkaatti.
[3] Worri gara jila fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himiisaaf, Mootichi tajaajiltoota ifii erge; isaan ammoo hin dhunne.
[4] Inni ammalle tajaajiltoota dhibii ergee, ‹Worra waamameeruun: Kunoo, jila tiyya ta fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, sangootaa fi dardarooti cocoommiin qalamaneeran, wonni martille qophootteerti; gara jila fuudhaa fi heerumaa koya’a jedha’aatii itti hima’a› jedhe.
[5] Worri waamame ammoo tuffatee, tokko gara fichaa ifii, kuun gara daldala ifii deeme;
[6] worri kuun tajaajiltoota isaa qabee, akka malee tolchee, ijjeesse.
[7] Mootichi guddoo aaree, loltoota ifii ergee, worra tajaajiltoota isaa ijjeese san balleessee, qachaa isaaniille gube.
[8] Achiin duuba inni tajaajiltoota ifiitiin, ‹Jilti fuudhaa fi heerumaa qophootteerti, worri waamame ammoo ka jila tanaaf male hin teene.
[9] Tanaaf gara woldeennaa karaa gugurda’aa dhaqa’aatii, namuma dhaggitane mara gara jila fuudhaa fi heeruma tanaa waama’a!› jedhe.
[10] Tajaajiltooti sun gara karaa gugurda’aa bayanee nama dhaggane mara bada’aa fi dansaalle guurane; maarre manni jila fuudhaa fi heerumaa sun keessummootaan guutame.
[11] «Mootichi keessumoota ilaaliisaaf yennaa ol seene ammoo, nama woyaa jila fuudhaa fi heerumaa hin uffatin tokko dhagge.
[12] Namichaan, ‹Jaali, woyaa jila fuudhaa fi heerumaa malee attamiin mana seente?› jedheen. Namichi waan dubbatu dhabe.
[13] Achiin duuba mootichi worra achi keessa ergamuun, ‹Harkaa fi miila isaa hidha’aatii, dukkana alaatitti gata’a. Achitti ilkaan qariisaa fi booyiis hin te’a› jedhe.
[14] Worri waamame heddu’u, worri filame ammoo diqqa’a» jedhe.
[15] Achiin duuba worri Fariisaayotaa dhaqanee waanuma inni dubbateen Yesuus xaqaru’uuf mari’atane.
[16] Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, «Barsiisa’a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu.
[17] Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma’aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!» jedhaneen.
[18] Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin kijiboolle’e! Maaf haga na ilaaltan?
[19] Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa’a?» jedhe. Isaanille beesee san takka itti fidane.
[20] Achiin duuba inni, «Fakki’ii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate.
[21] Isaan deebisanee, «Ka mootii mootota biyya Rooma’aa ti» jedhaneen. Achiin duuba inni, «Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna’a» isaaniin jedhe.
[22] Isaan yennaa waan kana dhage’ane baaseffatanee, isa lakkisanee deemane.
[23] Gaafasuma Saduqooti, worri du’aa ka’iisi hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee,
[24] «Barsiisa’a, Muuseen, ‹Nami tokko adoo hin uumatin yoo du’e, obboleessi isaa niitii obboleessa du’ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti› jedheera.
[25] Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraniiyyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du’e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale.
[26] Ka lammeesso’oolle, ka sadeesso’oolle, haga torbeesso’ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du’ane.
[27] Mara isaaniitiin duuba, isiille duute.
[28] Gaafa worri du’ane ka’anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane.
[29] Yesuus deebisee, «Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan.
[30] Yennaa worri du’ane ka’anu, isaan ol-gubba’atti akka ergantoota Waaqa te’an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu.
[31] Marroo worra du’aa ka’iisa worra du’ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee?
[32] Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqii, Waaqa Yaaqoobii ti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraata’aati malee, Waaqa worra du’a’aatii moti» isaaniin jedhe.
[33] Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte.
[34] Yesuus worra Saduqootaa akka cadhisiise yennaa dhage’ane, worri Fariisaayotaa wolitti dacha’ane.
[35] Isaan keessaalle’ee, barsiisaan Seeraa tokko, Yesuus haga ilaaliisaaf,
[36] «Barsiisa’a, Seera keessaa ajaji guddichi kam?» jedhee isa gaafate.
[37] Yesuus deebisee, «‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin jaalladhu›.
[38] Ajaji guddichi duraa isaa kana.
[39] Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaalladhu›.
[40] Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse’eetii fi barsiis raagotaa marti hundeeffamaneeran» jedhe.
[41] Fariisaayoti wolitti dacha’aneeranuun, Yesuus,
[42] «Marroo Masiihii maan isinitti fakkaata? Inni ilma eennuu ti?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Ilma Daawwitii ti» jedhaneen.
[43] Yesuus, «Attamiin Daawwiti hunna Ayyaana Woyyichaatiin sooreffamee ‹Goottaa› jedhaa isa waamaa,
[44] ‹Waaqi Goottaa kiyyaan, haga ani diinota keeti miila keeti jala si’iif galchutti, Midda kiyyatti tee’i› jedheen ree?
[45] Daawwiti yoo, ‹Gottaa› jedhee isa waame, Masihiin attamiin ilma isaa te’uu dande’a?» isaaniin jedhe.
[46] Nami tokkolle deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. Guyyaa sanii jalqabee nami tokkolle gaaffi tokkolle isa gaafatiisaaf itti hin gamne.