Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:48

[1] Achiin duuba akka Yesuus Seexanaan ataabamu Ayyaanni Woyyichi gara goomole’ee geesse.

[2] Yesuus guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama laameen duuba beelote.

[3] Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te’u ajaji» jedhe.

[4] Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, ‹Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla’aan hin le’u› jedha» jedhee deebise.

[5] Achiin duuba Seexanni gara Qachaa Woyyichaa gara Yerusaalemii Yesuus geessee, qaccee guutuu Galma Waaqaa gubbaa isa dhaabbachiisee,

[6] Barreeffam Woyyichi, «Miilli keeti dhaka’aan akka hin gufanne, akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf, ergantoota ifii hin erga waan jedhuuf, Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi» jedheen.

[7] Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen.

[8] Achiin duuba Seexanni gaara dheeraa tokko gubba’atti isa baasee, mootummoota biyya lafaa mara, ulfinna isaanii mara woliin itti mudhisee,

[9] «Gad jiddee yoo anaaf sagadde, waan kana maraa si’iif hin kenna» jedheen.

[10] Yesuus deebisee, «Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajili› jedha» jedheen.

[11] Achiin duuba Seexanni Yesuus lakkisee deeme; ergantooti Waaqaalle dhufanee isa tajaajilane.

[12] Yesuus hidhama Yohaannisii yennaa dhage’e, gara Galiila’aa deebi’e.

[13] Qachaa Naaziretii lakkisee, lafa Zabilooniitii fi Niftaalem keessa, cinaa abbaayaa Galiila’aa, qachaa Qifirnaahomii keessa le’e.

[14] Wonni Isaayaasiin raagichi raagee,

[15] «Lafa Zabilooniitii fi lafa Niftaalemii, Yordaanosiin gama, karaa gara abbaaya’aa geessu gubbaa jirtu, Galiilaa, lafa worra Yihudootaa hin te’inii!

[16] kolbaan dukkana keessa leete, ifa guddaa dhaggite. worra lafa gaaddisa du’aa keessa le’uuf, ifi ife» jedhe akka muummottuuf tun teete.

[17] Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi’a’a!» jedhee lallabiisa jalqabe.

[18] Yesuus abbaayaa Galiila’aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurximmi’ii ka te’ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo abbaaya’atti afanuun dhagge.

[19] Yesuus isaaniin, «Na hordofa’a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe.

[20] Isaan yennuma san caccoota ifii lakkisaanee isa hordofane.

[21] Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti jiraniiyyu. Yesuus isaan waame;

[22] isaanille yennuma san hobolo’oo fi abbaa ifii lakkisanee, isa hordofane.

[23] Yesuus manoota waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta marroo mootummaa Waaqaa lallabaa, dhibe’ee fi dhukkuba adda addaa mara irraa kolbaa fayyisaa Galiilaa duudii keessa deddeeme.

[24] Gurri isaa biyya Sooriya’aa maratti dhage’ame; waan kanaaf worra dhibameeru, dhukkuba adda addaatii fi dhibe’een farru, worra ayyaanni hamaan qabeeru, worra gaggaadduu qabuu fi worra laashoweeru mara kolbaan gara isaa fidde. Yesuusille isaan fayyise.

[25] Achiin duuba gumiin hedduun Galiilaa irraa, Qachaa qachoota Kudhan jedhamu irraa, Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, Yordaanosiin gamalle’ee isa hordofane.

Matewoos — Chapters