[1] Barii halkaniin moototi hayyootaatii fi jaarsoleen kolba’aa marti Yesuus ijjeesisiisaaf mari’atane.
[2] Isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoosii bulchaa biyyaatitti dabarsanee kennane.
[3] Yihudaan isa dabarsee kenne, akka Yesuusitti murame yennaa dhagge, gaabbee meetii soddoma san mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba’aatiif deebisee fidee,
[4] «Nama yakkaa hin qanne dabarsee kennisaan yakkeera» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Maanti nu dhibe ree? Haajaa keeti!» jedhane.
[5] Yihudaan beesee san Galma Waaqaa keessatti qolaansee gatee, isaan biraa deemee, dhaqee ifi fannise.
[6] Moototi hayyootaa ammoo, beesee san fuudhanee, «Beeseen tun gatii dhiiga namaa waan teeteef, karra Galma Waaqaatitti makuun seeraa moti» jedhane.
[7] Mari’ataneen duuba, addee awwaala worra ormaa akka teetu, namicha faara dhowu irraa lafa ittiin bitane.
[8] Sababa kanaaf latti sun haga adhaa, «Lafa dhiigaa» jedhantee waamanti.
[9] Wonni Ermiyaasiin raagichi, «Isaan meetii soddoma akka gatii isaa teetuuf, ijoolleen Israa’elii herredde fudhatte;
[10] akkuma Goottaalle ana ajajetti gatii lafaa namicha faara dhowuu kennane» jedhee dubbate muummotte.
[11] Yesuus Philaaxoosii bulcha biyyaa dura dhaabbate; Philaaxoosille, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedheen.
[12] Inni ammoo yennaa mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba’aatiin himatame, deebii hin kennine.
[13] Achiin duuba Philaaxoos, «Waan hedduu isaan si himatanu ati hin dhageettuu?» jedheen.
[14] Inni ammoo jechuma tokkolle hin deebinne; tanaaf bulchaan biyyaa Philaaxoos guddoo baaseffate.
[15] Yennaa Jila Irra Dabaramaa, bulchaan biyyaa Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba.
[16] Yennaa san namichi hantuu hujiisaan beekkame tokko, ka Barabbaa jedhamu, hidhaa keessa jiraayyu.
[17] Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, «Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame» isaaniin jedhe.
[18] Philaaxoos akka isaan waan hinaattolee te’aneef dabarsanee isa kennane beekeera.
[19] Philaaxoos barcumaa mura’aa gubbaa tee’eeruun, haati manaa isaa, «Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju’uun guddoo rakkadhe» jettee ergaa itti ergite.
[20] Moototi hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeeffamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane.
[21] Bulchaan biyyaa Philaaxoos ammalle, «Isaan lamaan keessaa eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaanille, «Barabbaa nuuf hiiki!» jedhane.
[22] Philaaxoos, «Yesuus ka Masiihii jedhame maan godhu ree?» isaaniin jedhe. Isaan martinuu, «Inni fannifamuu ti!» jedhane.
[23] Achiin duuba inni, «Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?» jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, «Inni fannifamuu ti!» jedhanee iyyanee hogisane.
[24] Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, «Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!» jedhe.
[25] Achiin duuba kolbaan duudiinuu, «Dhiiga isaatiif, nutii fi ijoollee teenna itti gaafattannuu ti» jedhanee deebisane.
[26] Maarre inni Barabbaa isaaniif hiike; liche’een Yesuus dhaansiseen duuba, akka fannifamuuf dabarsee kenne.
[27] Achiin duuba loltooti bulchaa biyyaa Yesuus gara mana mootumma’aatitti fuudhanee geessane; loltoota duudii adaala Yesuusiititti wolitti qabane.
[28] Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee,
[29] dameelee qore’eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, «Mootii Yihudootaa, jiraadhu!» jedhaa itti taphatane.
[30] Isaan itti tufanee, uleelle irraa fuudhanee mataa isaa dhowane.
[31] Itti taphataneen duuba, isaan woyaa san irraa baasanee woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba fannisiisaaf isa geessane.
[32] Isaan yennaa gad bayane, namicha biyya Qareena’aa tokko, ka Simoon jedhamu dhagganee, fannoo Yesuusii akka ba’atu hunnaan tolchane.
[33] Isaan addee Golgootaa jedhantu dhufane; «Golgootaa» jechuun «Addee buqqii mata’aa» jechu’u.
[34] Isaan dhaadhii woyni’ii hadhoottu’uun makanee, akka unuuf Yesuusiif kennane. Inni afaaniin qabe malee, hin unne.
[35] Yesuus fannisaneen duuba hixaa buufatiisaan woyaa isaa qoqoodamane.
[36] Achiin duuba isaan achi tee’anee isa eegane.
[37] Isaan barreeffama isa ittiin himatane, «Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus» ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane.
[38] Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane.
[39] Worri achiin dabaranu mataa ifii raasaa,
[40] «Ati ka Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ijaartu, ifi fayyisi me! Ati yoo Ilma Waaqaa teete, fannoo irraa gad bu’i!» jedhaa isa arrassane.
[41] Akkasuma moototi hayyootaa, barsiisota Seeraatii fi jarsolee woliin itti taphatanee,
[42] «Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande’u. Inni mootii Israa’elii yoo te’e, me amma fannoo irraa gad bu’uuti; nuutille isatti hin dhugeeffanna.
[43] Inni Waaqatti addatee, ‹Ani Ilma Waaqaati› waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuuti» jedhane.
[44] Akkasuma alagaltooti isa woliin fannifamanelle isa arrasane.
[45] Orraa sa’aatii jaan jalqabee haga sa’aatii sagalii latti duudiin dukkanootte.
[46] Gara sa’aatii sagaliititti Yesuus, «Elo’ii, Elo’ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo’oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf ana lakkitte?» jechu’u.
[47] Worra achi dhaabbatanu keessaa gariin yennaa tana dhage’ane, «Namichi kun Eliyaas waamiisatti jira» jedhane.
[48] Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii fuudhee, daadhii woyni’ii dhangaggoottu’utti cuuphee, qaccee ule’eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne.
[49] Worri dhibiin ammoo, «Eegi me! Eliyaas dhufee akka isa fayyisu hin ilaalla!» jedhane.
[50] Achiin duuba Yesuus ammalle qoonqoo guddo’oon iyyee du’e.
[51] Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba’aa haga gadii addee lamatti tarsa’e. Latti tachoote, rassaalle dadayya’e.
[52] Irreensotille banamanee, kolbaa Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka’ane.
[53] Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du’aa ka’een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu’utti mudhatane.
[54] Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho’a lafaatii fi waan te’e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane.
[55] Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu.
[56] Isaan keessa Maariyaamii qachaa Magdala’aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi Yoseefii, haadha ijoollee Zabdewoosii fa’atti jira.
[57] Yennaa galgalootte, namichi dureessi qachaa Armaatiya’aa, ka Yoseef jedhamu tokko, achi dhufe; innille barataa Yesuusiitiiyyu.
[58] Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate; achiin duuba Philaaxoos reeffi akka kennamuuf ajaje.
[59] Maarre Yoseef reeffa fudhatee, woyaa qoolaa qulqullu’uun maree,
[60] goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme.
[61] Maariyaamiin qachaa Magdala’aatii fi Maariyaamiin tuun goda awwaalaa fuula dura tee’iisatti jiraniiyyu.
[62] Boruyyaa, guyyaa qophi’iitiin duuba, guyyaa sanbataa moototi hayyoootaatii fi Fariisaayoti Philaaxoos duratti wolitti qabamanee,
[63] «Gootta’a, sobaalessi sun adoo jiruu, ‹Guyyaa sadiin duuba deebi’ee ka’a› waan inni jedhe nuuti hin qaabanna.
[64] Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te’uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa’a, kolba’aan, ‹Inni du’a keessaa ka’eera› hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te’a» jedhaneen.
[65] Philaaxoos, «Worra eegu fudhadha’aa dhaqa’aatii, akka beettanutti eegachiifadha’a» isaaniin jedhe.
[66] Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka’atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane.