[1] Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina’a.
[2] Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille’eef safarama.
[3] «Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne?
[4] Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, ‹Huura ila teeti keessaa sii fuudha› attam jedhuu dandeetta?
[5] Ati nama kijiba’a! Dursiitii jigeessa ila teeti keesa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta.
[6] «Waan Waaqaaf male sarootaaf hin kennina’a; isinitti garagalanee isin ciniinan. Dooqa keessan ka gatii guddoo qabulle booyyota dura hin buusina’a; isaan miilaan irra sirban.
[7] Yesuus itti dabalee, «Kadhadha’a, isiniif hin kennanti; barbaada’a, hin dhaggattanille’e; balbala dhodhowa’a isiniif hin bananti.
[8] Ka kadhatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti.
[9] Isin keessa ilmi isaa daabboo yoo kadhate, ka dhakaa kennuuf eennu?
[10] Yookiin qurxummii yoo kadhate, dhudhuufaa hin kennaafii?
[11] Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa kadhatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!
[12] «Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha’a: Seerri Muuse’eetii fi raagoti kanuma barsiisan.
[13] «Karra dhipho’oon seena’a! Karaan gara badi’ii geessu badha’aa; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu’u.
[14] Karaan gara jiru’uu geessu ammoo qadha’aa; karrille dhiphoo waan teeteef, worri karaa jiru’uu san dhaggatu diqqa’a.
[15] Yesuus itti dabalee, «Raagota dharaa irraa ifi eeggadda’a; isaan gubbaa irra hoolota fakkaatanee, gara keessan dhufan; keessi isaanii ammoo yayyii isin butattu.
[16] Midhaan isaaniitiin isaan beettan. Midhaan woyni’ii kom’olcha irraa, midhaan harru’uu waaccuu irraa hin guuranu.
[17] Akkasuma, muki dansaan midhaan dansaa, muki hamaan midhaan hamaa buusa.
[18] Muki dansaan midhaan hamaa buusuu hin dande’u; yookiin muki hamaalle midhaan dansaa buusuu hin dande’u.
[19] Muki midhaan dansaa hin buunne martinuu muramee ibiddatti gatama.
[20] Tanaaf midhaan isaaniitiin raagota dharaa beettan» jedhe.
[21] Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu ka hujutti mootummaa ol-gubba’aatitti gala malee, ka, ‹Gootta’a, Gootta’a› jedhee na waamu marti hin galu.
[22] Guyyaa mura’aa san, namooti hedduun, ‹Gootta’a, Gootta’a! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin durriisota hin baannee? Maqaa keetiin baasota hedduu hin hunyee?› anaan hin jedhan.
[23] Ani ammoo, ‹Ijjumaa isin hin beeku. Isin worra dabaaleyyi’i; ila tiyya duraa deema’a!› jedhee ifatti isaanitti hima» jedhe.
[24] Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage’ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.
[25] Bokkeenni roobee, lolaan lola’ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sun ammoo raassaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne.
[26] «Nami jecha kiyya dhage’ee hujii irra hin oolchine namicha gowwaa mana ifii maansa irratti ijaarrate tokko fakkaata.
[27] Bokkeenni roobee, lolaan lola’ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sunille jigee akka malee butute» jedhe.
[28] Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, gumiin barsiisa isaatitti baaseffatte.
[29] Inni akka barsiisota isaanii ta Seera Muuse’ee adoo hin te’in, akka nama baallii qabuu tokko isaan barsiise.