Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:49

[1] Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattoti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane.

[2] Achiin duuba inni, «Isin waan kana mara hin dhaggitanii motii? Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; isaan maraa hin diigaman» jedhe.

[3] Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee’iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, «Nutti himi, kun yoom te’a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?» jedhane.

[4] Yesuus deebisee, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha’a!

[5] Worri hedduun, ‹Ani Masiihi’i› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Worra hedduulle hin dokonkorsan.

[6] Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha’a; wonni akkasii kun te’uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne.

[7] Gosi gosatti, mootummaalle mootumma’atti hin kaati; beellii fi tacho’i lafaa addee adde’etti hin te’an.

[8] Kun marti ammoo ciniinsuu jalqabaa ti.

[9] «Achiin duuba isaan akka rakkattanuu fi ijjeefantanu dabarsanee isin hin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif gosa maraan hin jibbatantan.

[10] Yennaa san namooti hedduun dhugeeffannaa irraa hin jigan, isaan wol dabarsanee hin kennan, wolille hin jibban.

[11] Raagoti dharaa hedduulle hin ka’an, worra hedduulle hin dokonkorsan.

[12] Waan hammeenni fakkanuuf, jaalalli nama heddu’uu qabbanowaa deema.

[13] Nami haga muumme’ee ciniinnatee ossatu ammoo hin fayya.

[14] Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti» jedhe.

[15] Yesuus itti dabalee, «Akkuma raagaan Daani’el dubbate, ‹Farra badi’ii› addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti!

[16] Yennaa san worri biyyaa Yihuda’aa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti.

[17] Nami heellichoo manaa gubbaa jiru waan mana keessaa fudhatiisaaf gad hin bu’in.

[18] Nami fichaa keessa jiru woyaa fudhatiisaaf gara manaa hin deebi’in.

[19] Guyyoota san dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne’e!

[20] Baqi keessan ganna yookiin guyyaa Sanbataa akka hin teene daadimadha’a!

[21] Yennaa san rakkinni guddaan hin te’a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te’ee hin beeku, ijjumaa deebi’eelle hin te’u.

[22] Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan.

[23] Eennuulle isiniin ‹Kunoo! Masiihiin as jira!› yookiin, ‹Inni achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina’a.

[24] Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka’an; isaan yoo dande’ane, kolbaa Waaqi filateeyyuu, dokonkorsiisaaf baasaa fi bilbaasa hin hujan.

[25] Kunoo ani duraan dursee tana isinitti himeera.

[26] Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa goomole’ee keessa jira› yoo isiniin jedhane gad hin bayina’a; yookiin, ‹Kunoo! Inni kolloo keessa jira› yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina’a.

[27] Akkuma balaqqeettiin gara baya-adu’uutitti balaqqittee haga gara seensa-adu’uutitti issitu, dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te’a.

[28] Addee reeffi jirutti allaattiin yaati» jedhe.

[29] Yesuus itti dabalee, «Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba’aalle hin raafanti.

[30] Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba’atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba’aatiin hunnaa fi ulfinna gudda’aan dhufuun hin dhaggan.

[31] Inni ergantoota ifii qoonqoo tuultullaa gudda’aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba’aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban» jedhe.

[32] Yesuus ammalle, «Muka harru’uu irraa barumsa baradha’a! Yennaa dameeleen isi’ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhikaate beettan.

[33] Maarre akkasuma, waan kana mara yenna dhaggitane akka Ilmi Namaa balbalatti dhikaate beeka’a.

[34] Ani dhugumaan isinitti hima, wonni kun marti haga teetutti dhalooti kun hin dabaru.

[35] Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe.

[36] Yesuus itti dabalee, «Marroo guyyaa saniitii fi sa’aatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubba’aalle, Ilmille, eennulle hin beeku.

[37] Akkuma bara Nohiititti te’e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te’a.

[38] Bara san bisaan badi’iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane;

[39] haga bisaan badi’ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te’a.

[40] Yennaa san nami lamaan fichaa keessa hin hujata; tokkochi hin fudhatama, tokkochi hin hafa.

[41] Dubartooti lamaan woliin daakuu daakan; takkattiin hin fudhatanti, takkattiin hin hatti.

[42] Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa’aa eegadha’a.

[43] Waan kana ammoo hubadha’a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu.

[44] Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa’aa le’a’a» jedhe.

[45] Yesuus itti dabalee, «Tajaajilaan addatama’aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna’aan kennuuf, maatii ifii irratti itti gaafatamaa godhu kam ree?

[46] Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi’u hujiisumatti jiruun dhaggu sun ka badhaadhe.

[47] Ani dhugumaan isinitti hima, goottaan isaa qabeenna ifii mara irratti itti gaafatamaa isa godha.

[48] Tajaajilaan hamaan sun ammoo yaada ifii keessatti, ‹Goottaan kiyya hin tura› yoo jedhee,

[49] tajaajiltoota dhibii dhaaniisa, worra machaawanu woliin nyaatiisaa fi uniisa yoo jalqabe,

[50] goottaan tajaajilaa sanii guyyaa inni isa itti hin yaadanee fi yennaa inni hin beennetti hin dhufa.

[51] Inni tajaajilaa san hin ciccira qooda isaalle worra kijiboolee woliin godha, achitti booyaa ilkaan qara» jedhe.

Matewoos — Chapters