Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:37

[1] Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana.

[2] Kitaaba Isaayaasii raagichaa keessatti, «Kunoo, Ani ergamaa kiyya ka karaa si’iif qopheessu si’iin dura erga.

[3] Lafa goomole’ee keessatti nami tokko, ‹Karaa Gootta’aa qopheessa’a; daandii inni irra ideemu qajeelcha’a!› jedhaa iyya» jedhantee akkuma barreeffante,

[4] Yohaanniisiin cuuphaan lafa goomole’ee keessatti, «Cubbuu teessan irraa deebi’aatii, cuuphama’a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhaa lallabaa dhufe.

[5] Kolbaan biyya Yihuda’aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane.

[6] Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwannisaa fi damma hollaa nyaataa ture.

[7] Inni, «Ka ana caalu na duubaan dhufaara; ani gad jedhee hidhaa kophee isaalle hiiku’uuf nama te’uu moti.

[8] Ani bisaaniin isin cuupha; inni ammoo Ayyaana Woyyichaan isin cuupha» jedhee lasse.

[9] Eegi san adoo hin turin Yesuus, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu dhufee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphame.

[10] Akkuma Yesuus bisaan keessaa bayeen, ol-gubbaan saaqantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu’uun dhagge.

[11] Ol-gubbaa irraa, «Ati ilma kiyya ka ani jaaladhu; ani si’itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage’ante.

[12] Yennuma san Ayyaanni Waaqaa aka Yesuus gara lafa goomolle’ee dhaqu tolche.

[13] Yesuus lafa goomolle’ee keessa guyyaa afurtama Seexanaan ataabamaa ture. Achitti bineensotaan woliin ture; ergantooti Waaqalle isa tajaajilane.

[14] Yohaannisiin cuuphaan gara mana hidha’aa dabarfamee kennameen duuba, Yesuus gara Galiila’aa dhufee, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte lallabe.

[15] Inni, «Barri muummayeera, mootummaan waaqaa dhi’aatteerti, cubbuu irraa deebi’aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha’a!» jedhe.

[16] Yesuus Abbaayaa Galiila’aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi’ii ka te’ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo Abbaaya’atti afanuun dhagge.

[17] Inni isaaniin, «Ana faana kowa’a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe.

[18] Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane.

[19] Yesuus haga diqqoo ideemee, ilmaan Zabdeewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, hoboloo ifii keessatti caccoota ifii mimiidhaffatanuun dhagge.

[20] Inni akkuma dhaggeen isaan waame; isaanille abbaa ifii Zabdeewoos hojjattoota woliin hoboloo keessatti lakkisanee Yesuus faana deemane.

[21] Yesuusii fi barattooti isaa gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqane; guyyaa Sanbataa itti aanuu Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee barsiise.

[22] Yesuus akka barsiisota Seera Muuse’ee adoo hin te’in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage’ane maraa akka Inni itti barsiise jajane.

[23] Yennuma san namichi ayyaana hama’aan qabameeru tokko Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee,

[24] «Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!» jedhe iyye.

[25] Yesuus ayyaanaa hamaa’an «Cadhisi! Keessalle’ee bayi» jedhee xixe.

[26] Ayyaan hamaan sun namicha gajassisee, qoonqoo guddo’oon iyyee keessaa baye.

[27] Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, «Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanoota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman» jettee wol woliin dudubbatte.

[28] Gurri isaa adoo hin turin lafa Galiila’aa duudii keessatti addee maratti dhage’ame.

[29] Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii akkuma bayeen, Yaaqoobii fi Yohaannis woliin mana Simooniitii fi Indiryaasii dhaqe.

[30] Yenna inni achi gewu haat-sodda’aa ta Simoonii dhukkuba nafa o’isuun dhibantee irkatteetti; yoosuma dhibee isi’ii tana isatti himane.

[31] Yesuus itti dhikaatee, harka isi’ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o’isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte.

[32] Galgala san aduun seenteen duuba, worra dhibamanee fi worra durriisotaan qabamane maraa gara isaa fidane.

[33] Kolbaan qachaa sanii martinuu balbala duratti wolitti qabante.

[34] Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge.

[35] Barii halkaniin, boruun adoo hin diimatin Yesuus ka’ee, manaa gad bayee addee nami hin jirre dhaqee, achitti daadimate.

[36] Simoonii fi worri isa woliin turane ammoo Yesuus barbaassa bayane.

[37] Isaan yennaa isa dhaggane, «Namooti martinuu si barbaadiisatti jiran» jedhaneen.

[38] Yesuus ammoo, «Wonni Ani dhufeef lallabiisaaf waan te’eef, ka’aa gara olloota nu’utti aananuu dhandha, ani achille’etti lallabu’uu male» isaaniin jedhe.

[39] Maarre, Yesuus lafa Galiila’aa maraa keessa deddeemee, manoottan waaqeffannaa Yihudootaa keessatti lallabee, durriisotalle baase.

[40] Namichi dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, «Yoo fedha keeti te’e ana fayyisuu hin dandeetta» jedhee isa kadhate.

[41] Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» isaan jedhe.

[42] Yennuma san dhukkubi goga’aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye.

[43] Achiin duba Yesuus namichaan,

[44] «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle’etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee, jabeessee, seeree, isa erge.

[45] Namichi ammoo achii deemee, akkuma dhagge haasowee oduu biyyaan geye. Kanaaf Yesuus addee qoommi’iititti ture malee, qaaleyaan gara qacha’aa seenu’uuf hin dandeenne. Kolbaan ammoo addee maraa gara isaa dhutte.

Maarqoos — Chapters