[1] Yesuus hoboloo yaabee abbaaya’aan gamatti bu’ee gara qachaa ifii dhufe.
[2] Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
[3] Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse’ee gariin, «Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
[4] Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan?
[5] ‹Cubbuu teetiif araarri kennameerra› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii deem› jechuu irra kamtuu kaso’o?
[6] Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka’i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe.
[7] Namichille ol ka’ee gara mana ifii deeme.
[8] Kolbaan yennaa tana dhaggitte baaseffattee, Waaqa baallii akkasii kolba’aaf kenne galateeffatte.
[9] Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee’eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ol ka’ee isa hordofe.
[10] Yesuus mana Maatewoosiititti nyaata irra jiruun, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun isaa fi barattoota isaa woliin nyaatiisaaf tee’ane.
[11] Fariisaayoti gariin kana dhagganee, barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaata?» jedhane.
[12] Yesuus yennaa kana dhage’e, «Worra dhibameef malee, worri fayyaaleyyi’iif cidheesa hin barbaachisu.
[13] Dhaqa’aatii Barreeffama, ‹Ani marartii barbaada malee ciinca’aa moti› jedhu hiikkaan maan akka te’e qorqora’aatii hubadha’a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe.
[14] Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha’aa gara Yesuusii dhufanee, «Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?» jedhanee gaafatane.
[15] Yesuus deebisee, «Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo’o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman.
[16] «Eennulle woyaa haareya woyaa dullatti’itti hin erbu; sababille woyaan haaretti shunturrachiittee qowa duriituu ka caalu gooti.
[17] Akkasuma daadhii woyni’ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho’a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu hareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu.
[18] Yesuus adoo tana isaanitti dubbatiisatti jiruu, bulchaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaa gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Intalti tiyya ammuma na duraa duute; ati ammoo koyiitii harka keeti isii irra keyi; isiille deebitee hin jiraatti» jedhe.
[19] Yesuus ka’ee barattoota ifii woliin isa faana dhaqe.
[20] Dubartiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi’ii dhaabbatuu didee rakkataa turte takka isa duubaan dhuttee handaara woyaa Yesuusii tuxxe.
[21] Isiin gadhaa ifiititti, «Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadatte.
[22] Yesuus garagalee isii dhaggee, «Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite.
[23] Achiin Yesuus gara mana bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaa yennaa dhaqe, worra suusullee gaddaa afuufuu fi gumii caakkittee boottu dhaggee,
[24] «Asii gad baya’a! Intalti rafiisatti jirti malee hin duune» jedhe. Isaan ammoo itti kollane.
[25] Gumiin gad baateen duuba, Yesuus gara addee intalti jirtuu seenee harka isi’ii qabe; intaltille ol kaate.
[26] Oduun marroo waan kanaa adaala san mara geette.
[27] Yesuus achii ka’ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, «Ilma Daawwitii, nu marari!» jedhaa iyyane.
[28] Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande’u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanille, «Ee, Gootta’a!» jedhaneen.
[29] Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, «Akkuma dhugeeffannaa tessaanii isinii teetuu ti!» jedhe;
[30] ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadha’a, waan kana nama tokkolle’etti hin himina’a» jedhee jabeessee isaan ajaje.
[31] Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane.
[32] Namooti ilti babbananteef akkuma achii bayaneen, jarri takka namicha afaan duudeeru ka durriis qabeeru tokko gara Yesuusii fadane.
[33] Durriis yennaa keessaa baafame, namichi afaan duudee ture dubbate; kolbaalle baaseffattee, «Waan akkasii kana Israa’el keessatti nuuti ijjumaa dhagginee hin beennu!» jette.
[34] Fariisaayoti ammoo, «Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.
[35] Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deeddeeme.
[36] Inni akka hoolota tissee hin qannee kolbaa raakkattee fi qarqaarsa hin qanne yennaa dhagge nayeef.
[37] Yennaa san inni barattoota ifiitiin, «Midhaan haamamu gudda’a; worri haamu ammoo diqqa’a.
[38] Tanaaf abbaan midhaanii worra miidaan haamu gara midhaan haamamuu akka ergu daadimadha’a» jedhe.