[1] Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?» jedhaneen.
[2] Inni daa’ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee,
[3] «Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa’immaanii hin te’in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba’aatitti hin galtanu.
[4] Eennulle ka akka daa’ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba’aa keessatti mara ka caalu te’a.
[5] Eennulle daa’ima akkasii maqaa kiyyaan ka fudhatu ana fudhata.
[6] Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa anatti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te’e, dhakaan daaku’uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya’aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya.
[7] Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne’e! Wonni guffachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne’e!
[8] Harki keeti yookiin miilli keeti akka cubbuu tolchitu yoo si gufachiise, kutii gati; harka lamaan yookiin miila lamaan qabaattee ibidda bara baraatitti gatamiisaa mannaa, fafoottee yookiin naafattee gara jiruu bara baraa galiisa si’iif woyya.
[9] Ilti teetille yoo si gufachiitte, ifi keessaa baasii gati; ila lamaan qabaattee qilee ibiddaatitti gatamiisaa mannaa, ila takkaa qabaattee gara jiruu bara baraa galiisa si’iif woyya.
[10] Yesuus, «Ani isinitti hima, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaa jirtu, ta isaan eeddu yennaa mara fuula Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu waan ilaaltuuf, worra didiqqaa kana keessaa tokkocha akka hin tuffanne ifi eegadha’a.
[11] [Ilmi Namaa worra bade fayyisiisaaf dhufe.]
[12] Maan isinitti fakkaatti? Nami tokko hoolota dhibba qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo badde, sagaltamii sagal gaara irratti lakkisee ta badde san hin barbaaduu?
[13] Ani dhugumaan isinitti hima, inni yoo isii dhagge, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada.
[14] Akkasuma worraa didiqqaa kana keessaa tokkochille akka badu fedhii Abbaa keessan ka ol-gubba’aatii moti.
[15] «Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage’e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta.
[16] Inni yoo si hin dhage’in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi.
[17] Inni yoo isaan dhage’uu dide, wolde’a kiristaanaatitti himi; wolde’a kiristaanaalle yoo dhage’uu dide, akka worra Yihudoota hin te’iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkoyi.
[18] «Ani dhuguma isinitti hima, wonni isin lafa irratti hiitane ol-gubbaalle’etti ka hidhame te’a; wonni isin lafa irratti hiittanelle ol-gubbaalle’etti ka hiikame te’a.
[19] Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha.
[20] Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe.
[21] Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, «Gootta’a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?» jedheen.
[22] Yesuus deebisee, «Ani haga yennaa torbaatamii torbaati malee, haga yennaa torbaa ti si’iin hin jedhu.
[23] «Waan kanaaf mootummaan ol-gubba’aa mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatiisaaf barbaade tokko fakkaatti.
[24] Inni yennaa herreguu jalqabe, nama inni beenyaa beesee irraa qabu tokko itti fidane.
[25] Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje.
[26] Maarre hojjataan sun miila isaatitti jigee, ‹Naa ossadhu, anille waan maraa sii hin kaffala› jedhee kadhate.
[27] Goottaalle isaaf nayee, beenyaa isaalle lakkiseefii, akka deemuuf gad lakkise.
[28] Hojjataan sun ammoo, akkuma gad bayeen, hojjatuma akka isaa meetii dhibba tokko beenyaa irraa qabutti bayee, hudheelle isa qabee, ‹Beenyaa kiyya naaf deebis› jedheen.
[29] Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‹Naa ossadhu, ani sii kaffala› jedhee isa magannifate.
[30] Inni ammoo dide; achiin duuba qabee dhaqee haga inni beenyaa isaa kaffalutti mana hidha’aatitti galchisiise.
[31] Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te’e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te’e san mara goottaa isaaniititti himane.
[32] Achiin duuba goottaan isa waansisee, ‹Ati hojjataa hamaalessa! Waan na magannifatteef ani beenyaa san mara sii lakkise.
[33] Akkuma ani si mararfadhe, atille hojjataa akka keetii mararfatu’uu hin mallee ree?› jedheen.
[34] Aari’iin goottaan isaa haga inni beenyaa isa irra jiru mara kaffalutti worra isa rakkisutti dabarsee kenne.
[35] Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha» jedhe.