[1] Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan ajaja itti kennee hobbaasen duuba, addee san lakkisee qachaa adaala sanii keessa lallabiisaa fi barsiisiisaaf dhaqe.
[2] Yohaannisiin cuuphaan adoo mana hidha’aa keessa jiruu, waan Kiristoos hujiisatti jiru dhage’ee, barattoota ifii keessaa garii ergee,
[3] «Ka hin dhufa jedhame sun si’iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedheen.
[4] Yesuus deebisee, «Deebi’a’aatii waan dhageettanee fi waan dhaggitane Yohaannisitti hima’a:
[5] Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga’aa farrisiisaa qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage’a, du’aan hin ka’a, Oduun Gammadaalle hiyyeeyyi’iif hin lallabanti.
[6] Nami marroo tiyya mama hin qabaanne attam attam gammada» jedheen.
[7] Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba’atti akkana dubbatee, «Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu?
[8] Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffana dadansaa uffatu mana moototaa keessa jiran!
[9] Maan ilaaliisaaf baatane ree? Raagaa tokko ilaaliisaafii? Ee, ani isinitti hima, isin ammoo ka guddoo raagaa caalu dhaggitane.
[10] Inniin kun, ka Barreeffam Woyyichi, ‹Karaa keeti akka si’iin duratti qopheessu, ani ergamaa kiyya si’iin dura erga› jedhee dubbateeru.
[11] Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba’aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala.
[12] Bara Yohaannisiin cuuphaan barsiisuu jalqabe irraa ka’ee haga ammaa mootummaan ol-gubba’aa hunnaan dhiibatiisatti jirti; worri itti galiisaaf dhiibatu hin fudhatan.
[13] Raagoti duudi’ii fi seerri Muuse’ee haga bara Yohaannisii cuupha’aatitti raaganeeran.
[14] Yoo dubbii isaanii fudhatiisa feetane, Yohaannisiin kun, Eliyaasii hin dhufa jedhame san.
[15] Nami gurra qabu dhage’uuti.
[16] «Dhaloota kana maaniin wol fakkeessina? Isaan akka ijoollee lafa dikko’oo keessa teteettee woliin,
[17] ‹Suusullee isinii afuunne, isin hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine, isin hin gaddine› jedhanu fakkaattan.
[18] Yohaannis adoo sagalee hin nyaatinii fi daadhii woyni’ii hin unin yennaa dhufe, ‹Inni durriisa qaba› jedhane.
[19] Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‹Ilaa, gadhito’oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi’ii ti› jedhaneen. Te’uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti» jedhe.
[20] Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le’anu, waan isaan cubbuu irraa deebi’uu didaneef komate.
[21] «Aanne’e si’iif, Koraaziin! Aanne’e si’iif, Betsayida’a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera’aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu.
[22] Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura’aa isin caalaa Xiroosii fi Sidooniif irra kosoo teeti.
[23] Atille Qifirnaahom, haga gubba’aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile’ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu.
[24] Maarre ani sitti hima, guyyaa mura’aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti.
[25] Yennaa san Yesuus, «Abba’a, Goottaa ol-gubba’aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole’ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo’otti worra beekkunsa yookiin qarummaa hin qannetti waan mudhitteef ani si galatoonfadha.
[26] Ee, Abba’a, waan kanatti gammaddeerta.
[27] Abbaan kiyya waan mara dabarse anatti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru» jedhe.
[28] «Isin worri ba’aa ulfaattuu ba’atee dadhabe marti, gara kiyya kowa’a, ani isin foorfachiisa.
[29] Waanjoo kiyya fuudha’aatii ba’adha’a, ana irralle’ee baradha’a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan.
[30] Waanjoon kiyya kaso’o, ba’aan tiyya sallo’o» jedhe.