Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:21

[1] Worri Fariisaayotaatii fi worri Saduqootaa dhufanee, Yesuus haga ilaaliisaaf beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka itti mudhisu isa gaafatane.

[2] Inni deebisee, «Yennaa galgalaa, ‹Gubbaan waan diimatteertuuf, haalli qilleensaa dansa’a› jettan;

[3] bariille, gubbaan waan diimattee dukkudhootteertuuf, adha hin rooba› jettan. Bifa gubba’aa ilaaltanee attam akka te’u himuu hin beettan, beessisa baraa ammoo attam akka te’u himuu hin dandeettanu.

[4] Dhalooti hama’aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme.

[5] Barattooti yennaa abbaaya’aan gamatti bu’ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran.

[6] Yesuus, «Ilalladha’a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha’a» isaaniin jedhe.

[7] Isaan wol woliin, «Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha» jedhane.

[8] Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan?

[9] Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu?

[10] Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu?

[11] Marroo daabbo’oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha’a!» isaaniin jedhe.

[12] Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo’oo irraa adoo hin te’in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachise hubatane.

[13] Yesuus gara lafa qachaa Qisaariyaa Philiphoosii bira yennaa dhaqe, barattoota ifiitiin, «Kolbaan Ilma Namaatiin eennu jetti?» jedhee gaafate.

[14] Isaan deebisanee, «Gariin, ‹Yohaannisii cuupha’a› si’iin jedhan, worri dhibiin ammoo, ‹Eliyaas› si’iin jedhan, worri dhibiille, ‹Ermiyaas yookiin raagota keessaa tokko› si’iin jedhan» jedhaneen.

[15] Inni deebisee, «Isin hoo eennu anaan jettan?» isaaniin jedhe.

[16] Simoon Pheexroos deebisee, «Ati Masiihi’i, Ilma Waaqa jiraata’aa ti» jedhe.

[17] Yesuusille deebisee, «Ilma Yoona’aa Simoon, ati ka badhaate! Kana Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jirutti sitti mudhise malee, namaa moti.

[18] Maarre Pheexroos, ani sitti hima, ati rassa’a; rassaa kana irratti wolde’a kiristaanaa kiyya hin ijaara; hunna du’aalle wolde’a kiristaanaa kana hin injifattu.

[19] Ani furtuu mootummaa ol-gubba’aa si’iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle’etti ka hidhame te’a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle’etti ka hiikame te’a» jedhe.

[20] Achiin duuba Yesuus Masiihii akka te’e eennulle’etti akka hin hinne jabeessee barattootata ifii ajaje.

[21] Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole’eetitti, harka mootota hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse’eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeeffamalle’e; guyyaa sadeesso’oo ammoo hin ka’a» jedhu’utti ka’e.

[22] Pheexroos cina’atti isa baasee, «Gootta’a, Waaqi si hanqisu! Wonni kun ijjumaa si hin dhaqqabin» jedhaa isa xixuu jalqabe.

[23] Inni ifi irra garagalee, Pheexroosiin, «Seexana, ana irraa bayyadhu! Qalbiin teeti waan namaa malee, waan Waaqaa waan hin yaadaneef, ati anaaf gufu’u» jedheen.

[24] Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba’atee na hordofuuti.

[25] Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami anaaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata.

[26] Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu’uu dande’a ree?

[27] Ilmi Namaa ulfinna Abbaa ifiitiin ergantoota ifii woliin hin dhufa; achiin duuba tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii hin kennaaf.

[28] Ani dhugumaan isinitti hima, worra as dhaabbatanu keessaa, Ilmi Namaa mootummaa ifiitiin dhufuun haga dhagganutti, namooti hin duune jiran» jedhe.

Matewoos — Chapters