Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:29

[1] Yennaa san Heroodisiin bulchaan biyya Galiila’aa, gurra Yesuusii dhage’ee,

[2] tajaajiltoota ifiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha’a; isatti du’a keessaa ka’eera, kanaaf hujiin bilbaasaa tun isaan hujatamiisatti jirti» jedhe.

[3] Heroodis sababa Herodiyaasii niitii obboleessa ifii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannis qassiisee mana hidha’aatitti hiisiseeraayyu.

[4] Yohaannis Heroodisiin, «Niitii obboleessa keetii fuudhuun sii seeraa moti» jedheeraaniiyyu.

[5] Heroodis, Yohaannis ijjeesiisaaf barbaade, ammoo kolbaan akka raaga’aatitti waan ilaalteertuuf sodaate.

[6] Guyyaan dhaloota Heroodisii ulfeeffamuu yennaa geye ammoo, intalti Heroodiyaasii keessummoota duratti sirbitee, Heroodis guddoo gammachiitte.

[7] Tanaaf Heroodis isi’iin, «Waan ati na gaafattu mara si’iif hin kenna» jedhee waadaa galeef.

[8] Isiin Haadha ifiitiin gorfantee, «Ammuma maataa Yohaannisii cuupha’aa qori’itti naa kenni» jette.

[9] Mootichi gadde; te’uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi’iif kennamu ajaje;

[10] Ittille ergee, mana hidha’aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kuchisiise.

[11] Mataan sun qori’itti fidamee intalaaf kenname; isiin gara haadha ifii fidde.

[12] Barattooti Yohaannisii dhufanee reeffa isaa fuudhanee awwaalane; achiin duuba dhaqanee Yesuusitti himane.

[13] Yesuus du’a Yohaannisii yennaa dhage’e, addee san lakkisee qofuu hobolo’oon addee qoommi’ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte.

[14] Yesuus qarqara abbaaya’aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise.

[15] Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen.

[16] Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna’aaf!» jedhe.

[17] Isaan deebisanee, «Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna» jedhane.

[18] Yesuus, «Sanuma gara kiyya as fida’a!» jedhe.

[19] Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba’aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi’iif kennane.

[20] Isaan martinuu nyaatanee quufane; hanbaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane.

[21] Worri nyaate dubarti’ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.

[22] Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu’anu godhe.

[23] Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu;

[24] yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali’iin asii fi achi dadarbante.

[25] Halkan gara iyya lukku’uu ta lammeeso’ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe.

[26] Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, «Kun ekera’a» jettee soda’aan iyyite.

[27] Yennuma san ammoo Yesuus, «Jabaadha’a! Wonni anaa, hin sodaatina’a!» jedhee dubbate.

[28] Pheexroos deebisee, «Gootta’a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji» jedheen.

[29] Yesuus deebisee, «Koy!» jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe.

[30] Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, «Gootta’a, na fayyisi!» jedhee iyye.

[31] Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, «Ati nama dhugeeffannaa diqqo’oo! Maaf mante?» jedheen.

[32] Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise.

[33] Worri hoboloo keessaa, «Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti» jedhee Yesuusiif sagade.

[34] Yesuusii fi barattooti isaa yennaa gamatti bu’ane, lafa Genesaarex jedhantu geyane.

[35] Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee,

[36] handaaruma woyaa isaalle akka isaan tuqanu kadhatte; worri tuqe martinuu fayye.

Matewoos — Chapters