Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:02

[1] Israa'eloonni biyya Gibxii erga ba'anii waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa immoo ji'a tokkoffaatti Waaqayyo Siinaa lafa onaa keessatti Museetti in dubbate; inni,

[2] “Israa'eloonni ayyaana Faasiikaa yeroo isaa eeganii akka ayyaaneffatan godhi!

[3] Isin akka seerrata isaa fi akka murtoo isaatiitti ji'a kanattii gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa yeroo isaaf dhaabame eegaatii ayyaaneffadhaa!” jedhe.

[4] Kana irratti Israa'eloonni ayyaana Faasiikaa akka ayyaaneffataniif Museen isaanitti in hime.

[5] Isaanis akkuma Waaqayyo Musee abboometti ji'a tokkoffaatti, ji'icha keessaa immoo gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa Siinaa lafa onaa keessatti Faasiikaa in ayyaaneffatan.

[6] Isaan keessaa namoonni reeffa namaatti bu'uudhaan xuraa'an tokko gaafas warra kaanii wajjin ayyaana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye; isaan gaafasuma Musee fi Aaron bira dhufanii,

[7] “Nuyi reeffa namaatti bu'uudhaan xuroofneerra, garuu ijoollee Israa'el warra kaanii wajjin yeroo isaaf murametti Waaqayyoof kennaa dhi'eessuuttii maaliif dhowwamna?” jedhanii in gaafatan.

[8] Museenis,“Wanta Waaqayyo waa'ee keessaniif abboomu hamman dhaga'utti mee achuma turaa!” jedhee isaaniif in deebise.

[9] Waaqayyo yommus Museedhaan,

[10] “Ati Israa'elootaan,“Isin keessaa yookiis dhaloota isin booddee keessaa namni reeffa namaatti bu'uudhaan yoo xuraa'e yookiis karaa fagoo adeemaa jira yoo ta'e, inni amma iyyuu Faasiikaa Waaqayyoo haa ayyaaneffatu!

[11] Isaan ji'a lammaffaatti, ji'ichattii gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa haa ayyaaneffatan! Maxinoodhaa fi biqiltuu urgooftuu hadhaa'aa wajjin Faasiikaa sana haa nyaatan!

[12] Isaan akka seerrata Faasiikaa itti ayyaaneffatanitti haa ayyaaneffatan malee, lafee hoolichaa hin cabsin, foon isaas tokko illee hamma ganamaatti hin hambisin!

[13] Namni akka seeraatti qullaa'aa ta'ee, karaa adeemaas utuu hin jiraatin ayyaana Faasiikaa ayyaaneffachuu dhiisu, sababii kennaa Waaqayyoof dhi'aatu yeroo isaatti hin dhi'eessin hafeef saba isaa keessaa haa balleeffamu! Cubbuu isaatiifis haa gaafatamu!

[14] Galaan isin gidduu jiraatu Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu yoo barbaade, akka seerrataa fi murtoo Faasiikaan itti ayyaaneffatamutti haa ayyaaneffatu! Isin warra biyyaa fi warra galaa ta'anii isin gidduu jiraattaniifis seerranni tokkichuma haa ta'u!” jedhi!” jedhe.

[15] Gaafa godoon dhuga-baatuu dhaabame duumessi godichatti in uffise; galgalaa hamma ganamaatti immoo wanti ibidda fakkaatu godicha irra ture.

[16] Inni yeroo hundumaa akkasuma ture; guyyaa guyyaa duumessichi godichatti in uffisa, galgala galgala immoo wanta ibidda fakkaatutu irratti argama ture.

[17] Yommuu duumessichi godicha irraa ka'u Israa'eloonni ka'anii in adeemu, lafa duumessichi buufatutti immoo isaanis in buufatu turan.

[18] Israa'eloonni abboommii Waaqayyootiin ka'anii in adeemu, abboommii isaatiinis in buufatu turan; hamma duumessichi godicha irra jirutti isaan iddoodhuma buufatan sana in turu.

[19] Duumessichi godicha irraa utuu hin ka'in guyyaa baay'ee yommuu turu, Israa'eloonni ajaja Waaqayyoo eeggatu malee, adeemuudhaaf hin ka'an turan.

[20] Yeroo duumessichi guyyaa muraasa godicha irra turu, isaanis akka abboommii Waaqayyootti iddoo buufata isaanii in turu; akkuma abboommii isaattis adeemuudhaaf in ka'u.

[21] Duumessichi galgalaa hamma ganamaatti godicha irra turee, ganama godicha irraa yommuu ka'u, isaanis adeemuudhaaf in ka'u; inni ittuma fufee guyyaa tokkoo fi halkan tokkoof irra yoo buufate, yeroodhuma inni godicha irraa ka'u isaanis immoo ka'anii in adeemu.

[22] Duumessichi godicha irra buufatee guyyaa lamaaf yookiis ji'a tokkoof isa caalaas yoo ture, gaafuma inni irraa ka'u Israa'eloonnis ka'anii adeemu malee, utuu inni hin ka'in iddoo inni buufate sanaa ka'anii hin adeeman.

[23] Isaan abboommii Waaqayyootiin buufatu, abboommii Waaqayyootiinis ka'anii in adeemu turan; isaan wanta Waaqayyo isaan irraa barbaadee karaa Musee isaan abboome in eegu turan.

Seera Lakkoobsaa — Chapters