Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:28

[1] Waaqayyo yommus Museedhaan,

[2] “Meetii tumame irraa fiingee lama tolfadhu! Fiingeen kunis waldaa ittiin walitti waamuudhaaf akkasumas buufanni buqqifatee akka ka'u gochuudhaaf siif haa ta'u!

[3] Yommuu fiingeewwan sun lamaan afuufaman guutummaan waldaa balbala dunkaana itti wal ga'an sanatti si duratti walitti haa qabaman!

[4] Fiingeen tokko duwwaan yommuu afuufamu, warri geggeessitoonni, dura-buutonni kumaatama Israa'elis si duratti walitti haa qabaman!

[5] Yommuu sagaleen fiingee inni dammaqsu si'a tokko afuufamu, warri gara ba'a-biiftuutiin buufatan haa ka'an!

[6] Yommuu sagaleen fiingee inni dammaqsu si'a lammaffaa afuufamu immoo warri gara mirgaatiin buufatan haa ka'an! Egaa sagaleen fiingee kanaa milikkita jarri ittiin ka'anii dha.

[7] Waldaa walitti qabuudhaaf yommuu afuufamu immoo sagaleen isaa akka milikkita isa dammaqsu sanaa hin ta'in!

[8] “Ilmaan Aaron warri luboonni fiingeewwan sana haa afuufan! Kunis isiniif, dhaloota dhufuufis seerrata dhaabataa haa ta'u!

[9] Yommuu diinota biyya keessan keessatti isin jibban loluudhaaf kaatan, fiingeewwan kanaan sagalee nama dammaqsu dhageessisaa! Yommus Waaqayyo gooftaa keessan duratti in yaadatamtu, diinota keessan jalaas in baafamtu.

[10] Akkasumas yeroo gammaddanitti, yeroo ayyaana beekamaa ayyaaneffattanitti, baatii ji'aatti, fiingeewwan kana qalma gubamu irratti, qalma araaraattis afuufaa! Kun wanta isin ana Waaqayyo duratti ittiin yaadatamtanii dha; ani Waaqayyo gooftaa keessan” jedhe.

[11] Waggaa lammaffaa keessaa ji'a lammaffaatti, ji'ichattiis guyyaa digdammaffaatti duumessichi godoo dhuga-baatuu sana irraa in ka'e.

[12] Achumaanis Israa'eloonni Siinaa lafa onaadhaa ka'anii, karaa isaanii itti in fufan; duumessichis Phaaraan lafa onaa irra ga'ee in dhaabate.

[13] Kun adeemsa isaanii isa jalqabaa isa akka Waaqayyo Musee abboometti adeemanii dha.

[14] Duraan dursa kutanni buufata gosa Yihudaa loltoota isaa wajjin faajjii isaa qabatee dura bu'e; Nahishoon ilmi Aminaadaab immoo ajajjuu isaanii ture.

[15] Loltuu namoota gosa Yisaakor irratti immoo Nataani'el ilma Zuwaartu ajajjuu ture.

[16] Loltuu gosa Zebuloon irratti immoo Eliiyaab ilma Helontu ajajjuu ture.

[17] Erga godoon buqqa'ee immoo ilmaan Gershoonii fi ilmaan Meraarii godicha baatanii in ka'an.

[18] Itti fufees buufanni gosa Ruuben loltoota isaa wajjin faajjii isaa qabatee in ka'e; Eliizur ilmi Shiide'ur immoo ajajjuu isaanii ture.

[19] Loltuu namoota gosa Shimi'oon irratti immoo Shiilumii'el ilma Zuriishadaayitu ajajjuu ture.

[20] Loltuu namoota gosa Gaadi irratti immoo Elii'aasaaf ilma Deu'eltu ajajjuu ture.

[21] Itti fufee immoo warri Qehaatotaa warri mi'a qulqullaa'aa sana baatan in ka'an; utuu isaan buufata itti aanu hin ga'in warri kaan godicha dhaabanii isaan in eegan.

[22] Itti fufee immoo kutanni buufata namoota Efreem loltoota isaa wajjin faajjii isaa qabatee in ka'e; Eliishaamaa ilmi Amiihud immoo ajajjuu isaanii ture.

[23] Loltuu namoota gosa Minaasee irratti immoo Gamaali'el ilma Phedaazurtu ajajjuu ture.

[24] Loltuu namoota gosa Benyaamiin irratti immoo Abiidaan ilma Gidewooniitu ajajjuu ture.

[25] Gara dhumaattis kutanni buufata namoota Daan inni karaa booddeetiin buufata hundumaaf eegduu ta'e loltuu isaa wajjin faajjii isaa qabatee in ka'e; Ahii'ezer ilmi Amiishadaayi immoo ajajjuu isaanii ture.

[26] Loltuu namoota gosa Asheer irratti immoo Fagi'el ilma Okraantu ajajjuu ture.

[27] Loltuu namoota gosa Niftaalem irratti immoo Ahiiraa ilma Enaantu ajajjuu ture.

[28] Toorri Israa'eloonni akka kutata kutata isaaniitti ka'anii adeeman akka kana ture.

[29] Museen yommus Hobaab ilma abbiyyuu isaa Reu'el isa “Yetroo” jedhamu Miidiyaantichatti,“Nuyi biyya isa Waaqayyo,“Ani isa isiniif nan kenna” jedhe sanatti galuudhaaf kaaneerra, atis nu wajjin dhaqi! Waaqayyo Israa'elin waan gaarii waan abdachiiseef nus immoo waan gaarii siif in goona” jedhee in dubbate.

[30] Inni garuu deebisee,“Lakkii! Ani gara biyya koo fi gara lammii koottan deebi'a malee, isinii wajjin hin dhaqu!” jedhe.

[31] Museen immoo,“Maaloo nu biraa hin deebi'in! Lafa onaa keessaa iddoo nuyi buufachuun ta'u ati in beekta, akka ija keenyaas nuuf in taata.

[32] Ati nuu wajjin yoo dhaqxe, nus wanta gaarii Waaqayyo nuuf godhu siif in hirra” jedhe.

[33] Ergasii isaan “Siinaa” tulluu Waaqayyoo irraa ka'anii guyyaa sadii in adeeman; sanduuqi kakuu Waaqayyoos guyyaa sadan kana iddoo buufataa isaaniif barbaaduudhaaf isaan dura bu'ee in adeeme.

[34] Yommuma isaan iddoo buufataatii ka'an duumessi Waaqayyoo guyyaa mataa isaanii gara irraa in adeema ture.

[35] Yommuu sanduuqichi ka'u, Museen,“Yaa Waaqayyo ka'i! Diinonni kee haa bittimmaa'an! Warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan!” in jedha ture.

[36] Yommuma sanduuqichi buufatu immoo, Museen,“Yaa Waaqayyo! Gara kumaatama Israa'elitti deebi'i!” in jedha ture.

Seera Lakkoobsaa — Chapters