Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 20:40

[1] Museen godicha dhaabee, godichaa fi mi'a isaa hundumaa dibata qulqullaa'aadhaan dibee qulqulleessee yommuu raawwatu akkasuma immoo iddoo aarsaa mi'a isaa hundumaa wajjin dibee in qulqulleesse.

[2] Geggeessitoonni Israa'elii fi warri akka mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'anii warra lakkaa'aman sana ajajanis kennaa isaanii in dhi'eessan.

[3] Isaan konkolaattota uffifamoo ja'a, qotiyyoota kudha lama, isaan kanas geggeessitoonni lama lama ta'anii konkolaataa tokko, qotiyyoo immoo mata mataatti kennaa godhanii fuula Waaqayyoo duratti balbala godichaatti haa dhi'eessan!

[4] Waaqayyo yommus Museedhaan,

[5] “Hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjetamuuf akka ta'utti kennaa kana isaan harkaa fuudhi! Lewwootaaf akka akka hojii isaaniitti kenni!” jedhe.

[6] Museenis konkolaattotaa fi qotiyyoota sana fuudhee Lewwootatti in kenne.

[7] Inni konkolaattota lamaa fi qotiyyoota afur akka hojii isaaniitti ilmaan Gershoonitti in kenne.

[8] Konkolaattota afurii fi qotiyyoota saddeet karaa Itaamaar ilma Aaron lubichaatiin akka hojii isaaniitti ilmaan Meraariitti kenne.

[9] Ilmaan Qehaat garuu mi'a qulqullaa'aa gatiittii isaaniitti baachuun hojii isaanii waan ta'eef, Museen homaa isaanitti hin laanne.

[10] Geggeessitoonni guyyaa iddoon aarsaa dibametti, eebba iddoo aarsaatiif kennaa isaanii fidanii, iddoo aarsaa sana duratti in dhi'eessan.

[11] Kunis isa Waaqayyo,“Warra geggeessitootaa keessaa eebba iddoo aarsaatiif guyyaa guyyaatti namni tokko kennaa isaa haa dhi'eessu!” jedhee Museetti dubbatee turee dha.

[12] Inni gaafa duraa kennaa isaa dhi'eesse Nahishoon ilma Aminaadaab nama gosa Yihudaa ti.

[13] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[14] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[15] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[16] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeessa reettii tokko,

[17] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuuf korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Nahishoon ilmi Aminaadaab dhi'eesse isaan kana ture.

[18] Guyyaa lammaffaatti Nataani'el ilma Zuwaar geggeessituu gosa Yisaakortu kennaa isaa dhi'eesse.

[19] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[20] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[21] qalma gubamuuf tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[22] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeessa reettii tokko,

[23] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Nataani'el ilmi Zuwaar dhi'eesse isaan kana ture.

[24] Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Helon geggeessituu gosa Zebuloontu kennaa isaa dhi'eesse.

[25] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[26] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[27] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[28] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[29] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliiyaab ilmi Helon dhi'eesse isaan kana ture.

[30] Guyyaa afuraffaatti Eliizur ilma Shiide'ur geggeessituu gosa Ruubentu kennaa isaa dhi'eesse.

[31] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[32] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[33] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[34] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[35] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliizur ilmi Shiide'ur dhi'eesse isaan kana ture.

[36] Guyyaa shanaffaatti Shiilumii'el ilma Zuriishadaayi geggeessituu gosa Shimi'oontu kennaa isaa dhi'eesse.

[37] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[38] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[39] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[40] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[41] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Shiilumii'el ilmi Zuriishadaayi dhi'eesse isaan kana ture.

[42] Guyyaa ja'affaatti Elii'aasaaf ilma Deu'el geggeessituu gosa Gaaditu kennaa isaa dhi'eesse.

[43] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[44] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[45] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[46] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[47] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Elii'aasaaf ilmi Deu'el dhi'eesse isaan kana ture.

[48] Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihud geggeessituu gosa Efreemtu kennaa isaa dhi'eesse.

[49] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[50] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[51] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[52] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[53] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuuf korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliishaamaa ilmi Amiihud dhi'eesse isaan kana ture.

[54] Guyyaa saddeettaffaatti Gamaali'el ilma Phedaazur geggeessituu gosa Minaaseetu kennaa isaa dhi'eesse.

[55] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[56] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[57] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[58] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[59] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Gamaali'el ilmi Phedaazur dhi'eesse isaan kana ture.

[60] Guyyaa salgaffaatti Abiidaan ilma Gidewoonii geggeessituu gosa Benyaamiintu kennaa isaa dhi'eesse.

[61] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguute kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[62] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[63] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[64] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[65] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Abiidaan ilmi Gidewoonii dhi'eesse isaan kana ture.

[66] Guyyaa kurnaffaatti Ahii'ezer ilma Amiishadaayi geggeessituu gosa Daantu kennaa isaa dhi'eesse.

[67] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[68] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[69] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[70] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[71] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Ahii'ezer ilmi Amiishadaayi dhi'eesse isaan kana ture.

[72] Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagi'el ilma Okraan geggeessituu gosa Asheertu kennaa isaa dhi'eesse.

[73] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[74] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[75] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

[76] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[77] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Fagi'el ilmi Okraan dhi'eesse isaan kana ture.

[78] Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Enaan geggeessituu gosa Niftaalemtu kennaa isaa dhi'eesse.

[79] Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

[80] Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

[81] qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokko,

[82] aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

[83] aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Ahiiraa ilmi Enaan dhi'eesse isaan kana ture.

[84] Kennaan geggeessitoonni Israa'elootaa gaafa iddoon aarsaa dibame eebba isaaf dhi'eessan harkeewwan meetii irraa hojjetaman kudha lama, caabiiwwan meetii irraa hojjetaman kudha lama, waciitiiwwan warqee irraa hojjetaman kudha lama;

[85] tokkon tokkon harkee meetii irraa hojjetame sheeqelii dhibbaa fi soddoma, tokkon tokkon caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama in miijana ture; meetiin qodaa kana hundumaa walumatti akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii kuma lamaa fi dhibba afur in miijana ture.

[86] Tokkon tokkon waciitii warqee irraa hojjetamee ixaanni itti guutames akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii kudhan in miijana ture; warqeen waciitiiwwan kanaa walumatti sheeqelii dhibbaa fi digdama in miijana ture.

[87] Horiin kennaa midhaanii wajjin qalma gubamuuf dhi'eeffaman tuntunoota kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha lama, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeeyyii reettii kudha lama,

[88] horiin aarsaa qalma araaraaf dhi'eeffaman korommii digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo jaatama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo jaatama; gaafa iddoon aarsaa sun dibame kennaan eebba isaaf dhi'eeffaman isaan kana turan.

[89] Museen Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaaf dunkaana itti wal ga'anitti yommuu ol lixe, teessoo araaraa isa sanduuqa dhuga-baatuu irra jiru irraa Kiruubel lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu in dhaga'e; Waaqayyo isatti in dubbate.

Seera Lakkoobsaa — Chapters