Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:04

[1] Waaqayyo yommus Museedhaan,

[2] “Ati Israa'elootatti dubbadhu! Isaaniin, Waaqayyo,“Aarsaa, buddeena isa ibiddaan gubamee anaaf dhi'aatu, isa fooliin isaa garaa ana ciibsu, eeggadhaatii yeroo isaatti anaaf dhi'eessaa!” jedhi!

[3] Yeroo isaanitti himtus,“Aarsaa guyyaa guyyaatti itti fufee aarfamuu fi kennaan isin ibiddaan gubdanii, ana Waaqayyoof dhi'eessitan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa hin qabne lama lama;

[4] xobbaallaa isa tokko ganama, xobbaallaa isa kaan immoo dimimmisa galgalaa aarsaa dhi'eessaa!

[5] Akkasumas kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnaffaa eefaa tokko isa cuunfaa ejersaa isa calalamaa liitrii tokkoon sukkuumame dhi'eessaa!

[6] Kun seera aarsaa ittuma fufee gubamuu, isa foolii garaa ciibsuu fi kennaa isa ana Waaqayyoof ibiddaan gubamuuf seera tulluu Siinaa irratti dhaabatee dha.

[7] Kennaan dhugaatii inni xobbaallaa isa tokkoo wajjin dhi'aatus liitrii tokko haa ta'u! Isin kennaa dhugaatii cimaa iddoo qulqullaa'aatti ana Waaqayyoof in dhangalaaftu.

[8] Xobbaallaa isa kaan immoo dimimmisa galgalaa, kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatii isaas akkuma isa aarsaa ganamaa wajjin dhi'eessitanii, aarsaa gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu godhaatii dhi'eessaa!” jedhi!

[9] “Guyyaa Sanbataatti immoo xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa hin qabne lama akkasumas kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, kennaa dhugaatii isaatii wajjin dhi'eessaa!

[10] Kun aarsaa Sanbatuma Sanbatatti gubamuu dha; inni aarsaa gubamuu fi kennaa dhugaatii isaa isa ittuma fufee dhi'aatu sana irratti dabalamee in dhi'eeffama.

[11] “Jalqaba ji'a keessaniitti, aarsaa gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa! Qalma dhi'aatu kanaafis tuntunoo mudaa hin qabne lama, korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa hin qabne torba,

[12] akkasumas tokkon tokkon tuntunoo wajjin kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, korbeessicha hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama, isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame,

[13] tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa wajjinis kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, qalma gubamu isa fooliin isaa garaa ciibsu, ana Waaqayyoof in dhi'eessitu.

[14] Kennaan dhugaatii isaaniis tokkon tokkon tuntunoo wajjin daadhii waynii liitrii lama, korbeessicha hoolaa sanaa wajjin liitrii tokkoo fi harka shanaffaa isaa; tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa wajjin liitrii tokko, qalmi gubamu inni ji'oota waggaa keessa jiran hundumaafuu adda addaan dhi'aatu isa kana.

[15] Akkasumas korbeessi reettii aarsaa sababii cubbuutiif ana Waaqayyoof in dhi'aata; inni qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatuuf kennaa dhugaatii isaa irratti dabalamee in dhi'aata.

[16] “Ji'a isa duraatti, ji'ichattiis guyyaan kudha afuraffaan guyyaa Faasiikaa kootii ti;

[17] ji'a kanattii guyyaan kudha shanaffaan guyyaa ayyaanaa ti; guyyaa torbaaf maxinootu nyaatama.

[18] Guyyaa isa duraatti wal ga'ii qulqullaa'aan haa godhamu! Guyyaa sanatti hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!

[19] Garuu aarsaa aarfamuuf, qalma gubamuufis tuntunoo lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba ana Waaqayyoof dhi'eessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

[20] Tokkon tokkon tuntunoo wajjin kennaa midhaanii isaaniitiif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame akkasumas korbeessicha hoolaa sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama qopheessaa!

[21] Tokkon tokkon xobbaallaa torban sanaa wajjin immoo harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko dhi'eessaa!

[22] Akkasumas isiniif araarsuudhaaf korbeessa reettii tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf dhi'eessaa!

[23] Kanas qalma gubamu isa ganama ganama itti fufee dhi'aatu sana irratti dabalaatii dhi'eessaa!

[24] Akkuma kanattis kennaa midhaanii qalma gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu guyyaa torbaaf guyyuma guyyaan dhi'eessaa! Kun qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatuu fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabalamee in dhi'aata.

[25] Guyyaa torbaffaatti immoo wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!

[26] “Ayyaana makariitti gaafa ija midhaan keessanii isa duraa kennaa midhaan haaraa gootanii ana Waaqayyoof dhi'eessitan, wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!

[27] Garuu tuntunoo lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba, qalma gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu dhi'eessaa!

[28] Tokkon tokkon tuntunoo wajjin kennaa midhaanii isaanii daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame akkasumas korbeessicha hoolaa sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama,

[29] tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa torban sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko dhi'eessaa!

[30] Kana malees isiniif araarsuudhaaf korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

[31] Kun kennaa dhugaatii isaatii wajjin qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatuu fi kennaa midhaanii isaa irratti dabalamee haa dhi'aatu! Horiin dhi'eeffaman kun mudaa kan hin qabnee haa ta'an!

Seera Lakkoobsaa — Chapters