Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 12:17

[1] Dha'icha sana booddee Waaqayyo Musee fi Ele'azaar ilma Aaron lubichaatiin,

[2] “Guutummaa waldaa Israa'el keessaa namoota waggaan isaanii digdama guutee fi warra digdamaa olii, Israa'el keessaa lola dhaquu kan danda'an hundumaa akka mana mana abbaa isaaniitti lakkaa'aa!” jedhe.

[3] Museenii fi Ele'azaar lubichi fuullee Yerikootti bukkee laga Yordaanos dachaa Mo'aab keessatti,

[4] akkuma Waaqayyo Musee abboometti, namoota waggaan isaanii digdama guutee fi warra waggaa digdamaa olii walitti in qaban; Israa'eloonni warri biyya Gibxii ba'an kanatti aananii kan jiranii dha.

[5] Ruuben, ilma Israa'el isa angafa; ilmaan Ruuben immoo warra kanatti aananii jiranii dha; Henok, abbaa qomoo Henokootaa ti; Faluu, abbaa qomoo Faluuwotaa ti;

[6] Hezron, abbaa qomoo Hezronootaa ti; Karmiin, abbaa qomoo Karmii'otaa ti.

[7] Isaan kun qomoowwan Ruuben; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii sadii fi dhibba torbaa fi soddoma turan.

[8] Ilmi Faluu immoo Eliiyaab.

[9] Ilmaan Eliiyaab, Nemu'el, Daataanii fi Abiiram; Daataanii fi Abiiram kun warra Musee fi Aaroniin mormanii dha; akkasumas yeroo Qoraahii fi gareen isaa Waaqayyoon morman isaan keessa turan.

[10] Yommus lafti banamee Qoraahii wajjin isaan in liqimse; warri garee Qoraahi immoo yeroo ibiddi namoota dhibba lamaa fi shantama fixe dhuman; kanaanis isaan milikkita namoonni ittiin of eeggatan ta'an.

[11] Haa ta'u iyyuu malee, ilmaan Qoraahi hin ajjeefamne.

[12] Ilmaan Shimi'oon akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Nemu'el, abbaa qomoo Nemu'elootaa ti; Yaamiin, abbaa qomoo Yaamiinotaa ti; Yaakiin, abbaa qomoo Yaakiinotaa ti;

[13] Zeraan, abbaa qomoo Zerootaa ti; Shaawul, abbaa qomoo Shaawulootaa ti.

[14] Isaan kun qomoowwan Shimi'oonotaa ti; lakkoobsi isaanii kuma digdamii lamaa fi dhibba lama ture.

[15] Ilmaan Gaadi akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Zefoon, abbaa qomoo Zefoonotaa ti; Haagiin abbaa qomoo Haagotaa ti; Shuniin, abbaa qomoo Shunootaa ti;

[16] Ozniin, abbaa qomoo Oznootaa ti; Eriin, abbaa qomoo Erootaa ti;

[17] Aarod, abbaa qomoo Aarodootaa ti; Arii'eliin, abbaa qomoo Arii'elootaa ti.

[18] Isaan kun qomoowwan ilmaan Gaadi; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan.

[19] Ilmaan Yihudaa Erii fi Onaan turan; isaan garuu biyya Kana'aanitti in du'an.

[20] Ilmaan Yihudaa akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shelaan, abbaa qomoo Shelootaa ti; Faares, abbaa qomoo Faaresootaa ti; Zaaraan, abbaa qomoo Zaarotaa ti.

[21] Ilmaan Faares immoo Hezron, abbaa qomoo Hezronootaa ti; Hamul abbaa qomoo Hamulootaa ti.

[22] Isaan kun qomoowwan Yihudaa ti; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma torbaatamii ja'aa fi dhibba shan turan.

[23] Ilmaan Yisaakor akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Tolaan abbaa qomoo Tolaawotaa ti; Fuwaan, abbaa qomoo Fuwootaa ti;

[24] Yaashub, abbaa qomoo Yaashubootaa ti; Shimroon, abbaa qomoo Shimroonotaa ti.

[25] Isaan kun qomoowwan Yisaakor; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma jaatamii afurii fi dhibba sadii turan.

[26] Ilmaan Zebuloon akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Sered, abbaa qomoo Seredootaa ti; Eloon, abbaa qomoo Eloonotaa ti; Yaahile'el, abbaa qomoo Yaahile'elootaa ti;

[27] isaan kun qomoowwan Zebuloon; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma jaatamaa fi dhibba shan turan.

[28] Ilmaan Yoseef akka qomoo qomoo isaaniitti, Minaasee fi Efreem.

[29] Ilmaan Minaasee, Maakiir, abbaa qomoo Maakiirotaa ti; Maakiir kun abbaa Giil'aad ture; Giil'aad immoo abbaa qomoo Giil'aadotaa ti.

[30] Ilmaan Giil'aad immoo warra kanatti aananii jiranii dha; Yi'ezer, abbaa qomoo Yi'ezerootaa ti; Helek, abbaa qomoo Helekootaa ti;

[31] Asrii'el, abbaa qomoo Asrii'elootaa ti; Sheekem, abbaa qomoo Sheekemootaa ti.

[32] Shemiidaan, abbaa qomoo Shemiidotaa ti; Hefer, abbaa qomoo Heferootaa ti.

[33] Zelofehaad ilmi Hefer immoo intaloota malee, ilmaan hin qabu ture; maqaan intaloota Zelofehaad, Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa ture.

[34] Qomoowwan Minaasee isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma shantamii lamaa fi dhibba torba turan.

[35] Ilmaan Efreem akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shutelaan, abbaa qomoo Shutelootaa ti; Beker, abbaa qomoo Bekerootaa ti; Taahaan, abbaa qomoo Taahaanotaa ti.

[36] Ilmaan Shutelaa immoo Eraan, abbaa qomoo Eraanotaa ti;

[37] qomoowwan ilmaan Efreem isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma soddomii lamaa fi dhibba shan turan; ilmaan Yoseef akka qomoo qomoo isaaniitti isaan kana turan.

[38] Ilmaan Benyaamiin akka qomoo qomoo isaaniitti, Belaa'i abbaa qomoo Belaa'otaa ti; Ashbel, abbaa qomoo Ashbelootaa ti; Ahiiraam, abbaa qomoo Ahiiraamotaa ti;

[39] Shefufaam, abbaa qomoo Shefufaamotaa ti; Hufaam, abbaa qomoo Hufaamotaa ti.

[40] Ilmaan Belaa'i immoo Aardii fi Na'aamaan turan; Aardiin, abbaa qomoo Aardotaa ti; Na'aamaan, abbaa qomoo Na'aamaanotaa ti.

[41] Isaan kun akka qomoowwan isaaniitti ilmaan Benyaamiin; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii shanii fi dhibba ja'a turan.

[42] Ilmaan Daan akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shuhaam, abbaa qomoo Shuhaamotaa ti; qomoowwan Daan akka qomoo qomoo isaaniitti isaan kana.

[43] Qomoowwan Shuhaamotaa hundumaa keessaa warri lakkaa'aman kuma jaatamii afurii fi dhibba afur turan.

[44] Ilmaan Asheer akka qomoo qomoo isaaniitti, Yiimnaan, abbaa qomoo Yiimnotaa ti; Yishwiin, abbaa qomoo Yishwootaa ti; Beriiyaan, abbaa qomoo Beriiyotaa ti.

[45] Ilmaan Beriiyaa immoo Heber, abbaa qomoo Heberootaa ti; Malkii'el, abbaa qomoo Malkii'elootaa ti.

[46] Maqaan intala Asheer, Seraa ture;

[47] qomoowwan ilmaan Asheer isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma shantamii sadii fi dhibba afur turan.

[48] Ilmaan Niftaalem akka qomoo qomoo isaaniitti, Yaahize'el, abbaa qomoo Yaahize'elootaa ti; Guniin, abbaa qomoo Guniiwotaa ti;

[49] Yezer, abbaa qomoo Yezerootaa ti; Shiilem, abbaa qomoo Shiilemootaa ti.

[50] Isaan kun qomoowwan Niftaalem; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii shanii fi dhibba afur turan.

[51] Namoota Israa'el keessaa warri lakkaa'aman isaan kana turan; lakkoobsi isaanii walumatti kumaatama dhibba ja'aa fi kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi soddoma ture.

[52] Waaqayyo yommus Museedhaan,

[53] “Akka lakkoobsa maqaa isaaniitti biyyichi isaan kanaaf dhaala ta'ee haa hiramu!

[54] Qomoo guddaadhaaf dhaala guddaa, qomoo xinnaadhaaf dhaala xinnaa kenni! Tokkon tokkon qomoo akka lakkoobsa namoota isaatiitti dhaala isaa haa argatu!

[55] Biyyichi garuu buufata mukaatiin haa hiramu! Isaan akka maqaa gosa abboota isaaniitti haa dhaalan!

[56] Dhaalli sun qomoowwan gurguddaa fi qomoowwan xixinnaa gidduutti buufata mukaatiin haa hiramu!” jedhe.

[57] Lewwoonni akka qomoo qomoo isaaniitti lakkaa'aman immoo kanatti aananii warra jiranii dha; Gershoon, abbaa qomoo Gershoonotaa ti; Qehaat, abbaa qomoo Qehaatotaa ti; Meraariin, abbaa qomoo Meraarotaa ti.

[58] Warri kanatti aananii jiranis qomoowwan Lewwootaa ti; qomoo Siibnaa'ot, qomoo Heronootaa, qomoo Maahilootaa, qomoo Mushootaa, qomoo Qoraahotaa ti; Qehaat immoo abbaa Amraam ture.

[59] Maqaan haadha manaa Amraam Yokebeed ture; isheen intala Lewwii ishee biyya Gibxiitti dhalatte turte; isheen immoo Aaronin, Musee fi Miiryaamin obboleettii isaanii Amraamiif deesse.

[60] Aaroniif immoo Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaartu dhalate.

[61] Garuu Naadaabii fi Abiihuun ibidda alaa isa Waaqayyo isaan hin abboomin Waaqayyo duratti yeroo dhi'eessan du'an.

[62] Dhiirota dhalatanii ji'a fixanii jalqabee hamma warra isaa oliitti isaan keessaa kan lakkaa'aman hundinuu kuma digdamii sadii turan; isaan Israa'eloota gidduudhaa dhaalli waan isaaniif hin kennaminiif isaan keessatti hin lakkaa'amne.

[63] Isaan kun warra yeroo Museenii fi Ele'azaar lubichi fuullee Yerikootti bukkee laga Yordaanos dachaa Mo'aab keessatti Israa'eloota lakkaa'an sana lakkaa'amanii dha.

[64] Garuu warra yeroo Musee fi Aaron lubichi Siinaa lafa onaa keessatti Israa'eloota lakkaa'anitti lakkaa'aman keessaa namni tokko illee isaan kana keessa hin turre.

[65] Israa'eloonni sun lafa onaa keessatti akka dhuman Waaqayyo dubbatee akkuma ture, isaan keessaa Kaaleb ilma Yofunee fi Iyaasuu ilma Nun malee, namni tokko iyyuu hin hafne.

Seera Lakkoobsaa — Chapters