[1] Israa'eloonni macca isaanii wajjin geggeessaa Musee fi Aaroniin biyya Gibxii keessaa yeroo ba'an iddoon isaan buufachaa adeeman kanatti fufee jira;
[2] Museen akkuma Waaqayyo isa abboometti iddoo isaan buufachaa ka'aa adeeman akka kanatti fufee jirutti in caafe.
[3] Israa'eloonni ji'a duraatti, ji'ichattii gaafa guyyaa kudha shanaffaa Faasiikaa ba'ee bule warri Gibxii hundinuu utuu ilaalanii Raamsesii ka'anii eegumsa irree cimaatiin in adeeman.
[4] Warri Gibxii immoo angafa ta'ee kan isaaniif dhalate warra Waaqayyo isaan keessaa ajjeese hundumaa in awwaalu turan; Waaqayyo akkasuma waaqayyolii warra Gibxii irratti firdii in raawwate.
[5] Israa'eloonni Raamsesii ka'anii Suukoot buufatan;
[6] Suukootii ka'anii Etaam qarqara lafa onaa in buufatan.
[7] Etaamii ka'anii Phiihahiirot isa Ba'aal-Zefon irraa gara ba'a-biiftuu jirutti gara galanii fuullee Miigdol in buufatan.
[8] Phiihahiirotii ka'anii galaana keessa ba'anii gara lafa onaatti darbanii, karaa guyyaa sadii adeemanii Maaraa in buufatan.
[9] Maaraadhaa ka'anii Eliim iddoo burqituun bishaanii kudha lamaa fi mukkeetiin meexxii torbaatamni jiran dhufanii achi in buufatan.
[10] Eliimii ka'anii qarqara galaana diimaa in buufatan;
[11] qarqara galaana diimaatii ka'anii Siin lafa onaa keessa in buufatan.
[12] Siin lafa onaadhaa ka'anii Dofqaa in buufatan;
[13] Dofqaadhaa ka'anii Aluushin in buufatan.
[14] Aluushii ka'anii Refiidiimin in buufatan; iddoo sanaa jarri bishaan dhugan hin arganne.
[15] Refiidiimii ka'anii Siinaa lafa onaa in buufatan.
[16] Siinaa lafa onaatii ka'anii Kibrot-Hataawaa in buufatan.
[17] Kibrot-Hataawaatii ka'anii Haseroot in buufatan.
[18] Haserootii ka'anii Riitmaa in buufatan.
[19] Riitmaadhaa ka'anii Rimoon-Faares in buufatan.
[20] Rimoon-Faaresii ka'anii Liibnaa in buufatan.
[21] Liibnaadhaa ka'anii Riisaa in buufatan.
[22] Riisaadhaa ka'anii Qehelaataa in buufatan.
[23] Qehelaataadhaa ka'anii tulluu Shaafer bukkee in buufatan.
[24] Tulluu Shaaferii ka'anii Haraadaa in buufatan.
[25] Haraadaadhaa ka'anii Maqhelot in buufatan.
[26] Maqhelotii ka'anii Taahaat in buufatan.
[27] Taahaatii ka'anii Taaraa in buufatan.
[28] Taaraadhaa ka'anii Miitqaa in buufatan.
[29] Miitqaadhaa ka'anii Haashmonaa in buufatan.
[30] Haashmonaadhaa ka'anii Moseroot in buufatan.
[31] Moserootii ka'anii Beneyaa'aakaan in buufatan.
[32] Beneyaa'aakaanii ka'anii Hoor-Haagidgaad in buufatan.
[33] Hoor-Haagidgaadii ka'anii Yoxbaataa in buufatan.
[34] Yoxbaataadhaa ka'anii Abronaa in buufatan.
[35] Abronaadhaa ka'anii Eziyon-Geberii in buufatan.
[36] Eziyon-Geberiidhaa ka'anii Siin lafa onaa keessa Qaadesh in buufatan.
[37] Qaadeshii ka'anii qarqara biyya Edoom tulluu Hoor bukkee in buufatan.
[38] Israa'eloonni biyya Gibxii ba'anii waggaa afurtammaffaatti, waggichattii ji'a shanaffaatti, ji'ichattiis guyyaa tokkoffaatti Aaron lubichi ajaja Waaqayyootiin tulluu Hooritti ol ba'ee achitti in du'e.
[39] Aaron tulluu Hoor gubbaatti yommuu du'e nama waggaa dhibbaa fi digdamii sadii ture.
[40] Mootiin Araad Kana'aantichi inni biyya Kana'aan keessaa gara mirgaa jiraate dhufaatii Israa'elootaa in dhaga'e.
[41] Israa'eloonni tulluu Hoorii ka'anii Xalmonaa in buufatan.
[42] Xalmonaadhaa ka'anii Phuunon in buufatan.
[43] Phuunonii ka'anii Oboot in buufatan.
[44] Obootii ka'anii daarii biyya Mo'aab keessa Iyye-Abaariim in buufatan.
[45] Iyyemii ka'anii Diibon-Gaadi in buufatan.
[46] Diibon-Gaadii ka'anii Almoon-Diiblaataayim in buufatan.
[47] Almoon-Diiblaataayimii ka'anii fuullee tulluu Neboo, tulloota Abariim irra in buufatan.
[48] Tulloota Abariimii ka'anii fuullee Yerikoo laga Yordaanos dachaa Mo'aab keessa in buufatan.
[49] Dachaawwan Mo'aab keessaa immoo qarqara Yordaanos irraa Bet-Yeshiimootii hamma Abeel Shiixiimitti in buufatan.
[50] Waaqayyo, fuullee Yerikoo, bukkee laga Yordaanos dachaawwan Mo'aab keessatti Museetti in dubbate;
[51] inni Museedhaan,“Ati Israa'elootaan “Waaqayyo akkana jedha:- Isin Yordaanosin ceetanii gara biyya Kana'aanitti yommuu darbitan,
[52] warra biyyicha keessa jiraatan hundumaa of duraa ari'aa baasaa! Dhagaa isaanii warra bifni itti baafaman hundumaa, waaqayyolii isaan wanta baqfamaa irraa tolfatan hundumaas balleessaa! Iddoo sagadaa isaanii warra ol ka'oo hundumaa balleessaa!
[53] Ani biyyicha akka qabattaniif isiniif kenneera, qabadhaatii isa keessa taa'aa!
[54] Biyyichas akka maatii maatii keessaniitti hirmadhaa! Isa maatii baay'ee qabuuf akka baay'ina maatii isaatti, isa maatii muraasa qabuuf immoo akkuma maatii isaatti kennaa! Nama tokkoof mukti yommuu buufamu lafuma mukichi baaseef haa fudhatu! Akka akka gosa abboota keessaniitti dhaala keessan hirmadhaa!
[55] Isin warra biyyicha keessa jiraatan of duraa ooftanii hin baaftan yoo ta'e garuu, warri isin hambiftan sun ija keessanitti qoraattii, cinaacha keessanitti quuqaa in ta'u; biyyicha isin keessa jiraachuuf jettan sana keessatti isin in rakkisu.
[56] Anis wantan isaan irratti hojjechuuf jedhe isin irratti nan hojjedha” jedhi!” jedhe.