Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:32

[1] Dura-buutonni abboota qomoo Giil'aad ilma Maakiir akaakayyuu Minaasee warri mana abboota ijoollee Yoseef dhi'aatanii Musee duratti, warra geggeessitoota duratti, dura-buutota maatiiwwan Israa'elootaa durattis in dubbatan;

[2] isaan,“Gooftaan keenya biyyicha buufata mukaatiin Israa'elootaaf dhaala godhee akka kennu Waaqayyo isa abboomeera; gooftaan keenya dhaala Zelofehaad obboleessa keenyaa durboota Zelofehaadiif akka kennuuf Waaqayyo isa abboomeera.

[3] Garuu isaan Israa'eloota keessaa ilmaan gosa kan biraatti yoo heeruman, dhaalli isaanii kan abboota keenyaa keessaa fuudhamee gara dhaala qomoo isa kan isaaniitti in dabalama; akkasittis hirmaata dhaala keenyaa keessaa nu duraa in fudhatama.

[4] Ayyaanni waggaa shantammaffaa Israa'elootaa yommuu dhufu, dhaalli isaanii dhaala gosa isa isaan amma itti galaniitti in dabalama; akkasitti dhaalli isaanii dhaala gosa abboota keenyaa irraa in fudhatama” jedhan.

[5] Yommus Museen akka dubbii Waaqayyootti ajaja kanatti fufee jiru Israa'elootatti hime,“Gosi sanyii Yoseef dhugaa qabu;

[6] Waaqayyo waa'ee durboota Zelofehaadiif yommuu dubbate“Nama qomoo gosa abbaa isaanii keessaa haa ta'u malee, isaan nama ija isaaniitti toletti haa heeruman!

[7] Israa'eloonni adduma addaan dhaala gosa abboota isaaniitti jabaachuun isaan irra waan jiruuf, dhaalli Israa'elootaa gosa tokko keessaa gara gosa biraatti hin darbin!

[8] Kanaaf namni Israa'el adduma addaan dhaala abboota isaatii keessaa akka qabaatuuf, durboonni gosa Israa'el keessaa dhaala qaban hundinuu qomoo gosa abbaa isaanii keessaa tokkotti haa heeruman!

[9] Gosi Israa'elootaa adduma addaan dhaala isaatti akka jabaatutti, dhaalli tokko illee gosa tokko keessaa gara isa kaaniitti hin darbin!” jedheera” jedhe.

[10] Intaloonni Zelofehaad akkuma Waaqayyo Musee abboome in godhan.

[11] Intaloonni Zelofehaad Maahilaa, Tiirzaa, Hoglaa, Miilkaa fi, No'aa ilmaan obboloota abbaa isaaniitti in heeruman.

[12] Isaan maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yoseef keessatti in heeruman; dhaalli isaaniis qomoo gosa abbaa isaanii keessatti in hafe.

[13] Abboommiinii fi wanti qajeelaa ta'e warri Waaqayyo karaa Musee fuullee Yerikoo, bukkee laga Yordaanos dachaawwan Mo'aab keessatti Israa'eloota abboome isaan kana turan.

Seera Lakkoobsaa — Chapters