[1] Waaqayyo ammas Musee fi Aaroniin,
[2] “Namoonni Israa'el akka faajjii isaaniitti, akka milikkita mana abboota isaaniitti dunkaana wal ga'ii sana irraa fagaatanii naannessanii adduma addaan dunkaana haa dhaabatan!” jedhe.
[3] Gara boruutiin kutanni Yihudaa akka faajjii isaaniitti qixa ba'a-biiftuutiin haa buufatan! Geggeessituun namoota Yihudaa, Nahishoon ilma Aminaadaab;
[4] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma torbaatamii afurii fi dhibba ja'a.
[5] Gosi Yisaakor isaanitti aanee haa buufatu! Geggeessituun namoota Yisaakor, Nataani'el ilma Zuwaar;
[6] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii afurii fi dhibba afur.
[7] Gosi Zebuloon immoo isaan kanatti haa aanu! Geggeessituun namoota Zebuloon, Eliiyaab ilma Helon;
[8] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman namoota kuma shantamii torbaa fi dhibba afur.
[9] Guutummaa buufata Yihudaa keessaa akka kutata kutata isaaniitti kan lakkaa'aman namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii ja'aa fi dhibba afur; isaan kun dura bu'anii in adeemu.
[10] Kutanni Ruuben akka faajjii isaaniitti gara mirgaatiin haa buufatan! Geggeessituun namoota Ruuben Eliizur ilma Shiide'ur;
[11] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii ja'aa fi dhibba shan.
[12] Gosi Shimi'oon isaanitti aanee haa buufatu! Geggeessituun namoota Shimi'oon, Shiilumii'el ilma Zuriishadaayi;
[13] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma shantamii sagalii fi dhibba sadii.
[14] Kana booddees gosi Gaadi itti haa aanu! Geggeessituun namoota Gaadi, Elii'aasaaf ilma Deu'el;
[15] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii shanii fi dhibba ja'aa fi shantama.
[16] Guutummaa buufata Ruuben keessaa akka kutata kutata isaaniitti kan lakkaa'aman namoota kumaatama dhibbaa fi kuma shantamii tokkoo fi dhibba afurii fi shantama; isaan kun immoo warra duraatti aananii in adeemu.
[17] Kana booddee immoo dunkaanni itti wal ga'anii fi kutanni Lewwootaa kutata warra dura darbanii fi warra booddeetti hafan gidduu in adeemu; isaan adduma addaan akka iddoo buufata isaanii fi akka faajjii isaaniitti in adeemu.
[18] Kutanni Efreem akka faajjii isaaniitti gara lixa-biiftuutiin haa buufatan! Geggeessituun namoota Efreem, Eliishaamaa ilma Amiihud;
[19] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamaa fi dhibba shan.
[20] Gosi Minaasee isaanitti aanee haa buufatu! Geggeessituun namoota Minaasee, Gamaali'el ilma Phedaazur;
[21] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma soddomii lamaa fi dhibba lama.
[22] Kana booddees gosi Benyaamiin itti haa aanu! Geggeessituun namoota Benyaamiin, Abiidaan ilma Gidewoonii ti;
[23] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma soddomii shanii fi dhibba afur.
[24] Guutummaa buufata Efreem keessaa akka kutata kutata isaaniitti kan lakkaa'aman namoota kumaatama dhibbaa fi kuma saddeetii fi dhibba tokko; isaan kun immoo kutata sadaffaa ta'anii in adeemu.
[25] Kutanni Daan akka faajjii isaaniitti gara bitaatiin haa buufatan! Geggeessituun namoota Daan, Ahii'ezer ilma Amiishadaayi;
[26] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma jaatamii lamaa fi dhibba torba.
[27] Gosi Asheer isaanitti aanee haa buufatu! Geggeessituun namoota Asheer, Fagi'el ilma Okraan;
[28] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan.
[29] Kana booddee immoo gosi Niftaalem itti haa aanu! Geggeessituun namoota Niftaalem, Ahiiraa ilma Enaan;
[30] kutata isaa keessaa warri lakkaa'aman kuma shantamii sadii fi dhibba afur.
[31] Guutummaa buufata Daan keessaa akka kutata kutata isaaniitti kan lakkaa'aman namoota kumaatama dhibbaa fi kuma shantamii torbaa fi dhibba ja'a; isaan kun immoo akka faajjii isaaniitti kutata hundumaa booddee in adeemu.
[32] Namoota Israa'el keessaa akka mana abbootii isaaniitti kan lakkaa'aman isaan kana; warri iddoowwan buufataa keessaa akka akka kutata isaaniitti lakkaa'aman walumatti kumaatama dhibba ja'aa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama.
[33] Lewwoonni garuu akkuma Waaqayyo Musee abboome gosa Israa'el warra kaanii wajjin hin lakkaa'amne.
[34] Israa'eloonni adduma addaan akka faajjii isaaniitti, akka maatii maatii isaaniitti, akka mana mana abboota isaaniittis ka'anii in adeeman; wanta hundumaas akkuma Waaqayyo Musee abboometti in hojjetan.