[1] Waaqayyo yommus Museedhaan,
[2] “Ati Israa'elootatti dubbadhu, isaaniin,“Waaqayyo akkan jedha:- Biyya isa akka isin keessa jiraattaniif ani isiniif kennutti yommuu galtan,
[3] ana Waaqayyoof aarsaa gubamu, qalma gubamus bushaayee keessaa, saawwan keessaa, akkasumas aarsaa wareegaa, kennaa fedha keessaniin kennitan, kennaa gaafa ayyaanaas foolii urgaa'aa ana Waaqayyotti toluuf dhi'eessaa!
[4] Namni kennaa anaaf dhi'eessu, kennaa midhaanii daakuu qamadii ba'eessa kiiloo tokko, isa dhadhaa ejersaa liitrii tokkoon sukkuumame haa dhi'eessu!
[5] Tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa qalma gubamuuf yookiis aarsaadhaaf dhi'aatuu wajjin daadhii waynii liitrii tokko tokko kennaa dhugaatiitiif haa qopheessu!
[6] Korbeessa hoolaas yommuu dhi'eessu, isaa wajjin kennaa midhaaniitiif daakuu qamadii ba'eessa kiiloo lama, dhadhaa ejersaa akka liitrii tokkoo fi walakkaatiin kan sukkuumame haa dhi'eessu!
[7] Daadhiin waynii liitriin tokkoo fi walakkaan immoo kennaa dhugaatii isa urgaan foolii isaa tolu ana Waaqayyoof haa dhi'aatu!
[8] “ ‘Qalma gubamuu fi kennaa wareegaatii fi qalma araaraatiifis ana Waaqayyoof tuntunoo yommuu dhi'eessitu,
[9] tuntunichaa wajjin kennaa midhaaniif, daakuun qamadii ba'eessi isaa inni dhadhaa ejersaa rubii liitriitiin waliin makame haa dhi'aatu!
[10] Akkasumas kennaa dhugaatiif daadhii waynii rubii liitrii akka aarsaa gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolutti dhi'eessi!
[11] Tokkon tokkon tuntunootiif tokkon tokkon korbeessa hoolaaf tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa fi xobbaallaa reettiif akkuma kanatti haa qophaa'u!
[12] Akkuma lakkoobsa horii qalmaaf qopheessitan hundumaatti tokkon tokkon isaaniif akkuma kana godhaa!
[13] “ ‘Dhaloota biyyaa kan ta'an hundinuu aarsaa gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu yommuu dhi'eessan akka kanatti haa dhi'eessan!
[14] Namni galaan yookiis namumti isin gidduu jiraatu dhaloota dhufu hundumaa keessatti aarsaa gubamu isa urgaan foolii isaa anatti tolu yoo dhi'eesse, akkuma isin dhi'eessitanitti haa dhi'eessu!
[15] Waldicha keessatti isinii fi galaa isin gidduu jiraatuuf seerranni tokkichuma haa ta'u! Kunis dhaloota dhufuuf seerrata bara baraa ti; namni galaan ana duratti akkuma isin taatan haa ta'u!
[16] Isinii fi galaa isin gidduu jiraatuuf seerrii fi firdiin tokkichi haa jiraatu!” jedhi!” jedhe.
[17] Waaqayyo ammas Museette dubbatee,
[18] “Ati Israa'elootatti dubbadhu; isaaniin,“Waaqayyo akkana jedha:- Yommuu biyya isa ani itti isin geessutti galtan,
[19] nyaata biyya sanaas yommuu nyaattan, isa irraa ana Waaqayyoof aarsaa sochoofamu dhi'eessaa!
[20] Bukoo midhaan keessanii isa jalqabaa irraa bixxillee tokko aarsaa sochoofamuuf dhi'eessaa! Isas akka aarsaa midhaan oobdii keessaa fuudhamee sochoofamutti in dhi'eessitu.
[21] Dhaloota dhufu hundumaa keessatti bukoo midhaan keessanii isa jalqabaa irraa anaaf aarsaa sochoofamu in dhi'eessitu.
[22] “ ‘Isin irra ceetanii abboommii ani Waaqayyo Museetti kenne kana hundumaa yoo eeguu dhiiftan,
[23] abboommii isa ani karaa Musee isin abboome kana hundumaas gaafa ani Museetti kennee jalqabee dhalootaa hamma dhalootaatti iyyuu yoo irra ceetan,
[24] waldaanis utuu hin beekin yoo irra ce'e, guutummaatti tuntunoo tokko qalma gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti toluuf haa dhi'eessu! Isaa wajjinis akka seerrata isaatti kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatii, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeessa reettii tokko haa dhi'eessu!
[25] Waldaan utuu hin beekin waan irra ce'e, isa irra ce'eefis aarsaa gubamu aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatus ana Waaqayyoof waan fideef, lubichi guutummaa waldaa Israa'eliif haa araarsu, innis isaaniif in dhiifama.
[26] Sabni achi keessa jiru guutummaatti waan irra ce'eef, waldaa Israa'elootaa hundumaa fi galaa isaan gidduu jiraatuufis in dhiifama.
[27] “ ‘Garuu namni tokko utuu hin beekin cubbuu yoo hojjete immoo xobbaallaa reettii dhaltuu waggaa tokkoo aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf haa fidu!
[28] Lubichi namicha isa utuu hin beekin cubbuu hojjete sanaaf ana Waaqayyo duratti haa araarsu! Namichaafis in dhiifama.
[29] Warra Israa'el keessaa nama utuu hin beekin cubbuu hojjetuuf, dhaloota biyyaa fi galaa isaan gidduu jiraatuufis seerri tokkicha haa ta'u!
[30] Dhaloonni biyyaa namni galaanis beekaa cubbuu yoo hojjete garuu, kun ana Waaqayyoon arrabsuu waan ta'eef, namni akkasii saba isaa keessaa haa balleeffamu!
[31] Inni dubbii koo waan tuffateef, abboommii koos waan cabseef, kan akkasii raawwatee haa balleeffamu, yakki isaas isuma irratti haa hafu!” jedhi!” jedhe.
[32] Israa'eloonni yeroo lafa onaa keessa turan, namni tokko guyyaa Sanbataatti qoraan utuu bu'uu in argan.
[33] Warri utuu inni qoraan bu'uu arganis gara Musee fi gara Aaronitti, gara guutummaa waldaattis isa in dhi'eessan;
[34] maal isa gochuun akka ta'u waan hin beekaminiifis akka inni eegamu in godhan.
[35] Waaqayyo yommus Museedhaan,“Namichi haa du'u! Guutummaan waldaa iddoo buufataa duubatti dhagaadhaan isa haa rukutu!” jedhe.
[36] Kana irratti guutummaan waldaa iddoo buufataa duubatti isa baasee akkuma Waaqayyo Musee abboometti dhagaadhaan rukutee in ajjeese.
[37] Waaqayyo ammas Museedhaan,
[38] “Ati Israa'elootatti dubbadhu; isaaniin,“Waaqayyo akkana jedha:- Isin fiixee uffata keessaniitti shaashara baafadhaa! Tokkon tokkon shaashara golee uffata keessaniittis fo'aa bifa waaqaa fakkaatu itti hidhadhaa! Dhaloonni isin booddee hundinuus kana haa godhan!
[39] Innis shaashara isa isin ilaaltanii abboommii koo hundumaa ittiin yaadattanii akka isaatti akka hojjettan, isa hawwii garaa keessanii fi hawwii ija keessanii isa karaa irraa isin kaachisu duukaa akka isin hin buune godhuu dha.
[40] Egaa isin abboommii koo hundumaa ittiin in yaadattu, in eegdus; ana Waaqayyo keessaniifis in qulqullooftu.
[41] Ani Waaqayyo gooftaa keessan isa Waaqayyo keessan ta'uudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha; ani Waaqayyo gooftaa keessan” jedhi!” jedhe.