[1] Miiryaamii fi Aaron sababii Museen intala warra Kuush fuudheef isa irratti ka'anii,
[2] “Waaqayyo Museedhuma duwwaatti dubbatee” Nuttis immoo dubbateera mitii?” jedhan; Waaqayyo yommus kana in dhaga'e.
[3] Museen garuu namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa ture.
[4] Waaqayyo achumaan Museedhaan, Aaroniin, Miiryaamiinis,“Isin sadanuu ba'aatii gara dunkaana itti wal ga'aniitti kottaa!” jedhe; yommus sadanuun isaanii ba'anii in dhaqan.
[5] Waaqayyo utubaa duumessaa keessaan gad bu'ee balbala dunkaana sanaa irra dhaabatee, Aaronii fi Miiryaamin waame; isaan lachanuus in dhi'aatan.
[6] Waaqayyo isaaniin,“Mee amma dubbii koo dhaga'aa! Raajiin koo isin gidduu yoo jiraate, mul'ataan isatti of nan mul'isa, abjuudhaanis isatti nan dubbadha.
[7] Musee garbicha kootti garuu akkasitti hin dubbadhu; inni mana koo hundumaa keessatti amanamaa dha;
[8] ani afaan kootiin mul'isee isatti nan dubbadha malee, jecha dhokataadhaan isatti hin dubbadhu. Inni of eeggatee fakkaattii bifa koo in arga'o; isin garbicha koo Musee irratti dubbachuu maaliif sodaachuu dhiiftan ree?” jedhe.
[9] Waaqayyo yommus baay'ee isaanitti aaree isaan duraa in adeeme.
[10] Yommuu duumessichi dunkaanicha irraa ka'e Miiryaam lamxi'amtee adii akka booralee taate; Aaron gara galee Miiryaamin yommuu ilaale, kunoo isheen lamxi'amtee in arge.
[11] Aaron kana irratti Museedhaan,“Yaa gooftaa ko! Hadaraa cubbuu isa nuyi gowwummaatti hojjenne kana nutti hin lakkaa'in!
[12] Maaloo akka wanta du'ee dhagni isaa erga tortoree gadameessa haadhaa keessaa ba'uu ishee hin godhin!” jedhe.
[13] Museen yommus gara Waaqayyootti iyyee,“Yaa Waaqayyo! Maaloo ishee fayyisi!” jedhee in kadhate.
[14] Waaqayyo immoo Museedhaan,“Abbaan ishee fuula isheetti yoo tufe isheen guyyaa torba hin yellaatuu ree” Amma isheen guyyaa torba iddoo buufataa sana duuba haa turtu, kana booddees iddoo buufataa sanatti deebitee ol haa galtu!” jedhe.
[15] Kana irratti Miiryaam guyyaa torba iddoo buufataa sana duuba turte; hamma Miiryaam deebitee iddoo buufataatti ol galtutti sabni achii ka'ee hin adeemne.
[16] Kana booddee garuu sabni sun Haserootii ka'ee Phaaraan lafa onaa keessa in buufate.