Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:22

[1] Mootiin Araad Kana'aantichi inni biyya gara mirgaa keessa jiraate, Israa'eloonni karaa Ataariim dhaqu irra dhufaa akka jiran yommuu dhaga'e, isaan lolee, isaan keessaas muraasa in booji'e.

[2] Israa'eloonni yommus,“Yoo ati saba kana dabarsitee harka keenya keessa buufte, nuyi raawwannee mandaroota saba kanaa in balleessina” jedhanii Waaqayyoof wareega in wareegan.

[3] Waaqayyo sagalee Israa'elootaa dhaga'ee Kana'aanota harka isaanii keessa in buuse; Israa'eloonnis isaanii fi mandaroota isaanii raawwatanii in balleessan; maqaan iddoo sanaa “Hormaa” jedhamee in moggaafame.

[4] Israa'eloonni naanna'anii biyya Edoom bira darbanii adeemuudhaaf tulluu Hoorii ka'anii karaa galaana diimaa dhaqu irra in bu'an; garuu karaa irratti obsa in dhaban.

[5] Yommus isaan,“Lafa onaatti akka dhumnuuf biyya Gibxii keessaa nu baaftanii” Buddeenni hin jiru, bishaan hin jiru, nus nyaata waa'ee hin baafne kana in jibbine” jedhanii Waaqayyoo fi Musee irratti in dubbatan.

[6] Waaqayyo yommus bofoota hadhaa qaban isaan gidduutti in erge; bofoonni sunis yommuu isaan iddan, isaan keessaa namoonni baay'een in dhuman.

[7] Kana irratti jarri Musee bira dhufanii,“Nuyi Waaqayyo irratti, si irrattis kaanee waan dubbanneef yakkineerra; bofoota kana nu irraa akka deebisuuf Waaqayyoon nuuf kadhadhu!” jedhan; Museenis jaraaf in kadhate.

[8] Waaqayyo immoo Museedhaan “Bofa sibiila borrajjii tolchii utubaatti rarraasi! Namni bofni idde gara isaa yoo ilaale in fayya” jedhe.

[9] Museen kana irratti sibiila borrajjii irraa bofa tolchee utubaatti in rarraase; namni bofni idde hundinuu, gara bofa sibiila borrajjii irraa tolfame sanaa yeroo ilaaletti in fayye.

[10] Kana booddee Israa'eloonni iddoo sanaa ka'anii Obootin in buufatan.

[11] Obootiis immoo ka'anii lafa onaa isa gara ba'a-biiftuutiin fuullee biyya Mo'aab jiru keessa Iyyee-Abaariimin in buufatan.

[12] Achiis ka'anii dachaa Ered buufatan.

[13] Achii ka'anii lafa onaa isa hamma daarii Amoorotaatti bal'atu keessaa bishaan Aarnon gama in buufatan; bishaan Aarnon biyya Mo'aabotaa fi Amoorotaa gidduu waan jiruuf, isaan lachuufuu daarii dha.

[14] Kanaafuu macaafa lolaa isa kan Waaqayyoo keessatti, “Mandara Waaheb isa biyya Sufaa keessaatti, dachaawwan Aarnonitti,

[15] irraan-gadee dachaawwan sanaa isa hamma mandara Aar ga'utti, isa daarii biyya Mo'aab irra dha'atutti” jedhame.

[16] Isaan achii ka'anii gara Beer in dhaqan; innis lafa bishaan boollaa iddoo itti Waaqayyo Museedhaan,“Jara walitti qabi, ani bishaan isaaniif nan kenna” jedhee dha.

[17] Yommus Israa'eloonni, “Yaa bishaan boollaa nana, ol burqi! Nus faarfannaadhaan nagaa si gaafanna!

[18] Bishaan boollaa isa gurguddoonni biyyaa qotan, isa geggeessitoonni sabaa ulee mootummaa isaaniitii fi siiqqee isaaniitiin gad qotan” jedhanii faarfannaa kana in faarfatan. Kana booddees lafa onaadhaa ka'anii gara Maataanaa in dhaqan;

[19] Maataanaadhaa ka'anii Naahaalii'el dhaqan; Naahaalii'elii ka'anii Baamot dhaqan;

[20] Baamotii immoo ka'anii dachaa isa biyya Mo'aab keessa, gara bantii tulluu Phiisgaa isa fuullee lafa onaa jiru sanaa in dhaqan.

[21] Yommus namoonni Israa'el Sihoon mootii Amoorotaatti namoota erganii,

[22] “Biyya kee keessa nu dabarsi, nuyi biyya kee keessa hamma darbinutti karaa guddaa isa kan mootii irra adeemna malee, gara maasii keetti yookiis iddoo dhaabaa waynii keetti hin gorru; bishaan boollaa keetiis hin dhugnu” jedhan.

[23] Sihoon mootichi garuu namoota Israa'el daarii biyya isaa keessa dabarsuu in dide; namoota isaa hundumaa walitti qabatee namoota Israa'el loluudhaaf gara lafa onaa dhaqee, Yaahazitti namoota Israa'el in lole.

[24] Namoonni Israa'el garuu billaadhaan isa ajjeesanii lafa isaa immoo laga Aarnonii hamma laga Yaaboqitti, hamma daarii Amoonotaatti in qabatan; daarii Amoonotaa lixuun garuu jabaa ture.

[25] Namoonni Israa'el mandaroota Amoorotaa, Heshboonii fi gandeen isaa hundumaa fudhatanii isaan keessa in jiraatan.

[26] Heshboon mandara Sihoon mootii Amoorotaa ti; Sihoon kun isa mootii Mo'aab isa duraa lolee lafa isaa hamma laga Aarnonitti irraa fudhatee ture.

[27] Kanaaf warri mammaakan, “Gara Heshboon kottaa, inni haa ijaaramu! Mandarri Sihoon deebi'ee haa ijaaramu, jabaatees haa dhaabamu!

[28] Ibiddi Heshboon keessaa ba'eera, arrabni ibiddaa mandara Sihoonii, biyya Mo'aab keessaa mandara Aar xaph godhee, gooftota iddoowwan ol ka'oo Aarnonis in balleesse.

[29] Yaa Mo'aab siif wayyoo! Yaa saba Kemosh ati badde! Inni, ilmaan isaa akka joorootti, intaloota isaas akka booji'amootti, Sihoon mootii Amoorotaatti gad in dhiise.

[30] Nuyi garuu gara isaan galchine; Heshboon hamma Diibonitti in balleeffame; hamma Nofaa isa Medebaatiin ga'uttis nuyi lafa irraa isaan in barbadeessine” jedhan.

[31] Akkasitti Israa'eloonni biyya Amoorotaa in jiraatan.

[32] Erga Museen Yaazeritti gaaddota ergee booddee Israa'eloonni namoota naannoo Yaazer qubatan qabatanii Amoorota achi turan oofanii in baasan.

[33] Kana booddees deebi'anii karaa Baashaan irra bu'anii ol ba'an; Oog mootiin Baashaanis namoota isaa wajjin isaan loluudhaaf Edraayitti isaanitti in dhufe.

[34] Waaqayyo yommus Museedhaan,“Ani Waaqayyo isa, namoota isaa, biyya isaas harka kee keessa buuseera isa hin sodaatin; Sihoon mootii Amoorotaa isa mandara Heshboon jiraate akkuma goote, Ooginis akkasuma in goota” jedhe.

[35] Yommus isaan Oog mooticha, ilmaan isaa, namoota isaa hundumaa, nama tokko illee utuu hin hambisin in ajjeesan, lafa isaas in qabatan.

Seera Lakkoobsaa — Chapters