Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:49

[1] Bala'aam yommus Balaaqiin,“Asitti iddoo aarsaa torba anaaf ijaari, tuntunoo torbaa fi korbeessa hoolaa torba anaaf qopheessi!” jedhe.

[2] Balaaqis akkuma Bala'aam jedhe in godhe; Balaaqii fi Bala'aam mata mataa iddoo aarsaa tokko irratti tuntunoo tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaadhaaf in dhi'eessan.

[3] Bala'aam yommus Balaaqiin,“Ati qalma kee isa gubamu kana bira dhaabadhu, ani immoo tarii Waaqayyo anatti mul'achuuf waan dhufuuf nan adeema; waanuma inni anatti mul'isu immoo ani sitti nan hima” jedhee, ofii immoo gara iddoo ol ka'aa tokkoo in dhaqe.

[4] Waaqayyo yommus Bala'aamitti in mul'ate; Bala'aamis Waaqayyoon,“Ani iddoo aarsaa torba qopheessee, tokkon tokkon isaa irrattis tuntunoo tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhi'eesseera” jedhe.

[5] Waaqayyo wanta inni dubbatu afaan Bala'aam keessa kaa'eefii,“Gara Balaaqitti deebi'iitii isan sitti himuuf jedhu kana itti dubbadhu!” jedheen.

[6] Bala'aam gara Balaaqitti yeroo deebi'e, kunoo, Balaaq, gurguddoonni Mo'aabis qalma isaa isa gubamu sana bira in dhaabatu turan.

[7] Bala'aam dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu sana jalqabee, “Balaaq biyya Aaramii na fide, mootiin Mo'aab tulloota gara boruu irraa, “Kottu, Yaaqoobin anaaf abaari, kottu, Israa'elitti anaaf qorobi!” jedhe.

[8] Isa Waaqayyo hin abaarin attamittan abaara” Isa Waaqayyo itti hin qorobinitti attamittan itti qoroba”

[9] Ani gubbeewwan kattaa irratti isa nan arga, gaarota irraas isa nan ilaala; ilaa, saba kophaa isaa jiraatu, isa saba warra kaan keessatti of hin lakkoofne,

[10] sanyii Yaaqoob isa akka biyyoo lafaa eenyutu lakkaa'uu danda'a” Lakkoobsa ruubii Israa'elis eenyutu hima” Ani akka du'a nama qajeelaatti du'inna, dhumni koos akka kan isaatii haa ta'u!” jedhe.

[11] Balaaqis Bala'aamiin,“Inni ati ana irratti hojjette kun maali” Ani diinota koo akka anaaf abaartuufan si fide, ati garuu isaan eebbifte malee homaa isaan hin goone” jedhe.

[12] Inni immoo deebisee,“Dubbii Waaqayyo afaan koo keessa kaa'e dubbachuudhaaf eeggachuun ana irra jira mitii ree?” jedhe.

[13] Balaaq yommus Bala'aamiin,“As iddoo kanaa warra gara daarii jiran duwwaa argita malee, hunduma isaanii hin argitu; kanaafis kottuu iddoo kan biraa lafa dhaabattee jara argitu anaa wajjin dhaqiitii achi dhaabadhuu jara anaaf abaari!” jedhe.

[14] Innis gubbee tulluu Phiisgaa irratti, gara bakkee Zofiimitti isa geessee, achitti iddoo aarsaa torba ijaaree, tokkon tokkon isaa irrattis tuntunoo tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qalma gubamuuf in dhi'eesse.

[15] Bala'aam,“Hamma ani garasitti Waaqayyoo wajjin wal argee deebi'utti, ati asuma qalma kee isa gubamu kana bira dhaabadhu!” jedhee Balaaqitti in dubbate.

[16] Waaqayyo yommus Bala'aamitti mul'atee, wanta inni dubbatus afaan isaa keessa kaa'eefii,“Gara Balaaqitti deebi'iitii, isan sitti himuuf jedhu kana itti dubbadhu!” jedhe.

[17] Bala'aam gara Balaaq yommuu dhufe, kunoo Balaaq gurguddoota Mo'aabii wajjin qalma isaa isa gubamu sana bira in dhaabata ture; Balaaq yommus,“Waaqayyo maal dubbate?” jedhee, Bala'aamin in gaafate.

[18] Bala'aamis dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu sana dubbachuu ittuma fufee, “Ka'i yaa Balaaq, dhaga'is, yaa ilma Ziphoor na dhaggeeffadhu!

[19] Waaqayyo akka namaa miti, inni hin sobu, gaabbuudhaafis inni ilma namaa miti, inni wanta jedhe hin godhuu ree” Wanta dubbates hin raawwatuu ree”

[20] Kunoo, ani eebbisuudhaaf abboomameera, inni eebbiseera, ani immoo akka inni irraa deebi'u gochuu hin danda'u.

[21] “Inni Yaaqoob irratti dabaa hin argine, rakkinas Israa'el irratti hin caqafne; Waaqayyo gooftaan isaanii isaanii wajjin jira, sagaleen mootii inni gammachiisaan isaan gidduudhaa in dhaga'ama.

[22] Waaqayyo biyya Gibxii isaan in baase, inni akka gaanfa gafarsaa isa jabaatti isaaniif in faccise.

[23] Yaaqoob irratti hoodni hin dubbatamne, Israa'el irrattis ayyaanni hin hedamne; amma waa'ee Yaaqoobiif yookiis waa'ee Israa'eliif kan dubbatamu, “Wanta Waaqayyo godhe ilaalaa!” kan jedhuu dha.

[24] Kunoo sabni sun akka leenca dhalaatti in ka'a, akka leencaa ol of in kaasa, isa adamsee qabate hamma nyaatutti, dhiiga isa qalames hamma dhugutti hin ciisu!” jedhe.

[25] Balaaq immoo Bala'aamiin,“Ati erga isaan abaaruu dhiiftee immoo isaan hin eebbisin kaa!” jedhe.

[26] Bala'aam deebisee Balaaqiin,“Ani wanta Waaqayyo jedhu hundumaa gochuun akka ana irra jiru sitti hin himnee ree?” jedhe.

[27] Balaaq ammoo Bala'aamiin,“Kottu amma iddoo biraatti sin geessa, tarii achi dhaabattee jara kana anaaf abaaruun kee Waaqayyotti in tola ta'a” jedhe.

[28] Balaaq yommus Bala'aamiin gubbee tulluu Phe'or isa irra dhaabatanii lafa onaa sana gad ilaalanitti ol in baase;

[29] Bala'aamis Balaaqiin,“Asitti iddoo aarsaa torba anaaf ijaariitii tuntunoo torbaa fi korbeessa hoolaa torba anaaf qopheessi!” jedhe.

[30] Balaaq akkuma Bala'aam jedhe godhe, tokkon tokkon iddoo aarsaa sana irratti tuntunoo tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa in dhi'eesse.

Seera Lakkoobsaa — Chapters