[1] Waaqayyo ammas Museedhaan,
[2] “Israa'elootatti dubbadhuutii, tokkon tokkon maatiitiif akka gosa gosa isaaniitti ulee tokko tokko, walumatti ulee kudha lama geggeessituu gosaa harkaa fuudhiitii maqaa tokkon tokkon isaanii ulee ulee isaanii irratti caafi!
[3] Abbaan gosaa tokko ulee tokko waan qabuuf, ulee gosa Lewwii irratti maqaa Aaron caafi!
[4] Uleewwan sanas iddoo dhuga-baatuu sana dura dunkaana itti wal ga'an keessaa lafan itti si argu sana kaa'i!
[5] Uleen namicha isa ani fo'adhus in lata; ani immoo guungummii Israa'elootaa isa isaan yeroo hundumaa isin irratti guunguman of irraa nan kuta” jedhe.
[6] Museenis kana irratti Israa'elootatti in dubbate; geggeessitoonni sabaas akka gosa gosa isaaniitti ulee tokko tokko, walumatti ulee kudha lama isatti in kennan; uleen Aaronis isaan keessaa tokko ture.
[7] Yommus Museen uleewwan sana godoo dhuga-baatuu keessa Waaqayyo dura in naqe.
[8] Borumtaa isaas Museen yeroo gara godoo dhuga-baatuutti ol gale, kunoo! Uleen Aaron inni kan mana Lewwii, latee, hudhee, daraarees ija lawuzii bilchaataa godhatee ture;
[9] Museen uleewwan sana hundumaa fuula Waaqayyoo duraa fuudhee gara guutummaa Israa'elitti gad in baase; isaanis ilaalanii adduma addaan ulee ulee isaanii in fudhatan.
[10] Waaqayyo ergasii Museedhaan,“Ulee isa kan Aaron sanduuqa dhuga-baatuu sana duratti deebisi, ulichi warra didanii ka'an sanaaf milikkita haa ta'u! Wanta kanaan isaan akka hin dhumnetti deebi'anii ana irratti akka hin guungumne in goota” jedhe.
[11] Museenis akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe.
[12] Yommus Israa'eloonni Museedhaan,“Kunoo! Nuyi in duuna, in dhumna, hundumti keenyas in badna!
[13] Namni tokko illee gara godoo Waaqayyootti yoo dhi'aate in du'a erga ta'ee, egaa nus in dhumnaa ree?” jedhan.