Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:08

[1] Waaqayyo ammas Museedhaan,

[2] “Ati Israa'elootatti himi, isaaniin,“Waaqayyo:- Biyya Kana'aan isa akka isin dhaaltaniif isiniif kennamutti yommuu galtan daariin isaa akka kanatti fufee jiru haa ta'u!

[3] Karaa gara mirgaa daariin keessan Siin lafa onaadhaa ka'ee daarii Edoom qabatee isa jiruu dha; gara ba'a-biiftuutiin immoo dhuma galaana soogiddaatii ka'ee daarii keessan isa gara mirga keessanii isiniif haa ta'u!

[4] Daariin keessan karaa Aqrabiim gara mirgaatti deebi'ee Siinitti ce'ee harka mirgaa Qaadesh-Barne'aa ga'ee in dhaabata; achii immoo gara Haazar Adaaritti in adeema, gara Azmoonaattis in darba.

[5] Daarichi Azmoonaatii gara laga Gibxiitti haa deebi'u, galaana bira ga'ees haa dhaabatu!

[6] Daariin keessan karaa lixa-biiftuudhaa galaanichaa fi biyya qarqara galaanicha guddaa isa Mediteraaniyan jedhamu sana jiranii dha; kun daarii keessan isa karaa gara lixa-biiftuutti.

[7] Daariin keessan inni gara bitaa immoo galaanicha guddaa Mediteraaniyanii hamma tulluu Hooritti haa ta'u!

[8] Tulluu Hoorii hamma karra Haamaatitti daarii itti godhi! Dhumni daarii sanaas Zedaadaat in ta'a.

[9] Achiis hamma Ziifronitti darbee in bal'ata; dhumni daarii sanaas Haazar Enaanitti in ta'a; kun daarii keessan isa karaa gara bitaa ti.

[10] “ ‘Daarii keessan isa gara ba'a-biiftuutiif Haazar Enaanii hamma Shefaamitti milikkita itti godhaa!

[11] Daarichi Shefaamii ka'ee Aayin irraa gara ba'a-biiftuutiin Riiblaatti gad bu'a; achiis karaa gara ba'a-biiftuutiin gaara irra ba'ee galaana Kiineret isa Galiilaa jedhamee beekamu in ga'a.

[12] Achii ka'ees hamma Yordaanositti gad in bu'a; dhumni daarii sanaas galaana soogiddaa ga'ee in dhaabata; kun daarii isaa hundumaa wajjin biyya keessan in ta'a jedha” jedhi!” jedhe.

[13] Museen yommus Israa'elootatti himee, isaaniin,“Biyyichi inni Waaqayyo, gosoota sagalii fi walakkaa gosa Minaaseetiif akka kennamutti abboomnaan isin buufata mukaatiin dhaala godhattanii fudhattan isa kana;

[14] gosi maatii Ruubenii fi gosi maatii Gaadi, walakkaan gosi Minaasees akka mana mana abbaa isaaniitti dhaala isaanii fudhataniiru.

[15] Gosi kun lamaanii fi walakkaan gosa Minaasee, laga Yordaanos gamaa Yerikoo irraa gara boruutiin biyya isa gara ba'a-biiftuu dhaala isaanii fudhataniiru” jedhe.

[16] Waaqayyo itti fufee Museedhaan,

[17] “Maqaan namoota biyyicha dhaala godhanii isiniif hiranii kanatti fufee kan jiruu dha; Ele'azaar lubichaa fi Iyaasuu ilma Nun.

[18] Biyyicha dhaalaaf akka isiniif hiraniif gosa hundumaa keessaa angafa tokko tokko fo'adhaa!” jedhe.

[19] Maqaan namoota fo'amanii kanatti fufee jira; gosa Yihudaa keessaa Kaaleb ilma Yofunee;

[20] gosa Shimi'oon keessaa Shemu'el ilma Amiihud;

[21] gosa Benyaamiin keessaa Eliidaad ilma Kiislon;

[22] gosa Daan keessaa angafni Bukii ilma Yogliit;

[23] gosa Minaasee ilma Yoseef keessaa angafni Haanii'el ilma Efod;

[24] gosa Efreem keessaa angafni Kemu'el ilma Shiiftaan;

[25] gosa Zebuloon keessaa angafni Eliizaafaa ilma Phaarnaak;

[26] gosa Yisaakor keessaa angafni Phaalti'el ilma Aazaan;

[27] gosa Asheer keessaa angafni Ahiihud ilma Shelomiit;

[28] gosa Niftaalem keessaa angafni Phedaahel ilma Amiihud;

[29] biyya Kana'aan keessaa namoonni Israa'elootaaf dhaala akka hiraniif Waaqayyo isaan abboome isaan kana turan.

Seera Lakkoobsaa — Chapters