Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:32

[1] Warri Israa'el Shiixiimin buufatanii utuu jiranii, isaan keessaa jarri tokko dubartoota Mo'aabii wajjin ejjuutti in ka'an.

[2] Dubartoonni kun jara kana gara aarsaa waaqayyolii tolfamoo isaaniitti in waaman; isaanis nyaatanii, waaqayyolii isaaniitiifis in sagadan.

[3] Warri Israa'el Ba'aal isa Phe'or waaqessuutti in qabaman; yommus dheekkamsi Waaqayyoo Israa'el irratti in boba'e.

[4] Waaqayyo ammoo Museedhaan,“Dheekkamsi koo inni sodaachisaan Israa'el irraa akka deebi'utti, ati angafoota saba kanaa fuudhii ajjeesiitii hamma aduun lixxutti fuula koo duratti isaan rarraasi!” jedhe.

[5] Museen kana irratti abboota firdii warra Israa'eliin,“Isin tokkon tokkon keessan nama keessan keessaa Ba'aal isa Phe'or nama waaqeffatu ajjeesaa!” jedhe.

[6] Kunoo, Museenii fi guutummaan waldaa saba Israa'el dunkaana itti wal ga'an dura dhaabatanii utuu isaan boo'anii, namoota Israa'el keessaa tokko utuma isaan ilaalanii, dubartii warra Miidiyaan tokko fudhatee gara maatii isaatii dhufe.

[7] Yommus Fiinehaas ilmi Ele'azaar ilma Aaron lubichaa kana argee, ka'ee waldicha keessaa ba'ee eeboo fudhatee,

[8] hamma gola isa keessaatti namicha Israa'el sana duukaa dhaqee, namicha, dubartittiis waraanee keessa in baase; akkasitti dha'ichi Israa'eloota irraa in ittifame.

[9] Haa ta'u iyyuu malee, warri dha'icha sanaan ajjeefaman namoota kuma digdamii afur turan.

[10] Waaqayyo yommus Museedhaan,

[11] “Israa'eloota keessaa Fiinehaas ilmi Ele'azaar ilma Aaron lubichaa, waa'ee kootiif hinaafaa waan tureef, ani hinaaffaa kootiin akkan isaan hin fixnetti dheekkamsa koo isaan irraa deebiseera.

[12] Kanaaf,“Kunoo ani kakuu nagaa kootii isaaf nan kakadha.

[13] Inni ana Waaqayyo isaatiif hinaafaa waan tureef, saba Israa'eliifis waan araarseef, kakuun lubummaa bara baraan isaaf, isa booddeedhaanis sanyii isaatiif in ta'a” jedhii dubbadhu!” jedhe.

[14] Maqaan namicha isa dubartittii warra Miidiyaanii wajjin ajjeefamee Ziimrii ture; inni immoo ilma Saaluwaa, gosa Shimi'oon keessaa mana abbaa isaatiitti isa geggeessitu turee dha.

[15] Maqaan dubartii warra Miidiyaan ishee ajjeefamte immoo Kozbii ture; isheen intala Zuur isa Miidiyaan keessatti dura-buutuu maatii tokkoo turee ti.

[16] Waaqayyo ammas Museedhaan,

[17] “Warra Miidiyaan kana rakkisaa, isaan rukutaas!

[18] Isaan haxxummaa isaanii isa waa'ee Phe'oriif, waa'ee Kozbii intala bulchaa biyyaa warra Miidiyaan obboleettii isaanii, ishee guyyaa dha'icha sababii Phe'oriif dhufe sanaatti ajjeefamte sanaan isin gowwoomsanii isin rakkisaniiru” jedhe.

Seera Lakkoobsaa — Chapters