Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:14

[1] Waaqayyo tulluu Siinaa irratti Museetti yommuu dubbate, sanyiin Aaronii fi Musee akka kanatti fufee jiru turan.

[2] Maqaan ilmaan Aaron, Naadaab isa angafa, Abiihuu, Ele'azaar, Itaamaar.

[3] Isaan kun warra luboota ta'anii hojii lubaa hojjechuudhaaf dibamanii dha.

[4] Naadaabii fi Abiihuun Siinaa lafa onaatti ibidda alaa Waaqayyo duratti yommuu dhi'eessan in du'an; ijoollees hin qaban turan; Ele'azaarii fi Itaamaar garuu fuula abbaa isaanii Aaron duratti luba ta'anii in hojjetan.

[5] Waaqayyo yommus Museedhaan,

[6] “Sanyiin Lewwii, Aaron lubicha akka gargaaraniif dhi'eessiitii fuula isaa dura isaan dhaabi!

[7] Isaan godoo sana keessa hojjechuu isaaniitiin, wanta isa irraa barbaadamuu fi guutummaa waldichaa irraa barbaadamu dunkaana wal ga'ii sana duratti in raawwatu.

[8] Isaan hojii godoo sanaa hojjechuu isaaniitiin mi'a dunkaana itti wal ga'an sanaa in eegu; Israa'eloota irraa wanta barbaadamus in raawwatu.

[9] Lewwoonni guutummaatti Israa'eloota keessaa Aaronii fi ilmaan isaatiif waan kennamaniif, ati Aaronii fi ilmaan isaatiif isaan kenni!

[10] Aaronii fi ilmaan isaa luboota ta'anii akka hojjetaniif ati hojii irra isaan dhaabi! Namni kan biraa iddoo qulqullaa'aatti yoo dhi'aate garuu haa ajjeefamu!” jedhe.

[11] Waaqayyo ammas immoo Museedhaan,

[12] “Kunoo! Israa'eloota keessaa ani qoodan angafa karra saaqu hundumaa fudhadhu, Lewwoota fudhadheera; kanaaf Lewwoonni kan koo ti.

[13] Ani Waaqayyoo dha; angafni hundinuu kan koo waan ta'eef, ani guyyaan biyya Gibxii keessaa angafa hundumaa dha'e sanatti Israa'el keessaa angafa hundumaa, namaa hamma horiitti, addaan nan baafadhe; kanaaf Lewwoonni kan koo ta'aniiru” jedhe.

[14] Waaqayyo Siinaa lafa onaa keessatti Museedhaan,

[15] “Ijoollee Lewwii dhiirota dhalatanii ji'a fixanii jalqabdee hamma warra isaa oliitti, akka mana mana abbaa isaaniittii fi akka maatii maatii isaaniitti lakkaa'i!” jedhe.

[16] Museen akkuma Waaqayyo isa abboometti isaan in lakkaa'e.

[17] Maqaan ilmaan Lewwii Gershoon, Qehaat, Meraarii ture.

[18] Maqaan ilmaan Gershoon immoo akka maatii maatii isaaniitti Liibnii fi Shime'ii ture.

[19] Maqaan ilmaan Qehaat, akka maatii maatii isaaniitti Amraam, Yizhaar, Kebroon, Uzii'el ture.

[20] Maqaan ilmaan Meraarii, Maahilii, Mushiis ture; isaan kun akka mana mana abboota isaaniitti maatiiwwan Lewwootaa ti.

[21] Maatiiwwan Liibnii fi Shime'ii qomoo Gershoon turan; kanaaf isaan “Gershoota” jedhaman.

[22] Lakkoobsi dhiirota isaanii mucaa ji'a tokkootii jalqabee hamma warra isaa oliitti, kuma torbaa fi dhibba shan ture.

[23] Maatiiwwan Gershootaa godicha dugda duuba gara lixa-biiftuutiin haa buufatan!

[24] Geggeessituun qomoo Gershoon, Eliyaasaaf ilma Laa'el.

[25] Dunkaana itti wal ga'an sana keessaa wanti ijoolleen Gershoon eegan, godicha, dunkaanicha irra-buusa isaa wajjin, golgaa balbala dunkaana itti wal ga'anii,

[26] golgaa oobdichaa, golgaa balbala oobdichaa isa godichaa fi iddoo aarsaatti naanna'ee jiru, funyoo isaa, wanta isa duukaa jiru hundumaas ture.

[27] Amraamii fi Yizhaar, Hebronii fi Uzii'el qomoo Qehaat turan; isaan kun maatiiwwan Qehaat.

[28] Lakkoobsi dhiirota isaanii mucaa ji'a tokkootii jalqabee hamma warra isaa oliitti, kuma saddeetii fi dhibba ja'a ture; isaan kun warra iddoo qulqullaa'aa isa itti gaafataman sana eeganii dha.

[29] Maatiiwwan ilmaan Qehaat cinaacha godoo sanaa gara harka mirgaatiin haa buufatan!

[30] Geggeessituun maatiiwwan Qehaat akka mana abbaa isaaniitti Elzaafaan ilma Uzii'el.

[31] Isaan kun sanduuqa kakuu, gabatee, baattuu ibsaa, iddoowwan aarsaa, mi'a iddoo qulqullaa'aa isa luboonni ittiin hojjetan, golgaa, mi'a golgaa sanaaf barbaachisu hundumaas eeguutti in gaafatamu.

[32] Ele'azaar ilmi Aaron lubichaa geggeessituu geggeessitoota warra Lewwootaa ture; inni warra iddoo qulqullaa'aa eeguudhaaf itti gaafataman sana irra adeemee in ilaala.

[33] Qomoowwan Maahilii fi Mushii kan Meraarii ti; isaan kun qomoowwan Meraarii ti.

[34] Lakkoobsi dhiirota isaanii mucaa ji'a tokkootii jalqabee hamma warra isaa oliitti, kuma ja'aa fi dhibba lama ture.

[35] Geggeessituun maatiiwwan qomoo Meraarii akka mana abbaa isaaniitti Zurii'el ilma Abiihaayil ture; isaan cinaacha godoo sanaa gara harka bitaatiin haa buufatan!

[36] Ilmaan Meraarii tuggee godichaa, danqaraa isaa, utubaa isaa, miiloo isaa, mi'a miiloo sanaaf barbaachisu hundumaa,

[37] utuboota oobdichatti naanna'anii jiran, miiloo isaanii, qofoo isaanii fi funyoo isaanii, godichas eeguutti in gaafatamu.

[38] Museenii fi Aaron, ilmaan Aaronis godoo sana gara boruutiin dunkaana itti wal ga'an dura qixa ba'a-biiftuutiin haa buufatan! Isaan ofii isaaniitiif, Israa'elootaafis iddoo qulqullaa'aa eeguutti in gaafatamu; isaan irraa kan hafe namni kan biraa yoo itti dhi'aate haa ajjeefamu!

[39] Warri Museenii fi Aaron akka Waaqayyo isaan abboometti Lewwoota keessaa akka maatii maatii isaaniitti lakkaa'an, dhiironni hundinuu mucaa ji'a tokkootii jalqabee hamma warra isaa oliitti, kuma digdamii lama turan.

[40] Waaqayyo ergasii Museedhaan,“Israa'eloota keessaa dhiirota angafa dhalatan hundumaa mucaa ji'a tokkootii jalqabdee hamma warra isaa oliitti lakkaa'i! Maqaa isaaniis tarreetti caafi!

[41] Ani Waaqayyoo dha; ati qooda angafa Israa'elootaa hundumaa warra Lewwootaa anaaf fuudhi! Qooda angafa horii warra Israa'el hundumaas horii warra Lewwootaa anaaf fuudhi!” jedhe.

[42] Museenis akkuma Waaqayyo isa abboome Israa'eloota keessaa angafa hundumaa in lakkaa'e.

[43] Akka tarree maqaa isaaniitti mucaa ji'a tokkootii jalqabee isaa ol kan jiran lakkoobsi dhiirota isaanii warra angafaa walitti qabaatti kuma digdamii lamaa fi dhibba lamaa fi torbaatamii sadii.

[44] Ammas Waaqayyo Museedhaan,

[45] “Ani Waaqayyoo dha; ati qooda angafa Israa'eloota hundumaa warra Lewwootaa anaaf fuudhi! Qooda horii Israa'elootaa warra angafa dhalataniis horii warra Lewwootaa anaaf fuudhi! Lewwoonni kan koo haa ta'an!

[46] Israa'eloota keessaa baay'inni warra angafaa, baay'ina warra Lewwootaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadiin in caala; isaan kana furuudhaaf immoo,

[47] tokkon tokkon isaaniitiif akka madaalii godoo qulqullaa'aatti sheeqelii shan shan fuudhi! Sheeqeliin tokko geeraa digdama.

[48] Horii warra lakkoobsi isaanii lakkoobsa warra kaanii caalee furamanii sana Aaronii fi ilmaan isaaf kenni!” jedhe.

[49] Museen horii warra lakkoobsi isaanii kan warra kaanii caale warri Lewwootaa deebisanii furatanii sana in fuudhe.

[50] Horiin inni Israa'eloota keessaa warra angafa dhalatan irraa fuudhe, akka madaalii godoo qulqullaa'aatti sheeqelii kuma tokkoo fi dhibba sadii fi jaatamii shan ture.

[51] Museenis akkuma Waaqayyo isa abboometti horii isaan ittiin furaman sana Aaronii fi ilmaan isaatiifis in kenne.

Seera Lakkoobsaa — Chapters