Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:30

[1] Ji'a isa tokkoffaatti guutummaan waldaa Israa'el gara Siin lafa onaa dhufanii Qaadeshiin in taa'an; achitti Miiryaam duutee, achumattis in awwaalamte.

[2] Yommus jarri bishaan waan dhabaniif, Musee fi Aaroniin mormuudhaaf walitti in qabaman.

[3] Isaan Musee lolanii,“Yommuu obboloonni keenya Waaqayyo duratti dhuman nuyis utuu dhumneerra ta'ee,

[4] isin maaliif nuyi waldaan Waaqayyoo as lafa onaatti akka dhumnuuf nu fiddan” Nuyi, horiin keenyas asitti akka dhumnuuf moo”

[5] Isin maaliif biyya Gibxii keessaa gara iddoo gadhee kanatti nu fiddan” Iddoon kun midhaan, harbuu, waynii, rumaaniis hin qabu; bishaan dhugan iyyuu hin jiru” jedhan.

[6] Kana irratti Musee fi Aaron fuula waldaa duraa ba'anii gara balbala dunkaana itti wal ga'anii dhaqanii, adda isaaniitiin lafatti in gombifaman; ulfinni Waaqayyoos isaanitti in mul'ate.

[7] Waaqayyo yommus Museedhaan,

[8] “Ulicha fudhadhuutii atii fi Aaron obboleessi kee waldaa walitti qabaa! Ija isaanii durattis kattichatti dubbadhu, inni bishaan in burqisiisa; ati akkasitti katticha keessaa bishaan isaaniif baaftee, jarrii fi horiin isaanii akka dhugan in goota” jedhe.

[9] Museen akkuma Waaqayyo isa abboometti, ulicha fuula Waaqayyoo duraa in fudhate.

[10] Musee fi Aaron kattaa sana duratti waldicha erga walitti qabanii, Museen isaaniin,“Isin warra didduu nana mee dhaga'aa! Amma egaa nuyi kattaa kana keessaa bishaan isiniif baafnaa ree?” jedhe.

[11] Kana booddee Museen harka isaa ol fudhatee si'a lama ulee isaatiin katticha in rukute; bishaan baay'eenis achi keessaa in burqe; jarri hundinuu, horiin isaaniis in dhugan.

[12] Waaqayyo ammoo Musee fi Aaroniin,“Sababii isin anatti hin amaniniif Israa'eloota durattis waan isin ana hin qulqulleessiniif isin waldaa kana gara biyya isa ani isaaniif kenneetti hin galchitan” jedhe.

[13] Iddoon itti Israa'eloonni Waaqayyoon morminaan, Waaqayyo immoo qulqulluu ta'uu isaa mul'ise kun bishaan Mariibaa ti.

[14] Ergasii Museen Qaadeshii gara mootii Edoomitti namoota ergee,“Obboleessi kee Israa'el,“Rakkina nu irra ga'e hundumaa isin in beektu;

[15] abboonni keenya gara biyya Gibxiitti gad bu'anii, nuyis achi bara baay'ee in jiraanne; warri Gibxii immoo nuun, abboota keenyas in miidhan.

[16] Nuyi garuu gara Waaqayyootti in iyyanne, innis sagalee iyya keenyaa dhaga'ee, ergamaa isaa ergee biyya Gibxii keessaa nu baase. Kunoo! Nuyi Qaadesh keessaa mandara isa daarii biyya keetii keessa jirra.

[17] Maaloo! Biyya kee keessa nu dabarsi! Nuyi maasii nama tokkoo yookiis iddoo dhaabaa waynii nama tokkoo keessa illee hin baanu, bishaan boollaa keessanis hin dhugnu, nuyi biyya kee keessa hamma darbinutti karaa guddaa isa kan mootii irraa asii fi achi, gara mirgaatti yookiis gara bitaatti utuu hin gorin in adeemna jedhe” jedhaa itti himaa!” jedhe.

[18] Mootiin Edoomis Museedhaaf deebisee,“Ati as irra hin darbitu; as irra darbuudhaaf in dhufta yoo ta'e, ani sitti nan duula, billaadhaanis sin rukuta” jedhe.

[19] Yommus Israa'eloonni deebisanii,“Nuyi karaa guddaa irra buunee in adeemna, bishaan keessan yoo dhugne, horiin keenyas yoo dhugan gatii isaa in baafna; nuyi miillumaan achi keessa darbina malee, waan tokko iyyuu hin tuqnu” jedhan.

[20] Mootiin Edoom ammas deebisee,“Lakkii keessa hin darbitan!” jedhee, isaan loluudhaaf loltuu baay'eedhaa fi irree cimaadhaan in ba'e.

[21] Mootiin Edoom warra Israa'el biyya isaa keessa darbuu yommuu dhowwe, warri Israa'el deebi'anii karaa biraa irra goran.

[22] Guutummaan waldaa Israa'el Qaadeshii ka'ee gara tulluu Hoor in dhaqe.

[23] Tulluu Hoor isa daarii biyya Edoom jiru irratti Waaqayyo ammas Musee fi Aaroniin,

[24] “Aaron gara saba isaatti in sassaabama; isin bishaan Mariibaa biratti diddanii abboommii koo irratti waan kaataniif, inni biyya isa ani Israa'elootaaf kennetti hin galu!

[25] Ati, Aaronii fi ilma isaa Ele'azaariin geessiitii gara tulluu Hooritti ol baasi!

[26] Uffata Aaron irraa baasiitii ilma isaa Ele'azaaritti uffisi! Aaron achitti in du'a, gara saba isaattis in sassaabama” jedhe.

[27] Museen akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe; isaan guutummaan waldaa utuu isaan ilaaluu tulluu Hooritti ol in ba'an;

[28] Museen achitti Aaron irraa uffata isaa baasee Ele'azaar ilma Aaronitti in uffise; Aaron achitti bantii tullichaa irratti in du'e; Musee fi Ele'azaar immoo tullicha irraa gad in bu'an.

[29] Aaron akka du'e guutummaan waldaa yommuu dhaga'e, Israa'eloonni hundinuu guyyaa soddoma in boo'aniif.

Seera Lakkoobsaa — Chapters