Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:58

[1] Waaqayyo,“Yaa ijoollee Benyaamiin, badiisi biyya gara bitaatii sababii dhufaa jiruuf, diigamuu guddaanis waan dhi'aateef, Yerusaalemii ba'aatii baqadhaa! Teqo'aatti fiinoo afuufaatii, Bet-Hakereem keessatti milikkita lolaa ol kaasaa!

[2] Mandara Xiyoon ishee miidhagdhuu fi qananiituu ani nan balleessa.

[3] Akkuma tiksoonni naannoo tokko buufatanii bushaayee isaanii dheechifatan, akkasuma dura-buutonni diinotaa loltoota isaanii wajjin dhufanii, naannessanii adduma addaan godoo godoo isaanii dhaabbatanii ishee irra in buufatu.

[4] “Isaan,“Isheetti lola kaasuudhaaf qophaa'aa, ka'aa, guyyaa saafaa ishee in waraannaa! Garuu gaadidduun dheerachaa adeemuutti waan jiruuf, aduunis nutti dhi'uuf waan jedhuuf, nuuf wayyoo!

[5] Egaa kottaa halkaniin baanee rukunnee ishee in balleessinaa!” in jedhu” jedhe.

[6] Waaqayyo gooftaan maccaa dura-buutota diinota kanaatiin, “Mandarri Yerusaalem isheen cunqursaan keessa guute kun akka adabamtutti, mukkeetii muraa isheetti naannessaatii koobii ijaarradhaa!

[7] Akkuma burqaan bishaanii bishaan qabbanaa'aa yaasu, akkasuma isheen hammina ishee of keessaa in yaafti; humnaan nama irratti ka'uunii fi nama cunqursuun, yeroo hundaa ishee keessatti in dhaga'ama; inni isaan nama reebanii madeessan, yeroo hundaa fuula koo dura jira.

[8] Yaa Yerusaalem! Ani akkan si irraa gara hin galletti, biyya kees balleessee namni akka keessa hin jiraanne akkan hin goonetti, gorsa koo dhaga'i!” in jedhe.

[9] Ammas Waaqayyo gooftaan maccaa, “Akkuma qarmiin ija waynii funaanamu, akkasuma saba Israa'el keessaa warri hafan raawwatanii in funaanamu; akkuma nama ija waynii damee isaa irraa ciruutti, harka kee gara isaatti hiixadhu!” jedhee anatti in dubbate.

[10] Yommus ani immoo deebisee, “Eenyutti dubbadhee, eenyuunis gorsu ree” Eenyutu wanta ani jedhu dhaga'a” Kunoo! Isaan mata-jabeeyyii waan ta'aniif, dubbii kee dhaga'uu in didan. Kunoo! Isaan dubbii kee akka ga'ootti waan ilaalaniif, isa dhaga'uutti hin gammadan.

[11] Kanaaf yaa Waaqayyo, dheekkamsi kee ana keessa in guute; ani isa of keessatti ittisuu hin danda'u” nan jedhe; yommus Waaqayyo deebisee, “Ijoollota karaa irra jiran irratti, wal ga'ii dargaggootaa irrattis dheekkamsa koo dhangalaasi! Abbaan manaa fi haati manaa, warri dulloomanii lafa guuran in booji'amu.

[12] Ani harka koo warra biyya kana jiraatan irratti waanan ol fudhadhuuf, manneen isaanii, maasiin isaanii fi dubartoonni isaanii saba kan biraatiif in kennamu.

[13] “Isaan isa guddaadhaa hamma isa xinnaatti, hundumti isaanii bu'aa dalgaa duukaa in bu'u. Raajonnii fi luboonni iyyuu namoota in gowwoomsu;

[14] cabni saba kootii akka waan salphaatti fayyu, “Nagaa dha!?“Nagaa dha!” in jedhu; nagaan garuu hin jiru.

[15] Wanta ciiggaasiisaa akkasii waan hojjetaniif, yeella'uun isaan irra ture, isaan garuu hin yeellaane, yeelloon maal akka ta'es hin beekne; kanaaf isaanis warra kufanii wajjin in kufu, ani isaan adabuu yommuun dhufu, isaan kufaatii guddaa in kufu” jedhee anatti dubbateera.

[16] Ammas Waaqayyo isin saba isaatti dubbatee, “Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! “Daandiin inni durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?” jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!” jedhe; isin garuu,“Lakkii nuyi isa irra adeemuu hin barbaannu” in jettan.

[17] Waaqayyo immoo,“Ani eegdota isiniif kenneen, “Yommuu isaan fiinoo afuufan dhaga'aa!” isiniin jedhe; isin garuu, “Lakkii nuyi dhaga'uu hin barbaannu” in jettan.

[18] Kanaaf isin yaa saba lafa irraa dhaga'aa! Isinis warri asitti walitti qabamtan, wanta saba kootti dhufuuf jiru qalbifadhaa!

[19] Yaa lafaa dhaga'i! Sabni koo sagalee koo waan hin dhaga'iniif, abboommii koos waan tuffataniif, kunoo, ani isaan irratti badiisa nan fida, innis ija hojii isaanii ti.

[20] Ixaanni biyya Sheebaatii dhufuu fi mukti urgooftuu biyya fagoodhaa dhufu maal anaaf godha” Qalmi keessan inni gubamu ana hin gammachiisu! Aarsaan keessanis anatti hin tolu.

[21] Kanaaf kunoo! Ani saba kana dura gufuu nan kaa'a, abbaanii fi ilmi isa gufatanii in kufu, olloonnii fi firoonni walumaa wajjin in dhumu” jedhe.

[22] Waaqayyo,“Kunoo! Sabni tokko biyya gara bitaatii in dhufa, sabni guddaan tokkos biyya fagootii in ka'a.

[23] Yaa mandara Xiyoon! Isaan gara-jabootaa fi warra oo'a hin qabnee dha, iddaadhaa fi eeboo ol fudhataniiru, sagaleen isaanii akka galaana huursuu ti; isaan si loluudhaaf qophaa'anii fardeen yaabbatanii in dhufu” jedhe.

[24] Warri Yerusaalem keessa jiraatan immoo, “Nuyi waa'ee kanaa yommuu dhageenye harka keenya in dachaafanne, naasuunis nu qabate, akka dubartii ciniinsifattuus in taane.

[25] Diinonni keenya billaa hidhatanii karaa hundumaa waan nu sodaachisaniif, nuyi alatti gad ba'uu yookiis karaa irra adeemuu hin dandeenye” jedhan.

[26] Yaa saba ko, diinni nu balleessuudhaaf dingata waan dhufuuf, uffata gaddaa uffadhuutii daaraa keessa gangaladhu! Akka nama ilma tokkichaaf wawwaatee gadde boo'uuttis boo'i!

[27] Waaqayyo,“Akka nama sibiila qoruutti ati saba koo qortee akka ilaaltuuf, jireenya isaaniis qortee akka hubattu si godheera.

[28] Isaan hundumti isaanii akka sibiila borrajjii fi akka sibiila gurraachaa mata-jabeeyyii dha, didduu dhas.

[29] Dilalii baqsuudhaaf buufaan hamma fedhe yoo itti buufame iyyuu, dilalichumatu boolla buufaa keessaa ba'a malee, udaan sibiilaa keessaa hin ba'u; akkasuma immoo warri jal'oonni saba kana keessaa hin baafamin waan jiraniif, isaan qulleessuudhaaf itti dadhabuun akkasumaan.

[30] Ani Waaqayyo waanan isaan tuffadheef, isaan “Meetii gatame” in jedhamu” jedhe.

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters