[1] Nebukadnezaar mootiin Baabilon, iddoo Koniyaa ilma Yehoyaaqiim, Zedeqiiyaa ilma Yosiyaas biyya Yihudaa irratti in moosise;
[2] haa ta'u iyyuu malee, Zedeqiiyaan, hojjetoonni isaa, sabni biyya sana keessa jiraatanis dubbii Waaqayyoo isa ani Ermiyaas isaanitti dubbadheef hin abboomamne.
[3] Kana keessaa immoo Zedeqiiyaan mootichi, Yukaal ilma Shelemiiyaa fi Sefaaniyaa isa lubicha ilma Ma'aseyaa gara kootti ergee,“Maaloo! Waaqayyoon gooftaa keenya nuuf kadhadhu!” jedhe.
[4] Yeroo sana ani Ermiyaas mana hidhaatti hin galfamne waanan ta'eef, birmadummaadhaan asii fi achi nan adeeman ture.
[5] Warri Baabilon, warri Yerusaalemin marsanii turan, loltoonni mootii Gibxii biyya Gibxii akka ka'an yommuu dhaga'an, Yerusaalemin gad dhiisanii in baqatan.
[6] Yommus dubbiin Waaqayyoo gara ana Ermiyaas in dhufe;
[7] Waaqayyo inni kan Israa'el,“Mootii Yihudaa isa akka isin yaada ana gaafattaniif gara kootti isin ergeen,“Kunoo! Loltoonni mootii Gibxii warri isin gargaaruu dhufan, gara Gibxi biyya isaaniitti in deebi'u;
[8] warri Baabilon garuu deebi'anii dhufanii, biyya kana lolanii qabatanii ibiddaan in gubu” jedhiin!
[9] Warri Baabilon isin irraa hin deebi'aniitii,“Nu irraa deebi'aniiru” jettanii of hin gowwoomsinaa!
[10] Loltoota Baabilon warra isin lolan hundumaa rukuttanii utuma mootanii iyyuu isaan keessaa warri madaa'anii hafan duwwaan iyyuu, dunkaana isaanii keessaa ba'anii mandarattii kana ibiddaan in gubu” jedhe.
[11] Loltoonni warra Baabilon, loltoota mootii Gibxii jalaa baqatanii Yerusaalemin erga gad dhiisanii booddee,
[12] ani Ermiyaas dhaala sanyii kootii keessaa ga'aa koo hirmaachuudhaaf Yerusaalemii ba'ee gara kutaa biyya Benyaamiin nan dhaqe;
[13] ani dhufee karra mandara Benyaamiin dura yommuun ga'e, angafni karra-eegduu maqaan isaa “Yiriyaa” jedhamu ilmi Shelemiiyaa, akaakayyuun Hanaaniyaa ol lixuu na dhowwee,“Ati warra Baabilonitti galuuf jetta fakkaata!” naan jedhe.
[14] Ani immoo deebiseen,“Lakkii, akkas miti! Ani warra Baabilonitti galuuf miti” jedhe; Yiriyaan garuu dubbii koo hin amanne; kanaaf inni na qabee gara warra biyya bulchaniitti na geesse.
[15] Isaan immoo anatti dheekkamanii, na reebsisanii mana Yonaataan caaftichaa isa mana hidhaa godhatan keessatti ana in hiisisan;
[16] anis mana boollaa isa bantiin isaa akka waciitii gombifameetti hojjetame keessatti hidhamee yeroo dheeraa nan ture.
[17] Ergasii Zedeqiiyaan mootichi dhoksaatti gara mana isaatti na waamsisee,“Waaqayyo amma waa sitti dubbateera moo?” jedhee na gaafate; ani immoo deebisee,“Eyyee dubbateera, ati amma harka mootii Baabilonitti dabarfamtee in kennamta” nan jedhe.
[18] Yommus ani Ermiyaas Zedeqiiyaa mootichaan,“Ani maalan si godhe” Hojjetoota kee fi saba kana irratti cubbuu maaliin hojjedhe” Maaliifis na hiisifte”
[19] Raajonni kee warri,“Mootiin Baabilon sitti, biyya kanattis hin duulu?, jedhanii raajii siif dubbatan amma eessa jiru”
[20] Yaa mootii ko, yaa gooftaa ko, maaloo wantan sitti himadhu anaaf dhaga'i! Ani achitti akkan hin duunetti, deebiftee mana Yonaataan caaftichaatti ana hin hiisisin!” nan jedhe.
[21] Kana irratti Zedeqiiyaan mootichi ani Ermiyaas kellaa mana mootummaa keessatti akkan eegamuuf in abboome; akkasumas mandarattii keessaa buddeenni raawwatee hamma dhumutti dhaabii buddeenaa isa “Karaa warra buddeena tolchanii irra” jiru keessaa guyyaa guyyaatti buddeena tokko tokko anaaf akka kennan in godhe; akkasittan kellaa mana mootummaa keessatti eegamaa ture.