Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:19

[1] Zedeqiiyaan dhalatee waggaa digdamii tokkotti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha tokko in mo'e; maqaan haadha isaatii“Hamutaal” jedhama; isheen intala Ermiyaas nama mandara Liibnaa turte.

[2] Zedeqiiyaan kun akkuma Yehoyaaqiim Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjete;

[3] kun Yerusaalemii fi Yihudaa keessatti waan ta'eef, Waaqayyo baay'ee isaanitti aaree hamma fuula isaa duraa isaan balleessutti ga'e; yommus Zedeqiiyaan mootii Baabilon irratti in ka'e.

[4] Kana irratti Nebukadnezaar mootiin Baabilon, Zedeqiiyaan mo'ee waggaa salgaffaatti, ji'a kurnaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti loltoota isaa hundumaa fudhatee Yerusaalemitti in duule; mandarattii duuba buufatee dallaa ittiin ishee marsu guutummaa naannoo isheetti in ijaare;

[5] Zedeqiiyaan mo'e hamma waggaa kudha tokkoffaa isaatti mandarattiin akkuma marfamtetti turte.

[6] Wagguma sana keessa ji'a afuraffaatti, ji'icha keessaa guyyaa salgaffaatti wanti nyaatamu mandarattii keessaa raawwatee waan dhumeef, namoonni waan afaanitti deebifatan hamma dhabanitti beelli jabaan isaanitti in bu'e.

[7] Dallaan mandarattiis in cabe; Zedeqiiyaan mootiin Yihudaa kana yommuu arge, loltoota isaa warra isa eegan hundumaa fudhatee, karaa isa “Karra dallaa lamaan gidduu” jedhamu, isa iddoo dhaabaa mootichaatti dhi'oo jiru sanaa halkaniin baqatee in ba'e; utuma loltoonni Baabilon mandarattii marsanii jiranii, Zedeqiiyaan mootichi gara dachaa Yordaanos isa “Arabaayi” jedhamutti in sokke.

[8] Loltoonni Baabilon garuu Zedeqiiyaa mooticha hordofanii dachaa Yerikootti isa in qaqqaban; loltuun isaa hundinuu garuu isa dhiisanii in tatamsa'an;

[9] erga isa qabataniis gara mandara Riiblaa isa biyya Haamaat keessaatti iddoo Nebukadnezaar mootiin Baabilon jirutti isa in geessan; mootichis achitti isatti in farade.

[10] Mootiin Baabilon achuma mandara Riiblaa keessatti ilmaan Zedeqiiyaa fuuluma isaa duratti akkasumas gurguddoota biyya Yihudaa hundumaa in ajjeese.

[11] Kana booddee immoo ija Zedeqiiyaa keessaa baasisee, funyoo sibiila borrajjiitiin hiisisee gara biyya Baabilonitti isa in erge; hamma inni du'uttis akkuma hidhametti isa in tursiise.

[12] Nebukadnezaar mootiin Baabilon erga mo'ee waggaa kudha salgaffaa isaatti, waggichattii ji'a shanaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kurnaffaatti Nebuzaraadaan ajajaan loltuu warra mooticha eeganii, inni mootichaaf amanamaa ture mandara Yerusaalemitti lixee,

[13] mana qulqullummaa, mana mootummaa, manneen namoota gurguddoota Yerusaalem hundumaa gubee in balleesse.

[14] Loltoonni isa duukaa turan hundinuus dallaa Yerusaalem guutummaatti in diigan.

[15] Yommus Nebuzaraadaan ajajaan loltoota warra mooticha eeganii, namoota warra baay'ee hiyyeessota ta'an keessaa gar tokko, warra mandarattii keessatti hafan, warra hojii harkaa beekan, warra mootii Baabilonitti of kennanii fi namoota warra kaan hundumaa wajjin booji'ee Baabilonitti in geesse.

[16] Garuu saba biyyattii keessaa baay'ee hiyyeeyyii kan ta'an muraasi hafanii waynii akka dhaabaniif, qotiisas akka qotaniif dhiisee in adeeme.

[17] Namoonni Baabilon immoo utuboota sibiila borrajjii irraa hojjetaman, baattuuwwan geengoo qabanii fi gaanii bishaanii sibiila borrajjii irraa hojjetame mana qulqullummaa keessaa caccabsanii, sibiilicha borrajjii sana fudhatanii, gara biyya Baabilonitti in geessan.

[18] Akkasumas caabii itti daaraa naqan, fal'aana ittiin daaraa hamaaran, qabduu ittiin fo'aa ibsaa kutan, waciitii ittiin dhiiga facaasan, qodaa ixaanaa fi qodaa sibiila borrajjii irraa tolfame mana qulqullummaa keessaa ittiin hojjetan hundumaa fudhatanii in adeeman.

[19] Ajajaan loltoota warra mooticha eeganiis, mi'a warqee fi meetii irraa hojjetaman caabii, baattuu irratti ibidda bobeessan, waciitii ittiin dhiiga facaasan, xuwwee, baattuu ibsaa, qodaa ixaanaa fi wanta ittiin kennaa dhugaatii dhi'eessan hundumaa fudhatee in adeeme.

[20] Miijanni utuboota lamaanii, gaanii bishaanii, fakkeenya qotiyyoota sibiila borrajjii irraa hojjetaman kudha lamaan gaanii kana jala jiranii, warri Solomoon mootichi mana qulqullummaatiif hojjechiise hammana kan hin jedhamnee dha.

[21] Utuboonni lamaan tokkon tokkon isaanii dhundhuma kudha saddeet dheeratu; furdinni tokkon tokkon isaanii dhundhuma kudha lama ture; keessi isaanii qaawwaa ta'ee yabbinni dhagna isaanii qabaa tokko ture;

[22] tokkon tokkon utubichaa irratti guutuun sibiila borrajjii irraa hojjetamee dhundhuma shan dheerata; naannoo guutuu utubichaatti miidhaginaaf sibiila borrajjii irraa wal keessa galfamee kan tolfameef akka ija rumaaniitti kan hojjetametu ture; utubaan inni lammaffaanis rumaanii isaa wajjin akkuma isa kanaatti miidhagfamee hojjetame.

[23] Gara tokkon rumaanii sagaltamii ja'atu isaan irratti hojjetame; rumaaniin naannoo isaaniitti wal keessa galfamanii hojjetaman walitti qabaan isaanii dhibba tokko turan.

[24] Akkasumas ajajaan loltoota warra mooticha eeganii, hojjetoota mana qulqullummaa keessaa, Seraayaa angafa lubootaa, Sefaaniyaa itti aanaa angafa lubootaa fi karra eegdota sadan booji'ee biyya Baabilonitti fudhatee in gale;

[25] mandarattii keessatti warra hafan keessaa angafa loltootaa tokkoo fi gorsitoota mana mootummaa torban keessaa akkasumas caafaa ajajaa loltootaa, isa itti gaafatamaa namoota duulaaf caafamanii tureef saba biyya sanaa keessaa mandarattii keessatti kan argaman namoota jaatama fudhatee in sokke.

[26] Nebuzaraadaan ajajaan loltoota warra mooticha eeganii isaan kana hundumaa qabee gara mandara Riiblaa iddoo mootiin Baabilon jirutti in geesse;

[27] mootiin Baabilon immoo biyya Haamaat mandaruma Riiblaa sana keessatti isaan in ficisiise; akkasitti namoonni Yihudaa biyya isaaniittii gargar in ba'an.

[28] Lakkoobsi namoota warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon booji'ee biyyaa baase kanatti fufee jira; inni erga mo'ee waggaa torbaffaa isaatti, saba Yihudaa keessaa nama kuma sadii fi digdamii sadii in booji'e;

[29] waggaa kudha saddeettaffaa isaatti nama dhibba saddeetii fi soddomii lama Yerusaalem keessaa in booji'e.

[30] Nebukadnezaar mo'ee, waggaa digdamii sadaffaa isaatti immoo Nebuzaraadaan ajajaan loltoota warra mooticha eeganii nama dhibba torbaa fi afurtamii shan booji'ee biyyaa in baase; walitti qabaan lakkoobsa namoota booji'amanii biyyaa ba'anii kuma afurii fi dhibba ja'a ture.

[31] Yehoyaakiin mootiin Yihudaa booji'amee waggaa soddomii torbaffaatti Ewiil-Marodaak biyya Baabilon irratti mootii ta'e; baruma sana keessa ji'a kudha lammaffaatti, ji'ichattiis gaafa guyyaa digdamii shanaffaatti, Ewiil-Marodaak mana hidhaa keessaa Yehoyaakiinin in baasise;

[32] yaada qajeelaadhaan isaa wajjin haasa'ee, mootota warra isaa wajjin biyya Baabilon keessa turan caalaatti barcuma ulfinaa in kenneef.

[33] Yeroo sanaa jalqabee Yehoyaakiin uffata isaa isa yeroo mana hidhaa keessa ture uffatu in geddarate; hamma dhuma jireenya isaatiitti guyyaa hundumaa maaddii mootichaa irraa akka inni nyaatus in godhameef.

[34] Kana malees hamma dhuma jireenya isaatiitti guyyaa guyyaatti wanti isa barbaachisu akka kennamuuf mootiin Baabilon in abboome.

Macaafa Ermiyaas Raajichaa — Chapters